Koriyaan Kaabaa Joy Baayiden ''imaammata hamaa'' hordofaa jira jette

Kooriyaan Kaabaa bulchiinsa Baayiden hariiroo Piyoongiyaang ilaalchisee qophaa'aa jiru gamanumaan qeeqxe.

Ministeerri dhimma alaa biyyattii yaadni gama Waashingitanii dhagahamu pirezidaanti Baayiden ''imaammata hamaa'' itti fufsiisuu agarsiisa jedhe.

Jalqaba torban kanaatti Baayiden sagantaa niwukileeraa Kooriyaa Kaabaa nageenya adunyaaf ''sodaa hamaa'' taha jedhan.

Waayit Haawus Kooriyaa Kaabaa irratti tarkaanfii ''of eggannoon'' qoratame akka fudhatu ibse.

Dubbii himtuun Waayit Haawus Jen Pisaakii Jimaata darbe qorannoon imaammata US xumuramuu himuun, Mr Baayiden bulchiinsota afur kana duraa sagantaa niwukilera Kooriyaa Kaabaa dhaabsisuuf yaalanii kufan irraa barateera jedhe.

''Imaammatni keenya waliin dubbii guddaa yookaan istiraateejii obsaa irrattis kan xiyyeeffate miti,'' jette. Kanarra Ameerikaan sagantaa ''of eeggannoon qoratame hojiitti jijjiiramuufi karra dippilomaasii banu'' hojiirra oolchiti akkasumas US ''Jijjiirama qabatamaa'' nageenya ishee fi michootashee cimsu hordofti jette.

US imaammata ishee qoratte irratti mari'achuuf gorsitoota nageenyaa biyyaalessaa Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa afeerti jedhamee eegama.

Ibsa miidiyaa mootummaan Dilbata kana kennameen, ministeerri dhimma alaa Kooriyaa Kaabaa pirezidaanti Baayiden waa'ee sagantaa niwukileeraa irratti kongireensiif yoo dubbatu ''hin obsamnee fi dogogora guddaa'' jedhe jechuun himan.

'' Ibsi isaa imaammata hamaa US walakkaa jaarraa tokkoof Kooriyaa Kaabaa irratt hordofte itti fufsiisuu ifatti agarsiisa,'' jedhe Kiwoon Jong Un, Ministera Haajaa Alaatti Kutaa Dhimma Ameerikaa irraa.

Ibsa gara biraa ministera dhimma alaan ammoo haala qabinsa mirga namoomaa Kooriyaa Kaabaa kana dura Ameerikaan qeeqxe kabajaa Kiim Joong Un kan tuqee fi Ameerikaan karaa hundumaan itti fufuu kan agarsiisu jedhe.

Baayiden ayyaana guyyaa 100ffaa waajjira ture ilaalchisuun ibsa kongireensiif kenneen sagantaan niwukileeraa Kooriyaa Kaabaa kan Iraan waliin tahuun ''sodaa hamaa nageenyaa Ameerikaa fi nageenya adunyaaf'' qaba jedhan.

Itti dabaluun michoota keenya waliin tahuun sodaa biyyoota lameen kanaan dhufe karaa dippilomaasii furuuf akkasumas tarkaanfii dadhabsiisu fudhachuuf itti dhiyeenyaan hojjechaa jirra jedhan.

Mirga namoomaa ilaalchisuun kan Piyoongiyaangi jette dubbii kam akka tahe ifa miti. Garuu Waasgingitan Post akka gabaasetti Ameerikaan mirga namoomaa Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee ergamaa addaa ramaduuf jetti.

Waashingitan erga ji'a Guraandhalaa as Kooriyaa Kaabaa waliin hariiroo dippilomaasii uumuuf yaalaa jira jette.

Yaalii niwukileeraa fageenyaa gabaabaa ji'a darbe Kooriyaan gaggeesites gadi xiqqeessuun '' gochaa waraanaa baramaa fi hojiima isaanii yeroo kaaniiti.. jette.

Hanha ammaatti Piyongiyaangi Jooy Baayideniin akka pirezidaantii haaraa UStti hin fudhanne.

Mr Baayiden Mr Kim '' gufuu'' jechuun yeroo duula na filadhaa isaa ibsee ture. hidhannoo niwukileeraa dhaabuun qoqobbiin dinagdee US fi UN dabarsan osoo hin laaffatiin dura raawwachuu qaba jedhan.

Osoo Baayiden gara aangootti hin dhufiin dursee Mr Kiim ibsa kenneen Ameerikaa yeroo ibsu ''diina guddoo'' jedhee hidhannoo niwukileeraa akka babal'isu ibse. Garuu ''hariiroo dippilomaasiis adda kutuu hin kutnu'' jedhe.

Baayiden dura pirezidaantii US kan turan Doonaaldi Tiraampi pirezidaantii jalqabaa qaamaan Kim argatanidha. Yeroo sadiif wal arganiiru.

Garii gabbisa niwukileeraa dhaabuuf yookaan ammoo qoqoobbii darbe kaasuu irratti waliigaltee irra hin geenye ture.