Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imala waggaa sadii MM Abiy Ahimad: Badhaasa Noobeelii hanga lola naannoo Tigraayitti
Ce'uumsi aangoo kun carraa boqonnaa seenaa biraa waan ta'eef miira itti-gaafatamummaa olaanaan itti fayyadamuu qabna jedhan MM Abiy Ahimad (PhD) waggaa sadan har'aa yeroo muudamni isaanii paarlaamaan raggaasifamutti haasawa taasisaniin.
Ministirri Muummee Abiy (PhD) Ebla 2, 2018 ture mormii walitti aansuun waggoota afurii oliif adda durummaa Qeerroo Oromootiin gaggeeffame hordofee aangootti kan bahan.
Haasaan daqiiqaa 35 MM yeroo sana taasisan rakkoo Itoophiyaan dabarsite, keessa jirtuufi fuula duratti ishee eeggatu kaasuun waan fala ta'a jedhame kaaseef, ummata biyyattii fedhiifi ilaalcha adda addaa qaban mara birattillee fudhatama guddaa argatee ture.
Dhimmoonni mirgoota namoomaa kabajuufi kabachiisuu, dimokiraasii dhugaa ijaaruu, garaa garummaa yaadaa kamuu waliif danda'uun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu biyyattii akka ta'e kaasan.
MM akkuma dubbatanittis osoo bulee hin ooliin hojii qabatamaan lafarratti agarsiisuu eegalan.
Aangootti dhufanii yeroo ji'a sadii hin caalle keessatti, hojii qabatamaa biyyaafi Afrikaarra darbee addunyaa ajaa'ibe hojjetanii ture.
Labsii yeroo muddamaa duraan labsamee ture atattamaan kaasan. Namoota siyaasaa kuma hedduun hidhaa jiran gadhiisanii, hiraarsaafi gidiraa mootummaan mormitoota irratti raawwataa tureefis dhiifama gaafatan.
Paartileen siyaasaa qabsoo hidhannooti fala jedhanii waggootaaf biyyaa alaa turan akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeniifi Arbanyooch Ginbot 7 gara biyyaatti galanii akka karaa nagaan qabsaa'an taasisuunis hojii qabatamaan agarsiisan keessaa isa ijoo ture.
Oggantoonni paartilee siyaasa dorgomtootaanis, paartilee ADWUIn alatti argaman kan ilaalu akka mormiitootaa osoo hintaane akka dorgomtootaatti, akka diinaatti osoo hintaane akka obbooleessaatti, walitti qabaa lammii biyya jaalatuufi yaada filannoo qaba jechuu dhufeetti jedhanii ture.
MM Abiy akkuma gara aangootti dhufanii hidhamtoota siyaasaa gadhiisuun galateeffatamanis, yeroo ammaa garuu gaggeessitoonniifi miseensonni dhaabbileen siyaasaa mormitootaa hedduun hidhaa jiraachuun komii guddaa irratti kaasaa jira.
Keessumaa paartileen buleeyyiifi gurguddoo ummata Oromoofi Oromiyaa keessatti fudhatama guddaa qaban akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) hedduun hidhaa jiraachuu, waajiraaleen isaanii jalaa cufamuufi shorokeessuufi sodaachisuun irra gahaa jiraachuu himatu.
Dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman akka Humaan Raayitis Waachiifi Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaallee ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa booda hidhamtoonni siyaasaa hedduun jiraachuu qofa osoo hin taane, murtiin mana murtii mirga wabii eeguuf kabajamuu dhiisuun yaaddessaa ta'uu kaasu.
Kanaafuu paartilee siyaasaa yaalii demokiraasii cimsuun dirree yaadni bal'inaan itti kessummeeffamu mijeessuu keessatti mootummaa waliin akka hojjataniif waamicha taasisaniiru.
Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan:
Walabummaa Pireesii
Gama walabummaa pireesiitiinis yeroo bulchiinsa MM Abiy kana garri jalqabaa gaarii akka ture dhaabbileen idil-addunyaa dhimma kana irratti hojjetan akka CPJ ragaa bahanii ture.
CPJn gabaasa bara 2019 baaseen, waggoota 14 booda Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif gaazexeessaan kamiyyu mana hidhaa hin jiru jechuun, walabummaa miidiyaatiin Itoophiyaan jijjiirama ajaa'ibaa fiddeetti jedhe.
