Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namtichi Ameerikaa Volkaanoo Hawaayii meetira 20 keessatti kufe lubbuun bahe
Loltuun Ameerikaa Hawaayii keessatti volkaanoo meetira 20 keessatti kufe haalaan miidhamullee lubbuun hafeera.
Volkaanoon Kilawuyaa namtichi kun keessatti kufe volkaanoowwan baay'ee si'ataa addunyaa kanaa keessaa isa tokko.
Eegdonni Paarkii Biyyaalessaa Volkaanoowwan Hawaayii nama ganna 32 kana erga lubbuu baraaranii booda, namtichi osoo hin beekiin sibiila akeekkachiisaaf kaa'ame darbee keessatti kufe jedhaniiru.
Lafti inni irra ejjetee ture jalaa jigee gaara faana 300 ol ka'u irraa konkolaate jedhu namoonni ijaan argan.
Lafti dhiphoo haroo abidda volkaanoo qarqara jirtu akka namtichi guutummaan volkaanoo kana keessatti hin kufne isa baraarte.
Erga kufee sa'aatii sadiin booda lubbuun argamus daran miidhamee ture jedhu aanga'oonni paarkichaa.
Namoonni lubbuu baraaran haada dhedheeraa fi helikooptaraan gargaaramanii erga namticha baasanii booda gara hospitaalaa geeffame.
Volkaanoon Kilawuyaa namtichi kun keessatti kufe bara darbe dhohee mana jireenyaa 700 barbadeessee ture.
Paarkicha keessatti yeroo dhumaaf namni kan miidhame bara 2017 ture.