Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Boorana: Hayyuufi jaarsi araaraa gosaafi biyya walitti fidan Haji Nuuraa Diidaa eenyu turan?
Nama kammiyyuu du’aan dhabuun gaddisiisaadha, ammoo nama beekaa, jabaa, jaallatamaa, qajeelaa, uummata walitti araarsee walitti fidu, kan dandeettii addaa qabu dhabuun maatiisaatifi hawaasa birattillee dhiphuufi gadda cimaa fida.
Duutii jaarsa Oromoo Booranaa Hajji Nuuraa Diidaa Halakhee miidiyaa hawaasaa dabalatee bakka uumanni isa jaallatan jiran cufaatti dhaga’amee namoonni hedduun gaddaa qaban ibsachaa jiran.
Jaarsaa jaartin, xiqqaa guddaan, ilma intalaan, reeraa dheedan; keessatuu Booranni guddoo isaaf boo’utti jira.
“Nama qaroo gaaddisa keessaa yoo dhaban lafti namaatti qoofti; nama garii janna yoo dhaban gaafa lolaa lafti namaatti qooftii.
Abbaa qabeenyaati, moonaa balloo qaba... arjoomaan nama gargaara, isa dhabuun waan guddoo namatti qaawwessiti," jedha Itt-aanaa Ijaarsa Manneen Magaalaa Finfinnee Aabba Jaarsoo Gollisaa Robaa.
Aabba Nuuraa sagalee horsiisee bultootaa ta’uun bakka hedduu addunyaa keessa imalee dhimma isaanii dhageessisaa ture jechuun ibse.
Gaafuma dhukkubsatee hospitaala geessan kanallee, rakkoo Booranaa Keeniyaafi Gabraa gidduu jiru furuuf kora deemee deebi’aa osoo jiruuti jedhu maatiinsaa.
Kan mana yaalaatti isa waliin ture sodddaan isaa Aabba Iyyaa Usmaan Soraa, "jaarsii duraan dhukkuba sukkaaraa qabullee hojjii uumataa gula of dagatee dhukkubii dabsate. Du’uu isaa namatti himuun baay’ee ulfaataa ture," jedha.
Iyyaan jaarsii nama dhugaan beekamuu, sabboonaa dhaloota cufa wal-qixxumaan ilaaluu, nama ejjannoo cimmaa qabu, waliin jireenna sabaafi sablammiirratti guddoo hojjate, nama nagaa jaallatudha jechuun Haaji Nuuraa ibsa.
Abbaan Gadaa Booranaa Aabba Kuraa Jaarsoo dhiheenya kana gaaffii hawaasii Booranaa gaafachaa ture godina Boorana Bahaafi maqaa Nageellee Booranaarratti mootummaa gaafachuuf Aabba Nuuraa walliin Finfinnee akka turan dubbata.
Aabba Nuuraan waan hedduun akka yaadatamu kan himan Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo, “namni kun jaarsa jabaa Booranni qabu, nama gar-malee qaroo kan dhimma araararratti beekamaafi akka Oromiyaatti waldoota adda hundeessuun uumatasaa tajaajilaa ture,” jedhan.
Aabba Nuuraan qarummaan beekamaadha kan jedhu Aabba Jaarsoo Gollisaa, horsiise bultoonni Bahaa Afriikaa hedduun akka dur-ta’atti ilaalan jechuun ibsa.
"Haga guyyaa fuula dhugaa deeme kanaatti: waan namaa jennaan, lafaa jennaan, waan marraa bishaanii jennaan, dubbii gosaa, kan Yaa’aa, Kuusaa, Raabaa, Gadaa tokko keessaallee hin hafu. Jaarsa furmaataa ture," jechuun isa ibsa.
Aabba Nuuraan beekumsa ballaa akka qabulleen dhugaa ba'uuf.
"Aabboo Nuuraa nuuf Iinsaayikloppiidiyaa, nama waan akka herregaa keennaatii, nama waan cufa beekuufi dandeettii geggeessummaa guddaa qabudhallee, “ jedha Jaarsoon.