Marsariitiiwwan 260 ol cufamanii turan akka banaman gochuufi sabaa himaaleen biyya alaatii tamsaasaa turanis akka gara biyyaatti galan taasifamuus tarkaanfii jajjabeessaa ture.
Haata'u malee, walabummaan pireesii akka jalqaba foyya'een itti hin fufine. Fakkeenyaaf, jijjiirama biyyattii keessatti dhufeef tamsaasa biyya alaarraa darbuun shoora adda-duree kan ba'ataa ture OMN biyyatti kan galee ture ta'us, waajirri isaa Finfinnee jiru amma cufateera.
Kan OMN dabalatee gaazexeessitoonni yeroo gara garaatti hidhamaniiru.
Dhaabbanni Reporters Without Borders jedhamu walabummaa pireesii Itoophiyaa ilaalchisee gaabaasni isaa ga'aa jiru gaarii akka hin taane ibsuun, milkaa'ina argamee ture kan duuba deebisudha jedheera.
Kanarra darbee, tarkaanfii MM Abiy lola hamaa Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti bara 1998 gaggeeffamee kuma dhibboota hedduun lubbuu galaafatee fala malee waggoota digdamaa oliif ture furuuf fudhatanis leellifamee ture.
Rifoormii siyaasaafi dinagdee fiduudhaaf yeroo gabaabaa keessatti waan agarsiisanirra darbee wal-dhabdee Itoophiyaan Ertiraa waliin qabdu akka hiikkattu gochuun isaanii ammoo akka Badhaasa Noobeelii Nagaa 2019 mo'atanillee taasiseera.
ADWUI'n diigamee, Badhaadhinaan bakka bu'e
Hojiiwwan gurguddoo Ministirri Muummee Itoophiyaa bulchiinsa isaan dura ture jijjiiruuf taasisan keessaa tokko, dhaaba waggoota 27'f Itoophiyaa bulche diiguudha.
Paartiin 'Dimookiraasii Warraaqsawaa' jedhu hordofuun biyya bulchaa ture ADWUI'n guddina diinagdee galmeessuus dimookiraasiifi mirga namoomaa irratti garuu maqaa gaarii hin horanne.
MM Abiy dhaaba kana diiguun guyyoota muraasa keessa paartii ilaalcha 'Ida'amuu' hordofuun bakka buusani.
Sababni ijoo MM Abiy paarticha jijjiiruuf kaasan rakkoowwan waggoota darbaniif mudatan furuuf haala mijeessuuf akka ta'e himu.
Haa ta'u malee, dura aantummaan dhaaba ADWUI kan hundeesse TPLF mormii cimaa dhageessise.
Dimookiraasiinfi mirga namoomaa bara bulchiinsa TPLF/ADWUI akka hin dagaagne kanneen taasisan keessaa tokko, ilaalcha 'Democratic Centralism' dhaabichi hordofaa turedha.
Yeroo ammaa PP'n ADWUI caalaa paartilee naannolee kana dura paartilee deeggarsaa jedhaman hammachuun naannolee sagal biyyattiin qabdu bulchaa jira.
Ta'us, qeeqxonni dhaaba kanaa sirna federaalizimii diiguuf jechuun yaaddoo isaanii ibsu. Dhaabichi garuu irra deddeebiin ''kaayyoon keenya sirna federaalizimii sab - daneessaa dhugaa ta'e ijaaruudha,'' jechuun deebisa.
Walitti bu'insaafi buqqaatii
Ministirri Muummee Abiy osoo gara aangooti hin dhufin gama Baha biyyattii waldhibdee daangaa Oromiyaafi Somaaleetti uumameen lammiileen miiliyoona tokko buqqa'anii turan.
Haa ta'u malee, bara bulchiinsa isaanii lammiileen bakkeewwan gara garaatti waldhibdee sabaa, amantii akkasumas hookkara siyaasaan ajjeefamaniiru. Kan buqqa'anis miiliyoonaan lakkaa'amu.
Kunis, rifoormii bulchiinsi isaanii fidee dhufe hojiirra oolchuuf rakkisaa taasiseera.
Qondaaltonni mootummaa sababni kanaa biyyattiin ce'umsa keessa waan jirtuufi jechuun kaasu. Lammata rifoormii bulchiinsa MM Abiy kanneen hin gammadnetu harka keessaa qaba jechuun himatu.
Waggaa baranaa keessas wanti akkanaa hin dhaabbatiin jira.
