Odolli Kariibiyaan dhukkee dhohiinsa volkaanoo booda roobeen haguugamte

Ash and smoke billow above Kingstown

Madda suuraa, Reuters

Dhohiinsa volkaanoo Jimaata darbe uumameen booda odola Kariibiyaan kan taate Seent Viinsant dhukkee samiirraa gadi roobuun haguugamtee jirti.

Dhukkeen halluu adii kun magaalaa guddoo Kiingistaawon dabalatee gamoowwanii fi daandii odolitti guutuu uwwise.

Volkaanoon 'La Soufriere' kan Jimaata darbe dhohe ammallee gumgumaa fi dhukkee ol gara samiitti lakkisaa jira. MM biyyatti uummanni akka tasgabbaa'u waamicha dhiyeessan.

Voolkaanoon kun waggooa dheeraaf riphee erga turee booda Mudde darbe socho'uu eegale.

Namoonni kumaataamaan lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa kan buqqa'an yoo ta'u, kutaalee odolattii hedduu irraa dhiyeessiin bidhaanii adda citee jira.

Naannoo dhukkeen uwwifame keessaa yoo xiqqaate namoonni 16,000 ta'an akka achii baafaman MM biyyattii Raalf Gonsaalvees himaniiru.

Dhukkee hagam amma booda volkaanoon akka gadi dhiisu hin beekamu jedhan MM Raalf. Dhohiinsi volkaanichaa guyyoota darbees torbaniif itti fufuu akka malu saayintiistonni akeekkachiisaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

1px transparent line

Jiraattonni odolichaa 110,000 ta'an Sanbata wayita hirribaa ka'an mannii fi lafti isaanii dhukkeen uwwifamee argan.

Lafti dhukkee hanga iinchii 12 ykn seentiimeetira 30 gahuun uwwifameera.

Sochiin namoota baasuuf godhamaa ture sababa dhukkee roobuun arguun waan rakkisuuf danqamaa ture.

Daandiiwwan magaalaa Kiingistaawon dhukkeen uwwifamee mul'ata, Sanbata ganama

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Daandiiwwan magaalaa Kiingistaawon dhukkeen uwwifamee mul'ata, Sanbata ganama

Volkaanoon erga bara 1979 riphee ture kun mallattoo dhohiinsaa jalqabaa kan agarsiise Kamisa darbe ture.

Booda qorattoonni Yuunivarsitii Weest Indis "dhohiinsi" akka jiraatu himan.

Dhohiinsi guddaan yeroo lammataaf uumame dhukkee gara samiitti gadi dhiise

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Dhohiinsi guddaan yeroo lammataaf uumame dhukkee gara samiitti gadi dhiise
1px transparent line
Suuraan saatalaayitii odolittiin guutummaatti dhukkee jalatti dhokattee agarsiisa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan saatalaayitii odolittiin guutummaatti dhukkee jalatti dhokattee agarsiisa
1px transparent line