Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Covid: Namtichi beekaa namoota 22 dhibee qabsiise poolisiin to'atame
Namtichi maaskii baafachuun namoota 22 irratti qofa'uun Covid qabsiisuu hin oollee jedhamee shakkame biyya Ispeeniitti poolisiin to'annoo jala oolfame.
Gaheessi umuriin waggaa 40 kun mallattoo qufa'uu fi ho'a qaamaa digrii sentigiredii 40 qabaatulleen lafa hojiifi bakka ispoortii itti hojjatamu (gym) dhaqaa ture jedhame.
Innis lafa hojiisaa Maajorkaa keessatti maaskii isaa ofirraa baasuun asiifi achi naannawee qufa'uun hiriyoota isaatiin, isaan faalaa jiraachu itti hime jedhame.
Boodas hiriyoonni isaa shaniifi kanneen waliin ispoortii hojjataa turan sadii vaayirasiin irratti argame.
Akkasumas namoonni 14 biraa kan miseensoota maatii nama vaayirasichaan qabamee ta'an, daa'ima waggaa tokko dabalate Covid-19 qabaman.
Poolisiin Ispeen ibsa Sanbata kaleessaa baaseen, namtichi guyyoota muraasaaf mallattoonni dhukkuba koronaa irratti mul'atulleen bakka hojiitii gara manaa galu diduu himeera.
Galgala tokko qorannoo 'PCR' fudhatus osoo bu'aa qorannoo isaa guyyaa itti aanu hin eeggatiin lafa hojiifi bakka jiimii itti hojjatu dhaquutti deebi'e.
Hiriyoonni isaa gara manaa akka galuuf itti himanilleen, diduu poolisiin hime.
Achinis maaskii isaa of irraa baasuun qufa'aa ''hunda keessanu koronaavaayirasiin isin qabsiisu kiyya,'' jedheen.
Bu'aan qorannoo isaa poozativii wayita ta'ettis, hiriyoota isaatti 'himame'' akka poolisiin dhimmicha qorataa jiru jedheetti.
Haa ta'u malee namoota kanneen keessaa kan baay'ee dhukkubsate hin jiru jedheera poolisiin.