Barana lola Tigraay keessa jiruun 70,000 ol gara Sudaanitti baqataniiru. Kaan immoo biyyuma keessa bakkeewwan adda addaatti buqqa'an.
Rakkoo nageenyaa Konsoo tureen, rakko nageenyaa Wallagga Lixaan, haleellaa Benishaangulitti raawwateen, akkasumas dhiheenya rakkoo nageenyaa Naannoo Amaaraan lammiileen kumaatamatti lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'aniiru.
Ajjeechaafi yaaliiwwan ajjeechaa qondaaltotaa
Bara bulchiinsa MM Abiy ajjeechaan namoota beekamoofi qondaaltota mootummaa xiyyeeffatellee raawwataa ture.
Keessumaa baatii Waxabajjii keessa haala walitti fufinsa qabu fakkaatuun namoonni jajjaboo ajjeefamaniiru.
Ajjeechaan kuni bulchaa biyyattiirrattillee xiyyeeffachuu kana dura himanii turan. Hiriira deeggarsaa isaaniif magaalaa Finfinnee keessatti taasifame irratti boombii darbatameen namoonni lama yoo du'an 100 ol madaa'aniiru.
Xiqqooma osoo hin turin injinarri hidha Abbayyaa ijaarsisaa turan 'of ajjeesuu' isaanii poolisiin ibseera.
Waggaa isaattimmoo 'fonqolcha mootummaa' raawwate jechuun mootummaan ibseen, naannoo Amaaraatti bulchaa naannichaa dabalatee qondaaltotni mootummaa jaha ajjeefaman.
Qondaalli ajjeechaa kana qindeessuun shakkameefi harka kennuu dhabuun ajjeefame immoo Hoogganaa Bulchinsaafi Nageenya naannichaa erga MM Abiy aangootti dhufan booda hidhaatii bahanidha.
Waggaa sadaffaattimmoo baatii Waxabajjii keessa ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa irratti raawwate. Isa hordofee hookkara ka'en badiin guddaa dhalateera.
Gama kaaniin, gama Lixaafi Kibba Oromiyaa rakkoo nageenyaa jiruun walqabatee qondaaltonni mootummaafi nageenyaa hedduu hidhaattootaan ajjeefamuu gabaafamaa ture.
Covid-19 fi filannoon achi darbuu
Koronaavaayirasiin Itoophiyaa irratti rakkoo fayyaafi diinagdee akkasumas hawaasummaa qofa hin turre kan dhaqqabsiise.
Sababa vaayirasii tasa addunyaa waliin gahee lubbuu lammiilee hedduu galaafate kanaan walqabatee, filannoon biyyaalessaa jahaffaa achi dabre waldhibdee siyaasaaf sababas ta'eera.
Dhaabbileen siyaasaa mormituu filannoon achi darbuu deeggaranii garuu mootummaan biraa akka hundaa'u yookiin keessatti akka qooda qaban kan gaafatan turani.
Kaanimmoo, kanneen akka TPLF, filannoon achi darbuu mormanii ajaja mootummaa federaalaa osoo hin fudhatiin filannoo mataa isaanii gaggeessan.
Kuni, erga biyyattiin sirna federaalizimiin buluu eegalte waan ta'e hin beeknedha.
Dhimmi kuniifi kaan dabalamuun dhaabni biyyattii waggoota 27 bulchaa ture TPLF mootummaa federaalaa waliin walitti bu'iinsa waraanaa seenun ni yaadatama.
Siyaasa Itoophiyaa ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa booda
Artistii gameessi Oromoo Hacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29 galgala magaalaa Finfinnee keessatti rasaasaan rukutamee ajjeefamuun haala siyaas-diinagdee fi hawaasummaa biyyattii keessatti taatee guddaa tokko ture.
Taatee uumame sana hordofuun qondaaltota siyaasaa gameeyyii kanneen akka Jawaar Mahaammad fi Baqqalaa Garbaa dabalatee hedduun hidhamaniiru.
Ajjeefamuu Artist Hacaaluu boodas hiriirri balaaleffannaa biyya keessaafi biyyoota addunyaa hedduutti gaggeeffameera.
Biyya keessaa namoonni hiriira sanarratti hirmaatanii fi badii geessisan jedhamuun shakkaman hedduun hidhamaniiru.
Ga'ee aartii keessatti qaburra darbee dubbiin inni dubbatu siyaasa biyyattii keessatti iddoo guddaa kan qabaachaa ture artist Hacaaluun, ajjeefamuunsaa kallattii siyaasaa biyyattiin qabattee jirtu irratti dhiibbaa guddaa uumuu dubbatu xinxaltoonni siyaasaa.
