Odolli Kariibiyaan dhukkee dhohiinsa volkaanoo booda roobeen haguugamte

Dhohiinsa volkaanoo Jimaata darbe uumameen booda odola Kariibiyaan kan taate Seent Viinsant dhukkee samiirraa gadi roobuun haguugamtee jirti.

Dhukkeen halluu adii kun magaalaa guddoo Kiingistaawon dabalatee gamoowwanii fi daandii odolitti guutuu uwwise.

Volkaanoon 'La Soufriere' kan Jimaata darbe dhohe ammallee gumgumaa fi dhukkee ol gara samiitti lakkisaa jira. MM biyyatti uummanni akka tasgabbaa'u waamicha dhiyeessan.

Voolkaanoon kun waggooa dheeraaf riphee erga turee booda Mudde darbe socho'uu eegale.

Namoonni kumaataamaan lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa kan buqqa'an yoo ta'u, kutaalee odolattii hedduu irraa dhiyeessiin bidhaanii adda citee jira.

Naannoo dhukkeen uwwifame keessaa yoo xiqqaate namoonni 16,000 ta'an akka achii baafaman MM biyyattii Raalf Gonsaalvees himaniiru.

Dhukkee hagam amma booda volkaanoon akka gadi dhiisu hin beekamu jedhan MM Raalf. Dhohiinsi volkaanichaa guyyoota darbees torbaniif itti fufuu akka malu saayintiistonni akeekkachiisaniiru.

Jiraattonni odolichaa 110,000 ta'an Sanbata wayita hirribaa ka'an mannii fi lafti isaanii dhukkeen uwwifamee argan.

Lafti dhukkee hanga iinchii 12 ykn seentiimeetira 30 gahuun uwwifameera.

Sochiin namoota baasuuf godhamaa ture sababa dhukkee roobuun arguun waan rakkisuuf danqamaa ture.

Volkaanoon erga bara 1979 riphee ture kun mallattoo dhohiinsaa jalqabaa kan agarsiise Kamisa darbe ture.

Booda qorattoonni Yuunivarsitii Weest Indis "dhohiinsi" akka jiraatu himan.