Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filippiini: Volkaanoon ibidda ol tufuu eegalee yaaddoo uume
Volkaanoon Filippiinsi keessa jiru laavaa ykn barbadaa ibiddaa ol tufuu waan eegaleef, sa'aatii ykn guyyaa gababaa keessatti 'dhohiinsaa hamaa' uumamu danda'a jechuun aangaa'onni akkeekkachiisan.
Volkanoon Taal magaalaa guddittii Maniilaa irraa km 70 kan fagaattu yoo ta'u, Wiixata barii ture laavaa ol yaa'uu kan eegale.
Akeekkachisi kunis kan kenname erga daaraan ibiddicha keessaa bahuun darbatamuu erga eegaleen booda yoo ta'u, sababii kanaan namoonni 8,000 ta'an qe'ee gadi dhiisanii akka baqatan taasiseer.
Biyyattii keessatti kan Taal kun volkaanoo isa lammaaffaadha.
Volkanoon odola haroorra jiru irratti argamu kun, adduunya keessatti volkaanoo xixiqqaa keessaa tokko ta'us, waggootii 450 darban keessatti yoo xiqqaate yeroo 34 dhoheera.
Dhohiinsa volkaanoo kanaa bara 1911'n namootni 1,500 ta'an ajjeefamaniiru. Bara 1974'tti dhoohinsi volkaanoo kanaa ji'oota hedduuf ture.
Dhaabbanni qorannoo volkaanoo Filippiins 'Phivolcs' jedhamu sadarkaa hammeenya volkaanoo inni guddaan 5 ta'e irratti kan sodaachisummaa volkanoo kanaa 3 irraa 4tti guddiseera.
Dabalataanis aanga'oonni dhohiinsaan booda 'sunaamiin volkaanoo' uumamee haroo jiru sochosee dambaliin jiraachuu danda'a jechuun akeekkachiisaniiru.
'Daaraan haguugamuu'
Dilbata, volkaanoon kun sagalee dirrisaa guddaafi sochii uumuun kuusaa daaraa guddaa ol gadhiisuusaa gabaafameera.
Mootummoota Gamtoomanitti waajjirri dhimma gargaarsa namoomaa OCHA akka jedhutti zoonii balaa volkanoo Taal baay'ina km14 ta'u keessaa namootni jiraatan gara 450,000 ta'u.
Daaraan bu'aa jiru akka baayyateen namootni hedduu golgaa fuulaa uffachuu eegalaniiru.
Daaraa jiidhaan kana konkolaataa, daandii fi gamooleen magaalatti hedduu haguugee jira