Hacaaluu Hundeessaa: 'Lubbuu qaalii, dargaggeessa dinqii dhabne' - MM Abiy Ahmad

Weellisaa beekamaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa akka Itoophiyaatti Wiixata galgala sa’a 3:30 irratti rasaasaan rukutamee lubbuun isaa darbuu poolisii fi maddeen BBCn dubbisee mirkanneesan.

Magaalaa Finfinnee naannoo kondomiiniyamii Galaanitti rasaasaan dhahame, hospitaala Xinunesh Beejing geeffamus lubbuu isaa baraaruub hin danda'amne.

San booda reeffi isaa gara hospitaala Phaawuloos geeffamee erga qoratamee booda ganama kana gara bakka dhaloota isaa magaalaa Ambootti gaggeeffamaa jira.

Komishiniin poolisii Finfinnee ibsa Wiixata galgala EBC'f kenneen namoota shakkaman muraasa to'annoo jala oolcheera jedhee ture.

Kanumaan walqabatees Ministira Mummee Abiy Ahimad dabalatee aanga'oonni motummaa federaalaafi kan naannoo Oromiyaa gadda isaanitti dhagahamee ibsataa jiru.

MM Abiy Ahimad

MM Abiy Ahimad du’a weellisaa Haacaaluuf gaddi olaanaan akka isaanitti dhagahame karaa fuula Feesbuukii isaanii irratti barreeseean. Ergaa barreeffama isaanitiinis, ‘’Lubbuu qaalii ta'e dhabneerra. Edda lubbuun aartiistii dargaaggeessa dinqii Hacaaluu Hundeessaa darbuu dhageenyee warra gadda guddaa keessa jirru hundaaf jajjabinan hawwa,’’ jedhan.

Itti dbaluunis, MM Abiy ajjeechaa artistii jaallatamaa kanaa ilaachisee ‘’gabaasa qorannoo poolisii guutuu gocha badaa kanaa eegaaa jirra. Hanga gocha kana hubachuudhaan sochiiwwan biyya keenya keessatti raawwatamaniif yeroo xiyyeeffannoo itti kenninee hordofnu irra jirra'' jedhaniiru.

''Gadda keenya of eeggannoofi yakka dabalataa ittisuudhaan haa ibsinuus,’’ jedhan.

Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee gama isaatiin EBC irratti akka ibsetti, artistii beekamaa fi jaalatamaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa Kutaa Bulchiinsa Aqaaqii Qaallittii aanaa 04 bakka Kondominiyeemii Galaan jedhamutti rasaasaan rukutame.

Komishiner Geetuu Argaw akka jedhanitti, Artisti Haacaaluu Hundeessaa erga rasaasaan rukutamee hospitaala galuun yaalamaa erga turee lubbuun isaa darbite.

Kana malees komishinarichi "shakkamtootni muraasni qabamaniiru" himan.

Haadha Alangaa Adaanechi Abeebaa

Ministirri Abbaa Alangaa waliigalaa Fereraalaa Aaddee Adaanachi Abeebee gama isaanitiin ergaa fuula feesbuukkii isaaniirratti maxxansaniin, ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa ilaalchisuun gaddi guddaan itti dhagahamu isaanii ibsatan.

‘‘Du'a Artiistii sabbonnaa fi jalatamaa Haacaaluu Hundeessaatiin gadda cimaatuu natti dhagahame. Haacaaluun du'us hojii du'uu hin dandeenye hojjeteera’’ jedhan.

Itti dabaluun ‘‘eenyuu haa ta'uu eenyuu namnii Haacaaluu ajjeesse gama kaminuu seeraa jalaa miliquu hin danda'u, seeraan gatii hojiisaa ni argata’’ jechuun yakkamaan seera jalaa bahuu akka hin dandeenye himan.

Kana malees artitist Haacaaluuf jannata hawuun, ‘‘maatiifi ummataa keenya hundaaf waaqni jajjabinaafi obsaa nuu yaa kennu’’ jedhan Aaddee Adaanech Abeebee.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gama isaanitiin haasaa TV naannichaa irratti taasisaniin, Hacaaluu goota dhabneera jedhan.

Haacaaluun aartiisti qofaa osoo hintaanee, nama qabsoo kan gaafa xiiqii ummata fuuldura dhaabbate oogganaa ture jedhan Obbo Shimallis.

Gochi ajjeechaa Haacaaluurratti raawwatame kunis kan akka tasaa mudate osoo hintaane, karoorfameefi itti yaadamee kan raawwatame ta'usaatiif shakkoo tokkooleen hinjiru jedhan.

Gochichiis ummata Oromoo saba biraa waliin walitti buusuuf kan raawwatameedha jedhan.

Badii kana kan raawwatanis kanneen ooggansa harka Oromootti busheessu barbaadaniifi kan duraan dhaadachaa turan jedhan.

Akkasumas Motummaan Naannichaa ibsa alakanuma kana baaseen, ajjeechaan Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwate cimsee kan balaaleffatu ta'u ibsuun fuula Feesbuukii Biiroo Komunikeeshinii naannichaa irratti maxxanseeeera.

Ibschi dabaluunis ‘’Dhiira onneen sibiilaa, goota lammiif dhalatee lammiif wareegame, kan hin seesne, sodaa aarsaa duuba kan hin deebine, artistii Qaroo ummata Oromoo Haacaaluu Hundeessaa dhabuu keenyaan guddaa gaddineerra.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ajjeechaa artistii qaroo ummata Oromoo Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame cimsee balaaleffachaa, gochaa hammeenyaa kana gingilchee saaxiluudhaan tarkaanfii seeraa wal-gitu fudhachuuf kan hojjetu ta’uu isaa ibsa.’’

Dabalataan ajjeechaan kun ‘’ummata gidduutti gaaga’ama uumuudhaan wal fixiinsa labsuuf kan kaayyeffate ta’uu isaa hubachuun ummanni mootummaa waliin ta’ee hordoffii barbaachisu gochuudhaan akka saaxiluuf cimsinee dhaamna’’ jedhan.

Akkasumas Itti aanaan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkala Uumaas ajjeechaa Haacaaluutti gaddi olaanaan itti dhagahamu feesbuukiin ibsaniiru.

Artist Haacaaluu Hundeessaa gidduu kana Miidiyaa OMN irratti dhiyaachuun haala siyaasaa biyya keessaafi dhimmoota kaan irratti gaaffiifi deebii dheeraa taasisuun saa ni yaadatama.

Hanga ammaatti qaamni ajjeechaa kana raawwatee eenyu akka tahe waanti ibsame hin jiru.

Artiistii kanas bara darbe magaalaa Finfinnee keessatti yaalii ajjeechaatu irratti yaalame kan kan ture akka ta'ee himamaa ture. Haacaaluunis gochi yaalii ajjeechaa irratti aga'amamuun dhugaa tahuu dubbatee ture.