Dhaabata Malawwan Misooma Kibbaa (SND)tti Daayirektarri sagantaa Tachee Elemaa, nageenna dangaarratti Aabba Nuuraan ga’ee guddaa qabachuu hima.
Waldhabdee Keeniyaa keessatti gosoota Booranaafi Gabraa, Booranaafi Soomalee gidduutti raawwatuu namni furuuf isaan gargaare Aabba Nuuraa ta’uu hima.
“Keeniyaa keessatti baay’ee beekamaa, bakka horsiise bulaan jiru cufaatti nama mirga isaaniifi walitti dhufeenyasaanii irratti wagoota dheeraaf hojjachaa ture. Maatii, ummata Oromoo baldhaa, dhalaafi hariyyaa, firaafi fiixaa isaa hundaaf jajjabinna hawwina, ” jedha Tacheen.
Aabba Nuuraan rakkoon guddoon duutiisaa fiduu, furiinsa waldhibdee Oromoota Booranaafi Gujjii gidduu jirtu jedha Iyyaan.
Dhiheenna kana Aabba Nuuraa gosoota tana lamaan waliti fidee nagaa buusuuf waan hedduu hojjachaa ture jedhan.
Hojii araarsuu ummata obolaan gidduutti itti jiran kana namni akka isaa milkeessu hin jiru jechuun yaaddaa qabu kan himu Iyyaan, "Waan taanuu hin beenuu, gosti tun lamaan obboleeyyani, walirraa fuunee walii soddaadha, waggoota dheera nagaan turre, amma namoota waldhibdee kanaan tajaajiluutti jira, inni silaa qajeelan waa hiikuu beekaa, amma fulaansaa nuuf mul’ate,” jedha.
Aabba Nuuruu eennu? Maaliif duutisaa hagana uummata dhiphiste?
Iyyaan seenaa Hajji Nuuraa Diidaa akkasiin hima.
Haji Nuuraa Diida Halakee, abbaa isaa Aabba Halakeefi haadha isaa Haatoo Sukee irraa Boorana Areerootti bara 1950 A.L.I tti Dheeda Booranaa Liiban, Ganda Simintoo ardaa Kolkolaatti dhalate.
Eega dhalatee umriin isaa tikaa-obaaf ga’een boodatti, akkuma ijoollee horsiisee bulaa kamiyyuu tiikaaf obaa maatii irraa fuudhee gargaaraa guddate.
Hojiima tikaafi obaa gubbaa odoo jiruu, waraanni mootummaa Soomalee Ziyaad Baarreen hogganamu daangaa biyyaa weeraruu jalqabe.
Sababa weerara daangaa biyyattii irratti godhame obsuu waan dadhabeef umrii isaa ganna 19tti miseensa Raayyaa Ittisa biyyaa bara 1969 A.L.I tti seenuun qabsoo birmadummaa biyyaa kabachiisuuf Raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaatti makame.
Waraanota Gurguddaa akka Ogobaa, Yeediifi kanneen biroo irratti gootummaa isaatiin biyya isaaf loluun waggaa 5f tajaajilaa turan.
Turtii kana keessatti Goonfoo ykn Maaraga Ajajaa Kudhanii argatanii tajaajilaa odoo jiranii bara 1974tti sababa miidhaa qaamaa irra gaheen Raayyaa Ittisa biyyaa keessaa gaggeeffaman.
Kana malees, hubannoo raayyaa ittisa biyyaa keessatti argate irraa ka’uun miidhaan qamaa isaan irra dhaqqabe osoo isa hin daangessiin barumsa ammayyaa sadarkaa 1ffaa Kutaa 1-6 mana barumsaa Makkanee Iyyeesusitti barumsa galgalaa barachaa turan.
Hubannoo dirree loltummatiif barumsa ammayyaa irraa argatan ummatni isaa hubachuun akka ganda bulchu fedhii hawaasii dhiyeeffatte.
