Lola Tigiraay: 'Odeeffannoon hawaasa addunyaa qaqqabu faallaa lafarra jiruufi madaalawaa hin taanedha'

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa dhimma Tigiraay keessatti ilaalchisuun ibsa baaseen, odeeffannoo haala qabatamaa Itoophiyaa keessa jiruun faallaa ta'eefi madaalawaa hin taaneetu hawaasa idil-addunyaa qaqqabaa jira jedhe.

Ministeerichi guyyaa Roobii dhimma miidiyaafi gabaasa yakkawan naannoo Tigraay ilaalchisuun ibsa baaseera.

Gabaasoonni rakkoo naannoo Tigiraay keessatti uumame ilaalchisuun dhiyaaachaa jiran mootummaa Federaalaa kan himataniifi sarbama mirga namoomaa naannichatti raawwatame hundaaf mootummaan kan itti gaafatamu ta'uutu ibsamaa jira jedha.

Dhaabbileen mirga namoomaa idiladdunyaa, waraanni Ertiraafi Itoophiyaa naannoo Tigraayitti sarbamoota mirgaa cimaa raawwataniiru jechuun himatu.

Lola Sadaasa darbe mootummaa Itoophiyaa fi loltoota TPLF jidduutti eegaleen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oolletu tilmaama.

Ibsi ministeerichaa maal hima?

Akka ibsi ministeera dhimma alaa kun jedhutti TPLF yakka raawwachuu qofa osoo hin taane odeeffannoo madaalawaa hin taane uumee tamsaasuun hawaasa addunyaa odeeffannoon dogongoraa akka qaqqabu taasisaa jira.

Rakkoo uumee ka'ee miidhamaa kan fakkaachuu barbaadu TPLF ta'ee osoo jiruu, gabaasni yakkawwan naannoo Tigiraay keessatti uumaman mara kan mootummaa Federaalaa qofaan raawwataman godhanii dhiyeessuun sirrii miti jedha ibsi ministeerichaa.

Hawaasni addunyaa olola TPLF fi deeggartoota isaatiin gowwoomfamuu hin qabu kan jedhe ibsi ministeera alaa kun, keessumaa miidiyaaleen idil-addunyaa olola garee waggoota 30 oliif ummata Itoophiyaarratti yakka raawwateen sossobamuu hin qabu jedha.

Dhugaan kan mirkanaa'u qaama walabaan qoratamee malee gabaasa himannaa maddeen oduun kan dhugoomu akka hin taane ibseera.

Yakkawwan raawwatamaniifi mirgoota namoomaa sarbaman ilaalchisee itti-gaafatamummaan akka jiraatuuf mootummaan hojjechaa jira kan jedhu ibsi kun, kana milkeessuufis ammoo Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa waliin ta'uudhaan qorannoo walabaa akka gaggeeffamu taasiseera.

Haata'u malee wanti nama gaddisiisu, osoo mootummaan akkanatti hojjechaa jiruu hawaasni addunyaa gabaasa sirrii hin taaneefi qabatamaan lafarra hin jirreen guutamaa jira jedha.

Oduuwwan miidiyaaleefi gaazexeessitoonni osoo ifaan ifatti hin qulqulleeffatiin gabaasan ammoo yakka namoomaa naannoo Tigiraay keessatti raawwatamaniif mootummaa Federaalaa shakkamaa taasisaa jiru jedha ibsi kun.

Akka ibsi kun jedhutti, mootummaa Federaalaa yakkamaa taasisuuf fiiguun ammoo, yakka cimaa gareen TPLF akka raawwate ragaan gahaa jiru kan Maayikaadiraatti raawwatamellee hanga dhoksuutti deema.

Yakkawwan raawwataman hunda mootummaa Itoophiyaarra kaa'uun gocha badii TPLF raawwatemmoo arguu dhabuun namoota miidhamaniif haqa sirrii argamsiisuu hin dandeessisu jedheera.

Kanaaf, hawaasni addunyaa dhugaa qabatamaa jiru qorachuun odeeffannoo dogongoraaf akka hin saaxilamneefi mootummaan Ityoophiyaa rakkoo lafarra jiruuf ka'umsa kan hin taane ta'uu akka hubatan gaafateera ibsi kun.

Erga Sadaasa darbe lolli naannoo Tigraay keessatti mudatee as miidiyaafi dhaabileen gargaarsaa garas imaluun daangeffamee ture.

Kana malees, bilbilaafi interneetii dabalatee malawwan komunikeeshiniin addaan citee yeroo turetti hawaasni addunyaa wanta naannoo Tigiraay keessatti deemaa ture hubachuudhaaf rakkachaa turuu himu.

Boodarra garuu mootummaan miidiyaalee idil-addunyaa, gaazexeessitootaafi dhaabbileen gargaarsaa, akkasumas mirgoota namoomaaf falman akka seenan hayyameera.