'Feesbuukii irratti 'Like' dhabuun ijoolleen akka of jibban taasisaa jira'

Torbee lama dura mucaan ganna 12 Jooshuwaa Haayileyyesuus jedhamu Ameerikaatti morkii ykn 'challenge Tik-Tok' kan itti of hudhanii qilleensaafi dhiigni akka hin yaane daangessuun daqiiqaa muraasaaf turuun erga gaggabanii booda deebi'anii akka dammaqu gochuuf otoo yaaluu of wallaalee.

Boodas hospitaala geeffamulleen lubbuunsaa darbeera, kunis ijoo dubbii miidiyaa hawaasaa tahee ture.

Nutis kanarraa kaanee ijoolleen miidiyaa hawaasaa akkamiin fayyadamuu qabu? Maatiinis akkamiin hordoffii taasisuu qaba? Kan jedhu ogeessa xiinsammuu guddina ijoollee (Developmental Pschologist) Teedroos Geetee gaafanneerra.

Akka ogeessi kuni jedhutti miidiyaan hawaasummaa gaariis, badaas tahuu mala kan murteessu akkaataa fayyadama keenyaati.

Kuni immoo ijoollee irratti qofa osoo hin taane ga'eessota irrattiyyuu dhiibbaa jabaa uumaa dhufeera jedha.

''Haa tahu malee ijoolleen umriin isaanii waggaa 18 gadi tahan yeroo kophummaan itti dhagahamu namoota waliin haasa'uuf, yaada qooduuf fi namoota waliin hariiroo uumuuf miidiyaa hawaasaa fayyadamuu danda'u kuni haala gaariin ilaalamuu mala,'' jedha.

Haa tahu malee ijoolleen waggaa 18 gadi jiran bilchinni sammuu isaanii fi waan itti himamu akkaataan itti fudhatan sababaafi bu'aadhaan waan hin deeggaramneef waan of eeggannoon ilaalamuu qabu dhas jedha.

Haala kanaanis ijoollee kanarratti dhiibbaan miidiiyaan hawaasaa qabu guddaafi isa yaadamuun olitti dha akka ogeessa kanaatti.

''Fakkeenyaaf Tik Tok irratti namni wayii waa dalagee yoo agarsiise ijoolleen umrii kanarra jiranis 'ani kana gochuu hin dadhabu, anis nan danda'a jechuun gochuu jalqabu, sababiinsaa umriin kuni yerootti waan hunda gochuuf itti yaalani dha.''

Hordoftooti miidiyaa hawaasaa isaanii dhugumaan akka isaan waliin jiran yerootti yaadaniifi ''kutaa sammuu isaanii sababiifi bu'aatti amanu caalaa yerootti baay'inaan miira fayyadamanitu baay'ata,'' jechuun ibsa.

Kana malees yerootti 'ani eenyu?' jechuu jalqabaniifi fi gulantaa guddinaa saalfattoo keessa darbaa jiran gatii taheef dhiibbaa sanaan ''waan isaan miidiyaa hawaasaa irratti maxxansan 'Like' baayyee akka argate agarsiifachuu barbaadu, achumaanis hordoftoota isaanii baay'ifachuuf tattaafatu'' jedha ogeessi kuni.

Kanaaf ijoolleen kuni waan 'post' godhan 'Like fi share' hangam naa fidee kan jedhu dha malee balaa natti fiduu danda'a kan jedhu hin hubatani jedha.

Jaalatamuuf jecha….

Ijoolleen 'like' baayyee takkaa argannaan kana caalaa maal yoon maxxansen jaalatamummaa horadha jechuun waa'ee ofii isaanii dhiisanii waa'ee namoota isaan hordofanii yaaduu jalqabu.

Faallaa kanaa immoo waanti isaan maxxansan 'like' yoo dhabeefi ilaalchi gaarii tahe yoo isaaniif hin kennamne gaaffii itti kaasa jedha.

Sababiinsaa immoo ijoolleen kuni ilaalcha isaaniif barreeffamu madaalanii ilaaluuf 'umrii gahaa' irra hin jiran, kunis dhiphinaa fi mukaa'uu(depression) dhaaf isaan saaxila.

''Ilaalcha namooti qaamaan arganii hin beekne kennan sirrii dha jedhanii fudhachuun muddama keessa yerootti of galchan jira.

Akka odeeffannoon biyyoota alaa agarsiisutti immoo hamma of jibbanii lubbuu isaanii balleessanitti kan gahan jiru, biyya keenyattis magaalota keessatti akkasuma yeroo dhaa yerootti dabalaafi yaaddessaa dhufeera,'' jechuun hammeenya dhimma kanaa dubbata Teediroos.

Muuxannoo qabu irraas yoo nutti himu namoota isaaf dhihoo tahan irraa qabee sababii hojiitiin wa'ee barattoota sadarkaa lammaaffaa haasofsiise yoo dubbatu, miidiyaan hawaasaa barnoota isaaniirrattis dhiibbaa akka fide hima.

''Daree keessa taa'anii waa'ee suuraa Feesbuukii ykn instaagiraamii irratti maxxansanii akka yaadan, yoo shamarreen tokko hordoftoota baayyee argattee isheen kaan yoo hin arganne ani maaliifan dhabe jedhani dhiphachuun akka jirullee,'' kan natti himan jiruu jedha.

Kunis dhiphina hamaafi lubbuu ofii hamma balleessuu namoota gahe qaba jedha.

Lakkoofsaan waan mirkana tahe himuun yoo dhibellee biyya keenyatti isa waggaa shan turerraa baayyee dabaluun ifauma jedha.

Maatiin maal haa godhan?

Teedroos, bara kanatti maatiin haala guddisa ijoollee isaanii irratti sirreeffama taasisuu ykn geeddaruu qabu,kana malees, odeeffannoo haaraan of barsiisuu qabu jedha.

Miidiyaa hawaasaa irraa ijoolleen barachuu waan danda'aniif maatiin ijoolleef carraa kennuufi qabu,''fakkeenyaaf Youtube irraa ilaalanii nyaata hojjechuu, ogummaa harkaa faa barachuufi dandeettiiwwan biroollee baruu ni danda'u,'' garuu kuni hordoffii fi to'annoo maatii jalatti tahuu qaba jedha.

Haa tahu malee ''yeroo ammaa maatii baayyee keessatti kan hubatamu ijoolleen yoo intarneetii argatan ijaa isaan hin rakkisneef, gaaffii akka hin gaafanne, sana naa godhaa,kana naa godhaa akka hin jenneef itti dhiisu.''

Maatiin yeroo ijoollee isaaniitti meeshaa elektirooniksii itti kennan:

  • Sagantaa baasuun fayyadama miidiyaa hawaasaa ijoollee yeroodhaan daangessuu
  • Maal akka isaan ilaalan baruufi hordofuuu
  • Ijoollee waliin ifatti marii'achuudhaan balaa irraa isaan eeguu
  • Applikeeshiniiwwan ijoolleef eeyyamaman qofa kennuufi kaaniin jalaa ugguruu
  • Yeroo teeknolojiin guddataa dhufu immoo bilbila ijoollee isaanii kan waliin quunnamsiisuun hordofuu

Ogeessi xiinsammuu kuni maatiin ijoollee isaanii ofitti dhiyeessuufi ifattii waliin haasa'uu qabu jedha.

''Maatiin ijoollee hubachuufi ofiiti dhiyeessuu dhiisanii yoo irratti murteessan ijoolleen waan godhan maatii isaanii dhoksaniiti raawwatu kuni immoo rakkoo amma argaa jirruuf isaan saaxilas'' jedheera.