Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni murtii himata Obbo Jawaar Mohaammad fa’i irratti ragaalee golgaa duubaa kuffise
Galmee Himataa Obbo Jawaar fa'i irratti iyyata abbaan alangaa ragaaleenkoo golgaa/maggarajaa duuba ta’un jecha yaa kennan jechuun dhiyeesse manni murtii kuffise.
Manni murtichaa ragaaleen abbaa alangaa dhaddacha banaa keessamoo dhaddacha cufaa golgaa/magaarajaa duuba yaa dhagahaman kan jedhu irratti murtee kennuuf ture har’atti beellama kan qabate.
Kanaan dura Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa ramaddii Lidataatti galmee qorannoo duraatin ragaalen abbaa alangaa golgaa/magaarajaa duuba ta'un jecha isaanii kennanii turan.
Torban lama dura Obbo Jawaar Mohaammad fa'i yakkoota ittiin himatamaniin badii hin raawwanne jechuun jecha waakkii mana murtiif laataniiru.
Guyyaa har'aa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi farra shororkaa fi dhimmoota heeraa tokkoffaa galmee Obbo Jawaar Mahaammad fa'i jala kanneen jiran ilaaleera.
Abbaan alangaa ragaaleensaa 146 eenyummaansaanii dhokfamee dhaddacha cufaan golgaa duuba ta’uun ragaa akka bahan iyyatee ture.
Kunis ragaaleesaaf eegumsa gochuuf akka ta’edha abbaan alangaa iyyatee kan ture.
Haa ta’u malee, abukaatootni himatamtootaa iyyatni abbaan alangaa dhiyeesse mirga himatamtootni dhimmi isaanii dhaddacha banaa keessatti ilaalamu kan sarbu akka ta’e himuun falmanii turan.
Kana malees abbaan alangaa balaa ragaalee isaarra qaqqabuu danda’an iyyata isaa keessatti kan hin ibsine ta’uufi yoo himatamtootni eenyummaa ragaalee hin beekne gaaffii qaxxaamuraa gaafachuun akka isaan rakkisus abukaatotni yaada falmii isaanii keessatti ibsaniiru.
Yaada garee lamaanii kan ilaale manni manni murtii iyyata abbaan alangaa ragaaleensaa dhaddacha cufaa keessatti golgaa duuba ta’un jechasaanii akka kennan dhiyeesse kuffiseera.
Haa ta’u malee, maqaan ragaalee hanga guyyaa jecha kennanitti dhokfamee akka turus jala murtii kenne.
Abbaan alangaas jijjiirraa iddoo jireenyaa dabalatee ragaalee kootif maloota eegumsa biroo hangan qophessutti yeroon naaf yaa kennamu jechuun kan gaafate yemmuu ta’u abukaatotni himatamtootaa mormaniiru.
Abukaatotni gama isaaniitin abbaan alangaa maloota eegumsaa biroo qophesssuf jechuun beellama dabalataa gaafachuunsaa mirga haqa saffisaa argachuu himatamtootaa ni sarba jechuun himan.
Manni murtichaa yaada garee lamaanii erga dhaggeeffatee booda yaada abbaa alangaa fudhateera.
Haaluma kanaan kanaan dura jecha ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuuf Bitootessa 29 bara 2013'tti beellamee kan ture yemmuu ta’u dhaddacha har’aatin jecha ragaalee dhagahuuf Ebla 05 bara 2013'tti beellameera.
Gama biraatii,n dhaddachawwan kanaan dura turan irratti himatamtootni gariinfi abukaatoowwan isaanii mirgi wabii akka eeggamuf iyyatanii kan turan yemmuu ta’u manni murtichaa gaafii mirga wabii dhiyaate kuffiseera.
Haala himatamtootni irratti argaman
Dhaddacha har’aa irratti Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Hamzaa Adaana/ Booranaa dabalatee himatamtootni 21 dhiyaataniiru.
Sababa lagannaa nyaataatin qaamni huqqatee fi laafee kan ture Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Hamzaa Adaana/ Booranaa qaamnisaanii hanga ta’e deebi’aa jira.
Obbo Jawaarfi Obbo Hamzaan dhaddacha keessa dhaabbatanii abukaatoota isaanii walin mari’achaa turan.
Gama biraatin, Obbo Shamsaddin Xahaa erga hidhamanii maatiisaanii biyya alaa jiran bilbilaan arganii akka hin beekneefi irra deddeebin gaafatanis hojjetoota mana sirreessaa Qaallittin dhorkamuu isaanii iyyatan.
Manni murtichaas Obbo Shamsaddin maatisaanii biyya alaa jiran bilbilaan akka haasofsiisanif haalli akka mijatuf ajaja kenneera.
Waa'ee galmee himataa Obbo Jawaar fa'i
Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroo A L I ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda to'annoo poolisii jala oolan.
Kunneenis, labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.
Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba Sanyii fi Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa namoota biyya keessa hin jirreefi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.
Ajjeechaa weellisaa Hacaaluu Hundeessaa booda hookkara uumameen lubbuun lammiilee 170 ol yoo darbu qabeenyi biiliyoona hedduun lakkaa'amu manca'uunis ni yaadatama.