Haaluma kanaan barumsa ammayyaa barachuuf fedhii odoo qabuu, fedhii ummata isaa guutuuf carraa barnootaa isaanii addaan kutanii filannoo ummataatiin bara 1978-1979 A.L.I bulchaa ganda Simintoo ta’uun waggaa lamaaf ummata isaa tajaajilaa ture.
Haaji Nuuraa Diidaa dandeettii bilchina siyaasaafi hoggansaa inni yeroo ganda Simintoo bulchu argisiise mootummaan Dargii hubachuun bara 1980- 1983 dura taa’aa Liiban "Woreda Gabaree Mahabari" fi itti-anaa Booranaa "Awuraja Gabaree Mahabari" ta’ee tajaajilaa osoo jiruu mootummaan Dargii kufe.
Kufaatii mootummaa Dargiitiin boodatti, hojii siyaasaa irraa gara hojiilee misoomaa kanneen akka Daandii Ganda Dhakaa Qallaa irraa hanga Bulbul, akkasumas Ganda Bulbul irraa hanga Deeressaa deggarsa ORA (Oromo Relief Association) irra argameen hojjachiisaa turanii jiran.
Sababa kana irraa kan ka’een mootummaa ADWUItiin yeroo muraasaaf mana hidhaatti darbatamee hirarsamaa turan. Akkasumas, ergaa hidhaa bahanii boodas ummata ofiitti waan baay’ee jaalatamuuf Koree Tasgabbiifi Nageenyaa Mootummaa Ce’umsaa ta’ee tajaajilaa ture.
Kana malees, erga mootummaan ADWUI ijaaramee boodatti bara 1995-1996 A.L.I Bulchaa Ganda 01 Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Booranaa ta’ee hojjachaa ture.
Haaji Nuuraa Diidaa odoo Ganda 01 Bulchaa jiranii haalli jiruufi jireenya horsiisee bulaa akka fooyya’uu malu waan hubateef gaaffii mirga horsiisee bulaa xiyyeeffannoo akka argatu mootummaa dhiyeessaa turan.
Gaaffiin isaan kaasan kun babaldhatee sosochii hawaasaa uumuun Gaaddisii Horsiisee Bulaa Oromiyaa bara 1995 A.L.I tti akka hundeeffamuuf gahee isaanii ba’aa turan.
Kanaan dura, waldaan horsiise bulaa hin ture, horsiisee bultoonni qonnaan bulaa jalaatti lakka’amu ture.
Ergii Gaaddisii Horsiise Bulaa hundeeffamee booda waltajjii sadarkaa Naannoo Oromiyaatti godhameen Dura Taa’aa Gaaddisa Horsiisee Bulaa Oromiyaa ta’uudhaan filatamee hanga lubbuun jiranitti waggaa kudhanii saddeetiif (18tiif) tajaajilaa turan.
Turtii yeroo dheeraa kana keessatti Haaji Nuuraan hojiiwwaan gurguddoon hojjate:
- Horsiisee Bulummaan mala jireenyaa akka ta’e sadarkaa biyyatti akka hubatamu godhanii jiran.
- Guyyaan Horsiifatee Bultootaa akka naannoottiifi akka biyyatti akka kabajamu namoota adda durummaan godhani keessaa nama tokko ture.
- Waliin jireenyaafi walitti dhufeenya horsiifate bultootaa akka Gaanfa Afrikaatti akka cimuuf, walii dhabdeen yeroo uumamuu karaa nagaatiin akka hiikamu godhanii turan. Fkn, Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaafi Soomalee jidduutti, Affaariifi Soomalee jidduutti, Oromoofi Uummata Kibbaa jidduutti, Akkasumas, biyyoota ollaa keenna Keeniyaa, Ugaandaafi Taanzaaniyaa keessatti walitti dhufeenyi horsiifatee bultootaa akka cimuuf waliitti bu’iinsi yoo uumamus karaa nagaatiin akka hiikamu hojjachaa turan.
