Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doktaroota ajaa'ibaa osoo hospitaalli gubatuu wal'aansa onnee namaaf taasisan
Gareen ogeeyyii fayyaa Raashiyaa osoo hospitaalli gubataa jiruu wal'aansa baqaqsanii yaaluu namaaf raawwataniin akkaan addunyaa ajaayibsiisan.
Wayita doktaroonni wal'aansa baqaqsanii yaaluu raawwatan, abidda haala nama rifaasisuun hospitaalicha gubbaadhaa gadi gubaa ture.
Gareen ogeeyyii fayyaa kunneen garuu osoo balaan abiddaa jiraachuu beekanii fi argaa jiranii hojiisaanii xumuruuf kutatan, dirqama ogummaasaaniif kutatannoo qaban mul'isan.
Gargaarsa hojjettoota ittisa balaa abiddaatiin namoonni 120 ta'an hospitaala Blagoveshchensk kan Raashiyaa, baha fagoo keessatti argamu keessaa baraaramaniiru.
Hojjettoonni damee elektirikaas aarri abiddichaan uumamu gara kutaa dhukkubsataa seenee akka balaa biraa hin uumne akkaan ifaajaa turan.
Waliigalatti tumsa ogeeyyii fayyaa, hojjettoota ittisa balaa fi ogeeyyii elektirikiitiin yaaliin onnee baqaqsanii yaaluu milkaa'eera, namoonni kaanis osoo hin miidhamanin baraaramaniiru.
Dhukkubsataan onnee sunis yeroo booda nagaadhaan baraarameera.
Garee ogeeyyii fayyaa wal'aansa baqaqsanii yaaluu hojjechaa turan kan dursan Valentin Filatov, ''kaayyoon gareesaanii lubbuu dhukkubsatichaa baraaruu qofa tures, sanas raawwanneerra,'' jedhan.
Gareen kun doktaroota saddeet fi nursoota hedduu kan of keessaa qabu yoo ta'u, wal'aansi baqaqsanii yaaluu kun balaan abidaa mudachaa dura yeroo muraasa dura kan eegalee fi sa'atii lama kan fudhateedha.
Hospitaalli bara 1907 ijaarame kun mukeeniin kan bocame ta'uusaatiin abiddi saffisaan qabatee gubaa ture.
Ogeessi fayyaa Antonina Smolina jedhamu naasuun tokkollee akka hin turree fi hojjettoonni hospitaalichaas ofitti amanamummaa guddaadhaan hojjechaa turuu hime.
Mootummaan kutannoo ogeeyyiin fayyaa dirqama ogummaasaanii ba'uurratti qaban jajeera.