Miidiyaa hawaasummaafi fayyaa sammuu: Sababa wantoota suukaneessoo ilaaluun hin gorfamneef

    • Barreessaa, Ammayyuu Ittaanaa
    • Gahee, Gaazexeessaa, BBC Afaan Oromoo

Yeroo kamiyyuu caalaa yeroo ammaa namoonni yeroo isaanii baayyee man'ee bilbilaa isaaniirratti miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun dabarsu.

Miidiyaaleen waggoota dhihoo as haalaan babal'ataa dhufan akkuma gabaa odeeffannoo itti argatan ta'an sanaan, rakkoowwan xiinsammuu garaagaraafis namoota saaxiluu malu.

Kun dhiibbaan jireenya guyyuu namootaa irratti qaban guddaa ta'u agarsiisa.

Waldhibdeefi ajjeechaa akkasumas hookkara bakkeewwan adda addaatti mudatan walqabatee namoonni waan sukaneessoo ta'an miidiyaa hawaasummaa gubbaa ni qoodu.

Kunneenis, yeroo gabaabaa keessa namoota hedduu bira gahanii ijoo dubbii ta'u. Akkaataa namoonni qabiiyyee akkanaa qoodan irratti garuu of eeggannoon yeroo taasifamu hin mul'atu.

Namoonni rifataniis ta'e itti yaadanii viidiyoodhaanis ta'e suuraan wantoota suukaneessoo miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodan irratti dhaabbileeniifi ogeeyyiin maal gorsu?

'Namoonni akka ilaalan hin gorsinu'

Namoonni sababa uumamaatin eenyu haa ta'u eessayyuu haalli isaa wal caala yoo ta'a malee miidhaan namarra gahu isaan yaaddessa.

''Nama akkas godhamu sanaa wajjiin bifatti wal fakkeessinu qabna. Kanaaf dhukkubbii nama sanaa hanga tokko qoodna,'' jedhu ispeeshaalistii yaala dhibee sammuu kan ta'an Dr Daani'el Tolasaa.

Sababa kanaaf, qabiyyee suukaneessoo ilaaluun fayyaa namaa irratti dhiibbaa guddaa qaba jechuun namoonni akka hin ilaalle gorsu.

''Ilaalchi nuti addunyaa kanaaf qabnu, namaaf qabnu akkanni negatively [karaa badaa] jijjiiramu dandeettii gochuu qaba. Akka nuti sodaannu, nageenyi akka nutti hin dhagahamne miira akkasii keessa dandeettii nu galchu qaba.''

Keessumaa osoo hin qophaa'in ilaaluun dhiibbaan isaa akka cimuu gochuu danda'a.

''Jeequmsa miirii [emotional disorder] hirriba keessa nu wareersuu danda'a. Jalqaba akka rifannu, rifaatun sunimmoo gaafa itti fufu dhibeewwan xiinsammuu hedduudhaaf nama saaxiluu danda'a.''

Kana caalaa garuu tura keessa viidiyoo akkanaa irra deddeebisanii ilaaluun miira namaaf nahu qabnu ni miidha jechuun gorsu.

Qorannoowwan ''miira namaaf rifatu qabnu yarsuu danda'a'' jedhan jiru jechuun BBC'tti himan.

''Yeroo hunda namni gaafa miidhamu, ajjeefamu, gara jabinaan miidhaan irra gahu arguun keenya dandeettii namaaf na'u keenya dadhabsaa deema.

''Namni tokko yoo hammam nama miidhuu barbaadullee wanti harka isaa dhorku jira. Dandeettii sanadha kan inni miidhu. Namni irra deddeebisee wantoota sukaneessoo ilaalu garaa jabaachuuf humna argata.''

Namoonni maaliif namatti jabaatu?

Namoonni haala garaa garaa keessa ta'un waan badaa namarratti raawwachuu danda'u.

Fakkeenyaaf ajjeechaa jumlaa keessa namoonni gara caalu miira isaaniirra xiinsammuu garee (group psychology)'dhaan durfamuu.

Kanaaf, sababni gara jabina qofa ta'u dhiisuu danda'a jedhu kollejjii fayyaa hospitaala Adaamaatti sadarkaa I/Aanaa Pirofeesaraatti kan barsiisaniifi yaalan Dr Daani'el.

