Kaaliforniyaatti namtichi dhukkubsataa Covid wajjin wal'aanamaa turan 'dhawee ijjeese'

Namtichi ganna 37 nama akkuma isaa Covid-19n qabamee waliin kutaa hospitaala tokko keessatti wal'aanamaa turan baattuu oksijinii fayyadamuun rukutee ajjeese jedhame, ajjeechaafi yakka jibbiinsaan himatame.

Namni Jesse Martinez jedhamu hospitaala Kaaliforniyaatti argamu keessatti, wayita maanguddoon ganna 82 kutaa tokko keessa turan kadhachuu eegalan, aaruu ajja gochiicha rawwate, poolisiin Loos Anjalas hime.

Achis Obbo Maartineez, taankii oksijiin keessa kuufamu kaasuun maanguddoo kana dhawe.

Miidhamaan kun guyyaa ittaanu lubbuun isaanii kan dabarte.

Namoonni lamaan kunniin duraan kan wal hin beekne wayita tahu, koroonaavaayirasiin qabamanii kutaa namoonni lama qooddatan keessatti wal'aanamaa turan.

Hospitaala Antelope Valley kan jedhamu oggaa tahu, naannawa Laankaastar, kibba Kaaliforniyaatti argamudha.

Shakkamaan kun wayita miidhamaan kun kadhachuu eegalanitti aaruu eegale. Achiis qabiyyee taankii kaasuun rukute,'' jedha ibsi poolisii Loos Anjalas.

''Shakkamaan ganna 37, Jesse Martinez to'annoo jala ooluun: yakka ajjeechaan jibbiinsaafi darara maanguddoon himatame,'' jedha ibsi kun.

Kutaa biyyaa Kaalifoorniyaatti torban jaha keessatti, erga namoonni miiliyoona tokko koroonaavayiras qabamanii as hospitaalonni muddama keessa jiru.

Erga weerarichi eegale, Kaalifoorniyaatti namoonni miiliyoona lamaa ol vaayirasichi irratti argameera.

Hospitaalonni hanqinni hojjettoota fayyaa kan isaan mudate oggaa tahu, angawoonnis hojjettoota fayyaa dabalataa 3,000 biyyoota Awustiraaliyaafi Taayiwaan irraa akka dhufan kadhateera.

Gaafa Wiixataa barreessaan fayyaa kaalifoorniyaa Dr, Mark Ghaly akka jedhanitti, naannichatti wiirtuulee wal'aansaa yeroof ijaaraman dabalatee kaanitti, yeroo dhiyyootti kutaaleen wal'aansaa ni guutu.

Bulchaan kutaa biyyaa Kaaliforniyaa Gavin Newsom, qajeelfama mana turuu kan labsan wayita tahu, manneen daldalaa barbaachisoodha hin jedhamnes cufamaniiru.

Guyyaa Roobii Ameerikaatti namoonni haaraa 228,131 Covid-19n wayita qabaman, kanneen 3,359 ammoo lubbuu dhabaniiru.