Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa Ibiddaa Awustiraaliyaa: Kaartaan Awustiraaliyaa barbadaa ibiddaa agarsiisu kan dhugaatii?
Kaartaafi suuraaleen balaa ibidda bosonaa Awustiraaliyaa mudate agarsiisaan midiyaalee hawaasaarratti bal'inaan qoodamaa turan.
Namoonni midiyaalee hawaasaa fayyadaman hubannoo balaa ibiddaa kana ilaalchisee jiru guddisuuf jecha suurawwaan dogoggoraafi nama kaan burjajeessuu danda'an fayyadamaa turan.
Ibiddi ji'oota sadan darban walitti fufinsaan boba'aa ture kun lubbuu namoota 25 dabarseera. Kana malees bineeldota miliyoonatti lakka'aman ajjeese, manneen 2,000 barbadeesse.
Haalli qilleensaa qabbanaa'aa haala ibiddaa kana qabbaneessuu danda'ee ture garuu, ho'iinsi deebiyee dabala jiru balaa kana hammeessuu danda'a jedhamee sodatama.
Keeessattuu suuraan tokko weelistuu Riyaanaafi maamiltota tiwitaraa biroon qoodame ture. Suuraan kun akka waan balaa ibiddaa tamsa'e agarsiisuutti fudhatamee ture.
Suuricharratti qarqarri Awustiraaliyaa barbadaa ibiddaatiin kan diimattee fakkeeffamte.
Garuu dhugaan jirtu akkas miti. Artistiin Antooniiy Hiirsey jedhamu ji'a tokkoof odeeffannoo balaa ibiddaa kanaa iddoo itti mudate agarsiisuuf ture.
Lubbu bararsaaf odeeffannoo fayyadu dhaabbanni qorannoo hawaa Ameerikaa (NASAn) walitti kan funaane ture.
Artistiin kun hanag ibidda suura kanarra ifurraa ka'uun afarfamuusaa qeeqa irratti dhiyaate booda ibseera. Akka ragaatti waanti marsariitii NASA irraa argame dhugummaa akka qabu garuu himeera.
Kaartaan biraa baayinaan qoodame ibidda kutaa Awustiraaliyaa hundarraa boba'u kan agarsiisuudha.
Suuraan kunimmoo marsariitii mootummaa Awustiraaliyaa MyFireWatch jedhamurraa argame. Ragaa saatalayiitii fayyadamu.
Haata'u malee, ragaan walitti qindaa'e ibiddaa boba'aa jiru agarsiisuuf wabii hin qabu jedhame.
Mallattooleen kunis hanga ibiddaafi balaa qaqqabe agarsiisuu hin danda'u yaadni jedhus jira.
Kaartaan jalqaba kaafame miidiyaa hawaasaarratti odeeffannoo dabalata hafeera. Keessattuu, sadarkaa balaaf saaxilamuufi to'atamusaa odeeffannoo hin kennu.
Akkuma namoonni tiwitaratti fayyadaman qeeqanitti kaartaan kun amma iddoo balaa ibiddaa kanaan miidhame hin agarsiisu.