Ajjeechaan Haacaaluu Hundeessaa erga raawwate ji'a tokko keessa maaltu ta'e?

Haacaaluu Hundeessaa erga ajjeechaan magaalaa Finfinnee keessatti irratti raawwatee ji'a tokko ta'eera. Ergasii booda wantoonni Itoophiyaas ta'e alatti raawwatan hedduudha.

Baatii darbe keessa ijaarsa hidha Abbayyaan alatti ajjeechaan Haacaaluufi ergasii booda waan biyya keesa ta'e dhimmoota ijoo Itoophiyaa waltajjii addunyaarratti ijoo dubbii taasisanidha.

Ta'eewwan ijoo ajjeechaa weellisaa beekamaa ummata biratti jaallatamu irratti raawwatame booda ta'an gabaabsinee haa ilaallu.

Tarkaanfii miidiyaa

Ajjeechaa Hacaluu hordofee ture poolisiin waajjira muummee Oromiyaa Miidiyaa Netwoork (OMN) magaalaa Finfinnee jiru kan cufe.

Qondaaltonni ergaa 'saba walitti buusu' dabarseera jechuun cufanii qorataa akka jiran ibsu. Miidiyichi gama isaan himata akkanaa akka hin fudhanne ibseera.

OMN alatti Tigraay Tv, Dimtsi Wayyaaneefi Asraat TV'f qondaaltonni Itoophiyaa akeekkachiisa kennaniiru.

Miidiyaaleen lamaan buufanni isaanii Maqalee ta'e, Tigraay TV fi Dimtsi Wayyaane boodarra saatalaayitiirraa buufamuu isaanii ibsaniiru. Kanaafis, mootummaa himatani.

Mootummaan garuu himannaa kana ni balaaleeffata. Ta'us, saatalaayiti biraan qilleensatti ol bahuu isaanii ibsaniiru.

Gama kaaniin, gaazexessaa OMN yeroo xumuraaf Hacaaluu dubbise Guyyoo Waariyoo dabalatee gaazexeessitoota fi teknishaanota shan kan ta'an ergasii poolisiin to'ateera.

Gaazexessaan lammii Keeniyaa Yaasin Juumaa jedhamuun beekamullee kanneen to'ataman keessaati.

Qorattoonni ajjeechaan Hacaaluu gaaffiifi deebii inni yeroo xumuraaf OMN taasiseen akka walqabatu ibsaa turan.

Tarkaanfiin miidiyaaleerratti fudhatame walabummaa miidiyaa kan cabsudha jechuun kanneen mootummaa qeeqan jiru.

Haa ta'u malee, mootummaan 'walabummaan miidiyaa kan eegamedha. Hanga seera kabajanitti hojjechuu danda'u. Miidiyaalee hookkara uuman garuu hin obsinu,' jechuun hima.

Gama kaaniin immoo kanneen ajjeechaa Hacaaluun akkasumas cufamuu OMN'n aaran waajjira OBN Intarnaashinaal Ameerikaa bulchiinsa Minesotaa jiru caccabsaniiru. Isa hordofee hojii dhaabuu isaa dhaabbatichi ibseera.

Hidhaa

Waxabajjii 30 guyyaa Kibxataa ture qondaaltonni paartii mormituu Obbo Baqqala Garbaa, Jawaar Mohaammad, Hamzaa Booranaa dabalatee namoonni 35 Giddugala Aadaa Oromootti kan poolisiin to'ataman.

Poolisiin reeffa Hacaaluu Finfinneetti deebisuun, ajjeechaa poolisii irratti raawwate jedheen, hookkara uumuuniifi qondaaltota mootummaa ajjeesuuf yaaluun shakkeen to'adhe jechuun ibseera.

Qondaaltonni kunneen garuu 'waan ta'e jedhe nurratti raawwatedha, filannoorraa nu hambisuuf kan taasifamedha,' jechuun himannaa irratti ka'u balaaleeffatu.

Yeroo ammaa poolisiin himata kan hin banne ta'us irra-deddeebbiin yeroo dabalataa ragaa walitti qabuun himannaa banuuf dandeessisu gaafataa jiru manni murtii eeyyamaafi jira.

Kanneen gaafas hidhaman keessaa ijoolleen Obbo Baqqala Garbaa sadi kanneen gad-lakkifaman keessaati.

