Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaa Haacaaluu: ''Mootummaan naannichaa sirna awwaalchaa maatii waliin mariyatee raawwachiisa''
Reeffi Artiist Hacaluu Hundeessaa Hilikooptaraan bakka dhaloota isa magaalaa Ambootti geeffamuu jiraattotniifi hoogganaan Kominikeeshinii magaalaa Amboo Obbo Milkeessaan BBC’tti himaniiru.
Jiraataan magaalittii tokko reeffi qe’ee maatii gahuu nuu mirkaneessee jira.
Reeffi Artiist Hacaaluu Hilikooptaraan gara dhiyeenya magaalaa Amboo bakka Hoomachoo jedhamutti geeffamuu namoota dubbifne lamaan kanarraa mirkaneeffanneerra.
Warshaa meeshaalee waraanaa Hoomacho, Ammunition engineering Industry, irraa Ambulaansiifi Paatroolii tokkoon gara mana maatii isaa gahuu jiraataan BBC'n dubbise himeera.
Naannoo Hoomachoorraa Ambulaansiin gara qe’ee maatiitti akka geeffamees beekameera.
Pireezidantiin Mootummaa Nannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ammoo ibsa dhiyeenya kennaniin reeffi Artiist Haacaaluu gara Amboo kan geeffamee gaaffii maatirraa dhiyaateenii jedhaniiru.
Pireezidant Shimallis OBN irratti ibsa yoo kennan,reeffii Artiist Haacaaluu ganama gara magaalaa Ambootti gaggeefamaa ture ''fedha maatii malee Finfinneetti akka deebi'u ta'ee'' jedhan.
Obbo Shimallis Mootummaan Naannichaa gaafatama guutuu fudhatee maatii waliin mariyachuun sirna awwaalchaa akka raawwachiisu himanii jiru.
Ganama reeffii isaa gara magaalaa Ambootti gaggeefamaa kan ture ta'uus, sirni awwaalchaa Finfinneetti raawwatamuu qaba yaada jedhuun Finfinneetti deebi'ee Galmaa Aadaa Oromootti keessa taa'ee ture.
'Reeffi Amboo deemuu hin qabu'
Reeffi weellisaa Hacaaluu Hundeessaa kan guyyaa kaleessaa (Wixata 30, 2020) magaalaa Finfinnee keessatti ajjeefame gara bakka dhaloota isaa magaalaa Ambootti akka geeffamu ture.
BBC’n namoota reeffa gaggeessaa turan irraa akka odeeffateetti, reeffi yeroo sanatti magaalaa Buraayyuu bakka Maaramii jedhamu darbee ture.
Reeffi Hacaaluu hospitaala Phaawuloos bakka ajjeechaa booda qorannoof galfamerraa bahuun ture gara Ambootti qajeeluu kan eegale.
Dargaggeessi ganama bakka hospitaalichaa ture Oftaananus Dassee BBC’tti akka himetti ’Finfinneetti akka awwaalamu dargaggoonni gaafachaa turani’’ jedhe.
Gaazexessaan BBC yeroo ammaa reeffa waliin imalaa jiru Amansiisaa Ifaas yaadni akkanaa ka’uu gabaasa nu biraan gaheera.
‘’Maatiinis murteessaniiru Amboo haa deemu jedhameetuma ka’e. Ergasii garuu namni hedduun asuma [Magaalaa Finfinnee] ta’u qaba waan jedhu kaasaa jira’,’ jechuun dubbate.
Rogeeyyiifi namoonni adda addaa reeffi isaa gara Amboo geessamuun akkasumas ariitiin akka awwaalamu godhamaa jira jechuun marsaalee hawaasaa irratti komii ibsataa jiru.
Namoonni reeffa waliin jiran hedduu akka ta’aniifi hedduun namaa miilumaan waliin imalaa akka jiru dhagenyeerra.
Namoonni kuniis Buraayyuu gaggeessani deebi’u jedhamee eegama.
Reeffa waliin weellistoonni kanneen akka Galaanaa Gaaromsaa, Jaamboo Jootee, Ittiiqaa Tafarii argamaniiru.
Gama kaaniin, osoo reeffi hospitaalaa bahe socho’aa jiru gama duuba namoota reeffa gaggeessaa jiraniin dhukaasni imimmaanessaa poolisiin dhukaafamuun gabaafameera.
Sababa maaliif akka dhukaafames ta’e miidhaan yoo gahe jiraate wanti beekame hin jiru.
Deeggartoonni isaa akkasumas kanneen ajjeechaa irratti raawwateen gaddan hedduu halkaniin Gullalleetti argamuun gadda isaanii ibsaa turani.
Ajjeechaa weellisaa Oromoo beekamaa Hacaaluu irratti raawwateen namoonni gaddan bakkeewwan Oromiyaa gara garaatti ganama har’arraa eegalee daandiitti bahuun gadda isaanii ibsaa jiru.
Lammiileen biyya alaa jiranis halkan akkuma duuni isaa dhagahameen walitti bahuun gadda isaanii yeroo ibsan mul’ataniiru.
Hacaaluun akkamiin ajjeefame?
Akka Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee halkan qixxee booda miidiyaa EBC’f ibsa kenneen namoonni ajjeechaa isaan shakkaman ‘muraasni’ to’atamuu ibseera.
Komishinarichi Geetuu Argaaw akka jedhanitti Hacaaluun Wiixata galgala Magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Aqaaqii Qaallitti bakka Kondominiyeemii Galaan jedhamutti rasaasni irratti dhukaafame.
Ergasii lubbuu isaa baraaruuf gara hospitaalaa geeffamuus lubbuu isaa oolchuun osoo hin danda’amin hafe.
Qorannoon ajjechaa isaa akka itti fufe poolisiin ibseera.
Weellisaa Hacaaluu erga du’uun isaa mirkanaa’ee booda qorannoof reeffi isaa gara hospitaala Phaawuloos geeffame qoratameera.
Haa ta’u malee, bu’aan qorannoo si achi ifa ta’a. Poolisiinis hwaan haaraa irra gahe ifa godha jedhameetu eegama.
Erga ajjeechaan raawwate booda
Ajjeechaan weellisaa kuni erga dhagahamee booda namoonni hedduun miidiyaa hawaasummaa gubbaa gadda isaanii ibsaa jiru.
Miidiyaaleen Itoophiyaas halkan irraa eegalee du’a weellisaa kanaa kallattiin gabaasaa jiru.
MM Abiy Ahimad gadda isaanii ibsuun barreessaniin ‘’Lubbuu qaalii ta'e dhabneerra.
‘’Edda lubbuun aartiistii dargaaggeessa dinqii Hacaaluu Hundeessaa darbuu dhageenyee warra gadda guddaa keessa jirru hundaaf jajjabinan hawwa,’’ jedhan.
Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa gama isaaniin miidiyaa naannichaa irratti halkan dhihaachuun gadda isaanii ibsaniiru.
Wanti Hacaaluurratti raawwatame karoorfameefi itti yaadamee kan raawwatame ta'usaatiif shakkoo tokkooleen hinjiru jechuun dubbatan.
Ajjeechaa weellisaa Oromoo kana irratti raawwateen namuu miidiyaa hawaasummaafi kaan irratti gadda isaa ibsataa jira.