Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Appii fayyadamtoonni wayita daandiirra deeman of-fuuldura akka ilaalan yaadachiisu
Fayyadamtoonni bilbiloota Android daandii gubbaa wayita adeeman yaadachiisni bilbila isaanii akka ilaaluu dhaaban himu akka itti ergamu, odeeffannoon haaraa bahe mul'ise.
Sirni kunis appiin Digital Wellbeing jedhamu wayita haaromfamu irratti kan yaalamaa jiru tahuu, marsariitiin teknooloojii XDA Developers gabaase.
Suuraaleen appii kanaa tahan akka mul'isanitti, iskiriinii bilbilaarratti akeekkachiisni yookaan yaadachiisni ol ilaali jedhu ni ergama.
''Waanta naannoo keetti jirurratti xiyyeeffachuuf yaadachiisa argadhu,'' jedha sirni haaraa Android kun.
'Heads Up'
Sirni haaraan kun 'Heads Up' kan jedhamu yogguu tahu, appii Digital Wellbeing jedhamu keessatti kan hammatamedha.
Appiin kunis fayyadamtoonni hangam bilbilasaanii akka fayyadamaniifi kanas quba akka qabaatan kan godhudha.
Jechi Afaan Ingilizii 'Heads Up' jedhu akka 'quba qabaadhu kun tahuuf jira' yookiin 'ol jedhi ilaali balaa wayiitu jira' jechuus ni taha.
Appii Digital Wellbeing gubbaa fakkeenyaaf, appii tokko filattee daangaa itti tolchuufaa akkasumas yaadachiisa appicharraa sii ergamu cufuufaa dandeessa.
Akka XDA Developers jedhutti, ergaan yaadachiisaa kunniin qindaa'ina (settings) keessa galuun ibsuufi dhaamsuun ni danda'ama.
Namni Jay Prakash Kamat jedhamu erga bilbilasaa Google Pixel 4a irratti haaroomsa kana arge booda suuraalee kanneen Twitter irratti qoodeera.
''Heads Up waantootaaf xiyyeeffannoo kennuu bakka hin bu'u,'' jechuun aappiin haaraa kun akeekkachiisa.
Yaadachiisni ergaman jechoota kanneen akka ''Of eegi'', ''fuuldura ilaali'' fi ''tarkaanfii kee eeggachaa deemi'' jedhan kan ergu oggaa tahu ''mallattoo imoojii kanaan walqabatuufi qoosaa fakkaatus'' wajjin akka ergamu marsariitiin teknoolojii 9to5google amma dura gabaaseera.
BBCn dhaabbata Android kan dhuunfatu Google kanarratti yaada akka kennu gaafatee ture.
''Waanti kun sirnoota dijitaalaa fayyummaa keenyaaf jecha sirnoota akka nuti yeroo hunda akka hin fayyadamneef nu dhorkan keessaa isa haaraa fakkaata jette Becca Caddy.
''Haa tahu malee, hojiirra oolmaan isaa garuu yeroo hedduu hin milkaa'u... amala namni qabu hunda yaadachiisa (notification) tokkoon jijjiiruuf karaan tokko hinjiru... dhalli namaa uumamnisaa akkasii miti.''
Lafoon adeemaa saffisaan bilbila kee fayyadamuuf wayita yaaltutti yaadachiisni ergamu akka kootti ''guddoo nama aarsa,'' tahus garuu namoota kaan gargaaruu danda'a jette.