Ergasii hoggantoonni paartilee ABO kanneen akka Obbo Mikaa'el Booran, Dr Shiggux Galataa, Kennasaa Ayyaanaa, Lammii Beenyaa dabalatee yoo xiqqaate qondaaltonni jaha to'atamaniiru.

Boodarra dhaaba KFO keessaas hookkara kaasuunin shakke jechuun poolisiin Obbo Dajanee Xaafaa to'ateera. Obbo Dajaneen yeroo ammaa koronaavaayirasiin qabamanii hospitaala akka jiran Abbaan Alangee mirkanesseera.

Akkasumas paartii Baaldaraas keessaa dura taa'aa paartichaa Iskindiir Naggaa fi Sintaayyoo Chakkool, akkasumas dhihoo Obbo Lidatu Ayyaalo poolisiin to'atamaniiru.

Hoggantooni kunneen jeequmsa kaasuun, garee jeequmsa uume hundeessuun akkasumas qarshiin deeggaruufi qindeessuun shakke jedheera poolisiin sababa to'atef yoo ibsu.

Torban darbe immoo Hayyu dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa manaa akka hin baane ugguramu ibsaniiru.

Bakka isaan hin argamnetti walgahiin miseensota gumii sabaa dhaabichaa taasifame immoo ijoo dubbii guddaa ta'ee jira.

Mootummaan sodaa koronaavaayirasiin maatiin hidhamtoota akka hin daawwanne gochuufi manneen barnootaatti dabalatee namoota shakkiin to'ate hidhu ibseera.

Owwaalcha

Poolisiin akka ibsetti Hacaaluun Wiixata Waxabajjii 29, 2020 halkan keessaa sa'aatii 3:00 booda magaalaa Finfinnee naannoo kondominiyeemii Galaanitti ajjeefame.

Bulee isaa reeffi qorannoof hospitaala Phaawuloositti erga ergame ganamuma bahee owwaalchaaf gara bakka dhaloota isaa magaalaa Ambootti qajeeluu eegale.

Haa ta'u malee, kanneen bakka dhaloota isaa Ambootti qajeelu isaa mormuun Finfinneetti akka awwaalamu gaafatan turani.

Boodarra, erga namoonni miilaan gaggeessaa Buraayyuu gahe booda reeffi gara magaalaa Finfinneetti deebifame.

Maatiin boodarra akka ibsanitti owwaalchi isaa Ambootti akka raawwatu kan gaafate isaani. Mootummaanis reeffa Finfinneetti dhufe deebisee Ambootti deebisuu isaa ibseera.

Owwaalchi Hacaaluu gaafa Kamisaa umri isaa 36'tti magaalaa keessatti dhalatetti raawwate.

Kanneen, owwaalchi Ambootti akka hin raawwanne morman 'mootummaan kabajaa Hacaaluun maluuf sadarkaa isaa eeggate owwaalcha hin taasisneef' jechuun cimsanii qeequ..

Owwaalchi raawwatu guyyaa tokko dura akkasumas guyyaa owwaalchi raawwate fira dhihoo Hacaaluu dabalatee muddama turen yoo xiqqaate lubbuun namoota shanii darbeera.

Hookkara Finfinneefi Oromiyaatti

Ajjeechaan Hacaaluu akkuma dhagahameen magaalaa Finfinneefi bakkeewwan naannoo Oromiyaa hedduutti ummanni mormiif daandiitti baheera.

Haa ta'u malee, keessumaa bakkeewwan sulula qinxamaatti mormiin yeroosuma hookkaratti jijjiramuun lubbuun namaa akkasumas qabeenya irratti badiin guddaa gaheera.

Qondaaltonni haleellaan saba akkasumas amantii irratti raawwate hin jiru haa jedhaniyyuu malee jiraattonni Finfinnee akkasumas Oromiyaa keessaa sabummaan yookiin amantiin haleellaan nurratti raawwate jedhan jiru.

Ragaa hanga yoonaa jirun Finfinneefi Oromiyaatti namoonni 180'tti siqan du'u poolisiin ibseera. Humnoota nageenyaan kan du'an jiranis gara caalu ummatni walitti gara galuun kan du'an akka ta'an qondaaltonni ibsu.