Akka fakkeenyaattu, namoonni rakkoo xiinsammuu 'Psychopaths' jedhamuuf saaxilaman miira namaaf nahu hin qabani.

Facebook maal jedha?

Sababni ijoo kanneen akka Facebook fi kaan miidiyaa hawaasummaa jedhaman keessaa tokko ilaalcha, odeeffannoofi kaan namoonni akka qooda eeyyamuufi hariiroo namootaa daangaa malee akka cimu waan taasisaniifi.

Kaampaaniin Facebook viidiyoowwan yookiin suuraa suukaneessaa waliin walqabatee wantoota lama hordofa. Kunis balleessuudha yookiin immoo akeekkachiisa waliin qooduu ni eeyyama.

''Qabiyyeewwan hookkara dhaadhessan yookiin miidhaa yookiin dararaa kaan gammachuun ibsan ni balleessina. Sababni isaas haala hirmaannaa [namootaa] waan hin jajjabeessineefi,'' jechuun ibsa.

Gama kaaniin immoo akkuma agarru qabiiyyeewwan suukaneessaa ta'anii eeyyamuus qaba.

''Namoota waa'ee dhimmootaa hubannoo akka uumaniif qabiiyyee suukaneessaa (kan daangeeffame ta'us) ni eeyyamna.''

Akka Facebook jedhutti, kunneen sarbama mirga namoomaa yookiin gocha shororkeessummaa ta'uu malu.

Namoonni qabiiyyeewwan suukaneessoo ta'an irratti haala walfakkaataan waan hin simanneef mallattoo ''akeekkachiisa'' itti akka dabalu hima.

''Qabiyyee suukaneessaa ta'anitti akeekkachiisa itti daballa. Sababni isaas namoota umrii 18 gadiitti akka hin mul'anne akkasumas namoonni ilaaluuf cuqaasuu dura sukaneessaa akka ta'e akka baraniifi.''

Facebook miidhaa qaama namarra gaheefi ifatti mul'atu, gocha bulgummaa, namoonni haala sukaneessaan bineensota yoo ajjeesan dabalate akka hin maxxanfamne gorsa yookiin kanneen ilaalaniif akeekkachiisa kenna.

Gaaffii maatiirratti hundaa'uunis ''viidiyoo yookiin suuraa namni tokko haala sukaneessaan yoo ajjeefamu mul'isu'' haquu danda'a.

Hundu qixa hin dandamatu

Miidiyaaleen kanneen akka yeroo ajjeechaawwan akkanaa gabaasan haala danda'ameen miira ummataa hin jeeqneen akka tahu ni gorfamu.

''Gaafa ta'u arguu qofa miti gaafa seenaa sana namni gaafa haasa'u dhagahuun mataan isaa xiinsammuu namaa tokko irratti dhiibbaa mataa isaa hin qabaata,'' Jedhu Dr Daani'el.

Kunis, ta'u haalli namoonni gochoota suukaneessoo kana simatan wal qixa miti.

''Daa'imman, kana dura miidhama xiinsammuu kan qaban, dhibee sammuu kan qaban, namoota miidhaan irra gahe waliin firooma addaa ta'e qaban, wanta sana turtii dheeraa kan argan warra kaanirra saaxilamummaan isaanii ol ka'aadha.''

Vidiyoon yookiin suuraawwan suukaneessoo miira nama tokkorra kan darbe kan ummataallee jeequun hookkarri akka uumamuu gochuu danda'u jedhu ogeessi kuni.

''Viidiyooleen akkasii nu naasisu, nu rifachiisu. Namni na'eefi rifatemmoo murtoo isaa bitaafi mirga ilaalee sababaan akka hin murteeffanne sodaa keessa taa'ee akka murteessu waan godhuuf homaadhaan namoota kakaasuudhaaf haala mijataa uuma.''

Sababa kanaaf, miidiyaaleen hawaasummaas ta'e miidiyaaleen idilee qajeelfamaan akka hoogganaman ni gorfama.

Miidiyaaleen garagaraa BBC dabalatee gaazexeessitoonni akkuma namoota biroo wantoota suukaneessoo irra deddeebbiin ilaaluurra akka of qusatan ni gorsu.