Itoophiyaatti haleellaa konkolaataa imaltootaa irratti raawwateen namoonni ajjeefaman 'sabaan foo'amaniiti'

Haleellaa konkolaataa imaltootaa Naannoo Amaaraa Magaalaa Bureerraa gara Naqamteetti imalaa turerratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefamuu poolisiin beeksise.

Konkolaataan haleellaan irratti raawwate magaalaa Buree, Naannoo Amaaraa irraa gara Naqamteetti deemaa osoo jiruu, Aanaa Amuuruutti dhaabsifamuun haleellaan kun qaqqabe jedha poolisiin.

Ajajaan Poolisii Godina Horroo Guduruu Wallagaa Komaandar Birhaanuu Yabbasaa TV biyyattiif akka himanitti, haleellaa kana Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan isaan 'ABO Shaneeti' ittiin jedhantu raawwate jedhu.

WBO’n hanga yoonaatti dhimma kanarratti yaada kennuu baatus, ajjeechaa siiviilotaa ilaalchisuun himannaawwan kana dura irratti ka’an haalaa ture.

Kanneen awutoobisiirraa buufamanii ajjeefaman 15 malee, namoonni madaa’an kaanis jiraachuu qondaalli kun himu.

Komaandar Birhaanuun akka jedhanitti, kanneen ajjeefaman keessaa saboonni Oromoofi Amaaraa keessatti argamu jedhan.

Namni taatee kana ijaan arge jedhuufi konkolaataa sana keessa ture BBCtti akka himetti, namoonni konkolaataa keessaa buufamuun afaan kam akka dubbatan gaafatamaa turan jedha.

Jalqaba torbee kanaarras kutaalee Oromiyaa garagaraatti konkolaataawwan ummataa Finfinnerraa ka’an irratti haleellaawwan raawwatamaniin yoo xiqqaate namoonni shan lubbuu dhabaniiru.

Haleellaawwan kun kan mudate erga walitti bu’insi sabaa Naannoo Amaaraatti lubbuu namoota 200 ol galaafatee booda yoo ta’u, sana hordofuun Naannoo Amaaraatti hiriirri mootummaa mormuun torbee tokko guutuuf taasifamaa ture.

Itoophiyaan torbanoota muraasa keessatti filannoo geggeessuuf yoo taatu, walitti bu’iinsi hawaasaafi gareewwan hidhatan gidduu taasifamuu malu, yaaddoo guddaa ta’ee jira.

Namni ijaan argan maal himu?

Namni taatee kana ijaan arguun BBCtti himan waan jedhan, kanneen awutoobisii keessa turan hedduun isaanii gara Magaalaa Guttin ta'uu dubbatan.

Magaalaan Guttin magaalaa Naqamteerraa km70 fagaattee argamtu yoo taatu, saba Amaaraa dabalatee kaanis baay'inaan keessa jiraatu.

Namni kun magaalaa Bureerraa awutoobisii yaabbachuun imala eegalanii Gammoojjii Abbayyaa xumuranii erga bahanii booda, hidhattoonni 20 tahan konkolaaticha dhaabsisan jedhu.

''Gariin iddoo qabatanii dhadhaabbataniiru, kaan ammoo konkolaataarraa nu buusan. Achis sabaan qooduu eegalan,'' jedhu.

Hidhattoonni kun imaltootaan Afaan Oromootiin ''Ati eenyu? Garam deemta?'' jechuun gaafachuu eegalan jedhu.

''Kan Afaan beeknu Afaan Oromoo dubbannee dabarre. Kan hin beekne ammoo adda baasuun gara bosonaa fuudhanii deeman. Nama baay'eedha kan fuudhanii deeman.''

Wayita hidhattoonni imaltoota gaafachaa turanitti, namoonni afur miliquuf wayita fiigan dhukaasanii wayita ajjeesan argeeras jedhu.

Kanneen arfan malee, kanneen foo'aman wayita ajjeefaman akka hinagarre dubbatu. ''Erga Guttin geenye boodadha kanneen fudhatanii deeman ajjeesuusaanii kan dhageenye,'' jedhu.

Hidhattoonni erga imaltoota awutoobisiirraa buusanii booda, konkolaataan kun gara Buree akka deebi'es himan namni kun.

''26 kan taanu adda baasanii nu gadhiisan,'' kan jedhan namni kun hidhattoonni namoota hangamii gara bosonaatti fuudhanii akka deeman beekuu baatanis, tilmaamaan gara 30 ni tahu jedhu.

Erga awutoobisichi gara Bureetti akka deebi'u taasifame boodas, isaan gara kallattii Naqamteetti lafoon imaluu akka eegalan dubbatu.

''Awutobisichi erga deebi'ee booda miilaan deemuu erga eegallee booda, konkolaataa [fee'umsaa] Ayisuuzuu argachuun hanga Agamsaatti nu fide,'' jedhu.

Namni taatee kana ijaan arge jedhan kun sabaan Amaaraa wayita tahan, Afaan Oromoo dubbachuu kootiif lubbuun oole jechuun, kaan garuu eenyummaasaaniif jecha ajjeefamutti naasuu guddaa keessa jiraachuu himu.

''Naasuurraa kan ka'e kaleessa dubbachuuyyuu hin danda'un ture... har'an dubbachuu eegale,'' jechuun BBCtti himan.

Naannoo Oromiyaa Godinaalee garagaraa keessatti sochiin qaama hidhate kan ABO irraa cabuun bosonatti hafe 'WBO' waggoota darban lamaan kanatti dabaluun kan himamu yoo tahu, mootummaan tarkaanfii fudhachaa jiruun hedduu isaanii 'barbadeesseera' jedha.

Keessattuu godinaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa keessatti oduun ajjeechaa namoota nagaa irratti rawwatamu irra deddeebiin dhagahama.

Mootummaan ajjeechaalee kanneeniif 'Waraana Bilisummaa Oromoo' kan 'ABO-Shanee' jedhee waamu gaafatama taasisa.

Ajajoonni waraanaa 'Waraana Bilisummaa Oromoo' ibsa yeroo gara garaa miidiyaaleef kennaniin ajjeechaa namoota nagaa keessaa harka qabaachuu ni waakkatu.