Artist Hacaaluun erga ajjeefamee ji'oota sagal kan caale ta'ulleen hanga ammaatti manni murtii murteen dhimmicharratti dabarse hinjiru.
Lola Tigraay
Taateewwan siyaasa biyyattii qoran keessaa kan biraan lola naannoo Tigraayitti mudhatedha.
Waggoota kurna saditti siquuf Itoophiyaa olaantummaan bulchaa kan ture paartiin Adda Bilsa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF), erga waggaa sadi dura jijjiiramni siyaasaa biyyattii keessatti dhalatee mootummaa jijjiiramaa waliin qoccolloo hammeesse.
Qoccolloon kunis Sadaasa 04 gara waraana ija addunyaa gara Tigraayi deebise kaasise.
MM Abi Ahimad Sadaasa 04, 2020 humni addaa naannoo Tigraay kan TPLF'f amanamoo ta'an, buufata Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kaaba jiru haleelaniiru jechuun tarkaanfii waraanaa labsan.
Waraana sanaan kumaan kan lakkaa'aman du'aniiru, hedduun gara Sudaan baqatan, miiliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo qe'eerraa buqqa'an.
Qondaaltonni gameeyyiin TPLF kaan ajjeefamanii kaansaanii hidhaman, dhumarratti paartichi mataansaa akka haqamu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa murteesse.
UN, Gamtaa Awurooppaa fi jaarmiyaalee mirga namoomaa dabalatee hawaasi idil-addunyaa dhiittaa mirga namoomaa mudateef qaamolee waraana keessatti hirmaatan hunda komate.
Qorannoon gadi fageenyaan qama walabaan akka gaggeeffamuu fi deggarsi namoomaas daangaa tokko malee akka kennamuu danda'u dhiibbaa uuman.
Lolli Tigraay kun biyyoota waggoota kurna lama booda walitti araaraman Itoophiyaa fi Eertiraallee walitti dubbachiiseera.
Abdiifi yaaddoo filannoo 2021
MM Abiy waggaa sadi dura akkuma aangoo qabataniin haasawa jalqabaa paarlmaa biyyattiif taasisaniin dirree siyaasaa bal'isuun filannoo haqa qabeessa gaggeessuuf waadaa galanii turan.
Haaluma kanaan paartileen yeroo dheeraaf baqaan biyya bakkee turan biyyattii deebi'uun siyaasa biyyaa keessatti hirmaachuuf carraa argataniiru.
Kanneen sababa ilaalcha siyaasaan maneen hidhaa keessatti dararamaa turanis hiikamuun carraa siyaasa keessatti hirmaachuu argataniiru.
Haata'u malee, filannoon biyyaalessaa marsaa ja'affaan sababa weerara koronaavaayirasiin dabarfamuun miira jijjiirama siyaasaa biyyattii keessa ture jijjiireera.
Paartileen mormitootaa of-eeggannoo gochaa filannoo gaggeessina jechuun wayita cichan mootummaanis gamasaatiin ejjennoosaatti ciche.
Paartileen morkattootaa hedduun yeroo turtii mootummaa goolabamuun dura filannoon gaggeeffamuu qaba jechuun cichan, mootummaan ammoo yeroo kanatti rakkoo mudatuuf furmaata jechuun heera mootummaa hiikuun aangoo qabatee itti fufe.
Kun kanaan osoo jiruu Waxabajjii 29 ajjeefamuun Artist Hacaaluu ammoo dhibdee jiru daranuu hammeesse.
Taatee kana booda qondaaltonni siyaasaa gameeyyiin keessattuu kan paartilee KFO fi ABO hidhamaniiru.
Hidhamuun miseensotaa fi hooggantoota isaanii paartilee kunneen biratti komii guddaa kaasiseera, dabalataan paartileen kunneen waajjiraaleen jalaa cufamuu deddeebi'anii komachaa turan.
Naannoo Oromiyaa keessaa deggertoota guddaa kan qaban paartileen kunneen mootummaan nu dhiibee filannoo keessaa nu baaseera jechuun filannoo baranaarratti akka hin hirmaanne ibsaniiru.
Murteen paartilee kun adeemsa filannoo duraa, yeroo filannoo fi filannoo booda jiraatu irratti yaaddoo uumeera.