Atileet Hayilee G/Sillaase: Haqaafi wabii nan barbaada

Akka addunyaatti maqaan Itoophiyaa gaarummaan akka ka'u namoota taasisan keessaa Haayileen isa tokkodha.

Milkaa'inni fiigichaan goonfate waltajjii addunyaarratti maqaa guddaa akka horatu taasiseera.

Fiigichaan waltajjii addunyaa irratti maqaa biyyaa yeroo garaagaraatti waamsisuun cinatti, invastimantii garaagaraa irratti hirmaachuun diinagdee biyyaaf bu'aa argamsiisaa tureera.

Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa hordofee hookkara magaalaa Finfinneefi bakkeewwan muraasa Naannoo Oromiyaatti mudaten lubbuun namootaa 180'tti siqu darbeera.

Dabalataanis, qabeenyi guddaa manca'u isaa poolisiin ibsaa ture. Keessumaa magaalawwan Baatuu fi Shaashamannee keessa balaan qaqqabe olaanaa tahuusaa jiraattonni BBC'n dubbise dubbatu.

Qabeenya magaalawwan kunneenitti barbadaa'an keessaa hoteelonnii atileet Haayilee Gabirasillaasee lama keessatti argamu.

Tilmaamni qarshii hoteelota sadarkaa isaanii eeggatan lamaan kanaa qarshii miiliyoona dhibba lamaa ol ni taha jechuun Haayileen BBC'tti himeera.

''Lakkoofsa isa sirrii hin barre miiliyoon 290 tahuu mala, shallagni kun qabeenyaan bade gatii amma gabaarratti qabuun tilmaamame,'' jedheera.

''Hoteelli keenya Shaashamannee jiru abbaa urjii sadii yoo tahu guutummaan guutuutti barbadaa'ee jira, baayyees itti dhamaanee turre,'' jedha Haayileen.

''Inni Baatuu jirullee foddaawwan daawwitii, Ispaa, iddoo ispoortii hojjetan, man-kuusa, lafa wayyaa miicanii fi kutaan nyaata itti bilcheessan guubateera.

Kutaa simannaa keessummaa fi kaanifillee kan oolan jiru. Meeshaan baay'ee garuu keessaa hatameera,'' jedhe Hayileen.

Magaaloota kanatti kana booda hojiitti deebi'u isaa kan gaafatame Haayileen akka ifatti akka hin murteessine hima.

''Isa Shaashamannee jiru bu'uurumaa lafa qonnee akka haaraatti jalqabuu qabna, isa Baatuu jirullee waggaa tokko keessatti haaromsinee itti deebina taha,'' jedheera.

Namoonni hoteelichatti qacaramanii hojjetan kan 400 caalan hojiin ala tahaniiru jedheera.

Dhaaboti isaaniin qacaruu danda'an kan magaalawwan kunneen keessa jiran biroonille akkasuma miidhaan irra gaheera jedheera.

''Kuni balaa guddaa dha biyya hojii dhabdummaan itti babal'ate keessatti nama hojii hin qabne biraa uumeedha.''

''Dhaabota wal fakkaataa biroo irrattillee miidhaa qaqqabeen warreen buddeena isaanii dhaban gaafa yaaddu rakkoon kun guddaa tahuu hubatta,'' jedheera.

'Wabiin hin jiru'

Atileet Hayileen miidhaan bakkeewwan garaa garaa Oromiyaa keessa dhaqqabe gibira mootummaan argachuu danda'u kan hambisee fi abbootii qabeenyaa biroo hojiilee akkasii keessatti hirmaachuu barbaadaniif ergaa gaarii hin qabu jechuun hima.

"... abbootiin qabeenyaa magaalaa gubbatte ilaalaa akkamitti maallaqasaa hojiirra oolcha? Warshaaleen, hoteeloonni, dhaabbileen daldalaa, qonni abaaboo gubataniiru… wantoonni baay'een gubataniiru. Akka biyyaatti dhabneerra... ."

Hayileen qabeenyasaa jala gubateef ishuraansiirraa kaffaltii ni argadha jedhee amana.

"Ani qabeenya asitti dhabe dhaabbilee daldalaa kiyya biroorraa nan kiisa ta'a; garuu namoonni waan tokko qofa qaban kan guyyaa tokkotti dhaban meeqatu jiru.

Kan namoota muraasaa yoo dhageessu baay'ee nama rifaasisa; namoota uffannaa halkanii fi kophee silibeerii tokko qofa qabatanii, kan uffata jijjiiraa biraa osoo hin qabanne manaa bahanii mana namoota birootti hafan jiru."

Miidhaa qabeenyasaarratti dhaqqabe ilaalchisee hoggantoota hawaasaa bakkichaa fi qondaaltota waliin bilbilaan marii taasisuusaa BBC'tti himeera.

"Hojjattoonni baay'ee hojiin ala ta'aniiru; mootummaan saffisaan deebii akka nuu kennu barbaanna, waliinis dubbataa jirra," jedha.

Deebii harkaa kan qabu mootummaadha kan jedhu Hayileen "gara fuulduraatti taateen wal fakkaataan akka hin dhaqaabne wabii fi haqni ni" barbaachisa.

"Jalqabarratti haqni ni barbaachisa" jechuun dubbata. "Namoonni miidhaa kana dhaqabsiisan seeratti dhiyaachuu qabu."

Gama kaaniin wabii eeggamu mootummaa qofa irraa osoo hin taane ummatarraas dhufuu qaba jedha Hayileen.

Miidhaan naannoo Laanganoo gahuuf ture hawaasa naannoo fi hojjattootaan osoo hin milkaa'ini hafuusaa ibsuun bakkeewwan biroos haalli wal fakkaataan jiraachuu qaba jedha.

"Qabeenya nama dhuunfaa gubaa namni biraa dhufee hojii hojjata jechuun ni ulfaata."

Qaamoleen nageenyaa taatee akkaanaa ittisuun isaanirraa eegama kan jedhu Hayileen "isaanis ittisuu hin dandeenye" jechuun komiisaa ibseera.

Hayileen miidhaa qabeenyasaarraa gaheef beenyaan akka kaffalamuufii qabu hima.

Hoteela dhiheenyatti Adaamatti banamuuf ta'uuf hojjattoota Shaashamannee fi Baatutti hojiisaanii dhaabaniifi bakka jireenyasaanii jijjiirachuu danda'an qacaruuf yaaduu isaa hima.

"Biyya tiyya, Itoophiyaadha, eessallee hin deemu. Duutillee osoo dhufee asumatti qabsoofta."