Itoophiyaatti lakkoofsi namootaa Covid-19 itti hammaate garmalee dabale

Weerarri koroonaavaayiras Itoophiyaa seenuun erga dhaga'ame asitti biyyatiitti yeroo jalqabaatiif lakkoofsi namoota dhibichi itti hammaatee wallaansa hordofii cimaa (ICU) barbaadan 1,000 caaluun ibsame.

Ibsa Ministeerri Fayyaafi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ebla 15, 2021 baasaniin, baayyinni namoota Covid itti hammachuun wallaansa hordoffii cimaa argataa jiran 1,031 gaheera.

Vaayirasichi Itoophiyaatti argamuun erga baramee waggaa tokko asitti ji'oota sadan Amajjii, Guraandhalaafi Bitootessa; lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii suuta suutaan dabalaa adeemuun sadarkaa yaaddeessaarra qaqqabuu qondaalotni fayyaa ibsaa turan.

Haaluma walfakkaatunis lakkoofsi namoota wallaansa hordoffii cimaa (ICU) barbaachisuu garmalee dabaleera.

Baatiiwwaniin dura lakkoofsi namoota vaayirasichi irratti argamu dhibbaan kan lakkaa'amaa ture yoo ta'u, ammatti garuu guyyaan namoota kumaa oliitu dhukkubichaan qabama.

Gama biraatinis yeroo dheeraadhaaf lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanii wal'aansi cimaan barbaachisu 500n gadii kan ture yoo ta'u, ammatti kumaa ol darbeera.

Lakkoosfi namoota guyyaatti sababiidhuma dhibee kanaatiin lubbuu dhabanis yeroo kamu caalaa dabalaa jira.

Lakkoofsi namoota hordoffii wallaansa namoota garmalee dhukkubsatan (ICU)n barbaachisu dabalaa dhufuun wal qabatee hir'inni meeshaa argansuuf gargaaruu (ventileetarii) fi oksijinii mudachuu Inistitiyuutiin Fayyaa Itoophiyaa ibsee ture.

Ammas lakkoofsi namoota wallaansa kana barbaadanii dabaluun rakkinicha caalaa akka cimsu yaadama.

Dhaabbatichi ammaan tanatti lakkoofsi namoota guyyaa guyyaaatti dhukkubichaan qabamanii baay'ee dabalaa dhufuun wal qabatee, baay'inni namoota hordoffii camaa barbaadanii 'dandeettii dhaabbileen fayyaa kessummeessuu danda'aniin ol' ta'aa jiraachuu ibseera.

Meeshaaleen namoota koronaan qabaman argansuun gargaaran (ventileetaroonni) ammatti tajaajila kennaa jiran 500 kan hincaallee ta'un himamaa tureera.

Kanaafuu lakkoofsi namoota wallaansa deeggarsa ogeessootaafi meeshaalee kanneenii barbaadan kumaa ol gahunsaa haalicha caalaa yaaddessaa taasisuutu himame.

Haaluma walfakkaatun haalli tatamsa'ina dhibee kanaa naannoo Oromiyaattis haalaan dabalaa jiraachuun gabaafameera.

Tamsa'inni koronaavaayirasii Oromiyaatti torban tokko keessatti %40n dabaluu fi lakkoofsi namoota dhibichaan du'anii ammoo torbaniitti %144 'n dabaluu Hogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dr Mangistuu Baqqalaa eeruun midiyaan biyya keessaa gabaasan.

Walumaagalattis, guutummaa biyyaatti guyyaa guyyaan lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dabaluu kan ibse Insititiyuutiin kun, sababii weerara dhibichaan lakkoofsi namoota dhukkubbiin itti hammaatee fi du'anii ''haala rifaasisan dabalaa jira'' jedhe.

Kamisa gabaasni haala weerarri dhibicha irra jirurratti bahe akka agarsiisutti namoonni 33 sababii dhibee Covid-19'n du'uun ibsameera.

Yeroo sanatti namoota 8,878 qorataman keessaa 2,149 vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa'e yoo ta'u, sana dura namoota dhibichaan qabaman keessaa 1,288 dhibeerraa bayyanataniiru.

Amma yoonaatti Itoophiyaatti namoonni 236,554 koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'e keessaa, namoonni 3,285 lubbuu dhabaniiru.