Bakkeewwan kaan akka fakkeenyaatti Harargee Lixaa Ciroottimmoo namoonni hedduu miidhamanii wal'aansaaf dhaqan rasaasaan kan dhahamanidha.

Bakkeewwan badiin guddaa itti dhaqqabe jechuun ibsaman keessaa magaalaa Shaashamannee, Baatuu, Godina Baalee bakkeewwan muraasa akkasumas Godina Arsiidha.

Lubbuu darbeen ala qabeenyi ammaaf hangi isaa qarshiin hin tilmaamamin manca'eera.

Mootummaan akka ibsetti waajjiraalee mootummaa, manneen jireenyaa 1,000 ol warshaaleefi hoteelota, konkolaattota dhuunfaa 200 ol dabalatee dhaabbileen daldalaa gubataniiru akkasumas caccabaniiru.

Hookkara kana hordofee namoonni 7,000 ol ka to'ataman yoo ta'u kanneen keessa qondaaltota mootummaa, akkasumas poolisoonni keessa jiru.

Sababa hokkara kanaan namoonni 10,000'tti ta'an manni duraa gubatee, yookiin caccabe yookiin immoo sodaadhaan qe'eerraa buqqa'u mootummaan ibseera. .

Intarneetii cufame

Ajjeechaa Hacaaluu booda torban sadii olif Itoophiyaan intarneeta guutuu biyyaatti dhaamsite.

Torban lama booda Finfinneetti tajaajilli WiFI bakkeewwan muraasa eegalus guutuu biyyaatti guyyoota 23 booda ture intarneetiin mobaayilarra daataan dalagu kan gad-lakkifame.

Ekispartoonni mirga namoomaa UN, Gareen mirga pireesiif mormu CPJ dabalatee dhaabbileen garaa garaa Itoophiyaan intarneetii cufte akka bantu gaafataa turan.

Rakkoo nageenyaa biyya keessaa yoo uumamu mootummaan Itoophiyaa intarneetii cufun waan barame ta'eera

Intarneetiin 'meeshaa haasaa jibbinsaa' waan ta'efifn cufe jechuun mootummaan ibseera.

Sababa intarneetiin cufameef qorannoon Covid-19 biyya keessatti taasifamu akkasumas akkasumas marii hidha Abbayyaa intarneetaan taasifamu adda cituun isaa ibsamee ture.

Siidaa jijjige

Namoonni ajjeechaa Hacaaluurratti raawwateen aaruun mormiidhaaf daanditti bahan siidaa mootota lamaa jijjigsaniru.

Siidaan mootii Haayilasillaasee biyya UK kan magaalaa Landan namoota ajjeechaa wallisaa Haacaluu balaaleefataniin diigameera.

Akkasumas siidaan abbaa mootii H/Sillaase kan ta'an kan Raas Mokonniin W/Mikaa'el Baha Itoophiyaa magaalaa Harar jirus dargaggoowwaniin jigfameera.

Gidduu hookkara magaalaa Finfinnee raawwateen siidaan mootii Miniliik magaalaa Finfinnee jiru humnoota nageenyaan eegamaa turuun isaa gabaafameera.

Mormii biyyoota alaatti

Erga MM Abiy aangootti dhufani mormiin cimaa hawaasa biyyoota alaa jiraatanirraa isaan mudate ajjeechaan Hacaaluu erga raawwate booda waan ta'edha jechuun danda'ama.

Magaalota garaa garaa US, Awurooppaa, Awustiraaliyaa dabalatee torban walitti aananiif mormii isaanii dhageessisaniiru.

Ajjeechaan Hacaaluu qaama walabaan haa qoratamu, hoggantoonni siyaasaa hidhaa seenaan haa hiikaman akkasumas MM Abiy aangoorraa haa ka'an kanneen mormitoonni guddisanii dhageessisaniidha.

Dabalataan, badhaasa Nobeelii MM Abiy Ahimad ji'a jaha dura argatanillee akka harkaa fudhatamu waldaan ogeessota seeraa Oromoollee gaafateera.

Haa ta'u malee, jaarmiyaan Nobeelii kennu akka ibsetti xalayaan MM mormanis ta'e deeggaran akka isaanitti ergame ibsuun badhaasni takkaa kenname hin deebifamu jedheera.

Faallaan mormiin ala kanneen bulchiinsa MM Abiy deeggaruun hiriira bahanis turani.