- Koomishiinii Naannoo Horsiisee Bulaa Oromiyaa fi Waldaan Gaaddisa Horsiisee Bulaa Oromiyaa (OPA)'n akka hundaa’uuf gahee ol’aanaa godhuudhaan hanga Lubbuun jiranitti Walitti qabaa Boordii Gaaddisa Horsiisee Bulaa Oromiyaa ta’anii tajaajilaa turan.
- Bu’uuraleen misoomaa naannoo horsiise bulaa kanneen akka mana barumsa socho’aa, bishaan dhugaatii namaafi horii, keessumattuu tajaajilli telekominikeeshinii naannoo horsiisee bulaa keessatti akka babaldhatu nama qabsa’aa tureedha.
- Ummatni horsiise bulaa qabeenya horii qabu irraa fayyadamee dinagdeen isaa akka cimuuf walitti hidhamiinsi gabaayaa horii akkaa foyya’u dhiibbaa ol’aanaa nama taasisaa turedha.
- Mirgi itti fayyadamaa lafaa naannoo horsiise bulaafi ragaa abbaa qabeenyummaa lafa waliinii akka mirkanaa’u gahee isaa bahaa turan.
- Sosochii Naannoo Horsiisee Bulaa uumuuf Waltajjii sadarkaa Biyyaa, Afrikaa fi Adunyaa irratti hirmaachuun sagalee Horsiisee Bultootaa ta’aa turee jira.
- Qorannoofi Qo’annoo Naannoo Horsiise Bulaa keessatti geggeffamu karaa fayyadamummaa ummataa horsiise bulaa mirkaneessan qofaan akka geggeeffamu gahee guddaa bahaa turan.
- Gaaddisa Horsiisee Bulaa Oromiyaa jalatti ummanni Oromoo Kibbaa (Boorana,Gujiifi Gabraa) nagaan akka olloota ollaa waliin jiraatan hanga du’aan boqoteetti hojachaa ture.
Walumaa galatti, amalli addaa Haaji Nuuraa Diidaa qabu nama hubatee hubachiisuu danda’uurratti dandeettii addaa qabu, hayyuu, gara-laafessaa nama, abbaa iyyeessaafi iyyeettiidha.
Akkasumas barooota rakkoo keessatti uummata ofii qindeessee uummatni isaa rakkoo keessaa akka ba’uu danda’uu godhaa turee jira.
Haaji Nuuraa Diidaa abbaa maatii kudhanii (10) ti dhiiraa afur fi dubartii jaha.
Haajii Nuuraa Diidaa Dhibee tasaa isaa qunnameen umrii isaa 63’tti guyyaa 18/08/2013 A.L.I magaala Bishooftuutti addunyaa kana irraa du’aan boqotaniiru.
Qe’eesaa magaalaa Nageellee Booranatti awwaalame.
Miidiyaa hawaasaarratti namoonni hedduun waansa kan barreessan yoo ta’u, Bokuu Xachee Diidaa karaa Feesbukiitin, “Aabba Nuuraa Diida Halakhee beekaa, qaroo fi qaraxa. Nama gad-fageennaan waahubatee hubachiisuurratti ammoo dandeettii addaa qabu; nama ojjatee hindadhamne. Aabba Nuura jabaa adoo halkanii guyyaa nagaa fi tokkummaa uummataa ijaaruuf fiiguu dabre. Aabba Nuura ufqusachaa tokko malee onneerraa carraaqee, karaa qajeelaa akeekee ufii aarsaa baasee nubiraa deeme,'' jedhee barreesse.
Namni biroo Ibrahim Amae Elemo: ''Aabba Nuuraa Diidaa namoota cufa keessa qaroomiisa kan nama ajaa’ibsiisuu, gaafa walgahii Gumii El Dalloo Abbaan Gadaa duraani Jiloo Aagaa, 'Nuuraa Kiyya Yooyyaa, Nuurtuu Yooyyaa...'' jechuun isa kabajuu hima.