Balaa dhohinsa Beerut ji'a tokkoon booda bakkuma sanatti abiddi cimaan dhalate

Beerut keessatti balaa dho’iinsa cimaa mudatee lubbuu namoota 190 galaafateen ji'a tokkoon booda ammas balaan abiddaa cimaan bakka buufata doonii balaan sun qaqqabeetti dhalate.

Balaan abiddaa kun iddoo kuusaa boba’aafi gomaa naannoo buufata dooniitti argamuufi gurgurtaa qaraxaan alaatti qabate.

Haarri abiddaa guddaan balaa qaqqabeeen kan uumame wayita ta'u, aarrisaa gamoo dhedheeroo magaalichaarraan qaari’e mul'ateera.

Ammaatti balaa abiddaa kanaaf maaltu ku’msa akka ta’e waaniti beekamu hin jiru.

Miidhaan namootarraa qaqqabuun isaas hanga ammaatti hin gabaafamne.

Ta’us, ogeeyyiin abidda dhaamsan iddoo balaan kun qaqqabe kan gahan yoo ta'u helikoptaroonni balaa abiddaa kana to’achuu deeggaraniis bakka sanatti ergamaniiru.

Hogganaan Waldaa Qaxxaamura Diimaa Libaanoon Joorji Kitaneeh akka himanitti, namoonni balaa abiddaa kanaan harganuu dadhaban/hafuurri ukkamame jiraachuu Rooyitarsitti himaniiru.

Akka Obbo Ketaaneh jedhanitti sababa abidda sanaatiin sodaan dhohinsi uumamuu mala jedhu hin jiraatu.

Daarektara Ittisa Sivilii Janaraal Raaymoond Hataar abiddaa sun akka hin baballanneef naannoo balaan kun itti uumame guutummaan guutuutti daangaffameera jedhan.

"Hanga abiddi sun guutummaatti baduttis namoonni ittisa balaa abiddaarra hojjetanis bakka sana gadhiisanii hin deeman," jechuun Burqaa Oduu Biyyaalessaatti himan.

Daarektarri Ulaa Galaanaa Baasem al-Qa'isii buufata raadiyoo Sagale Libaanositti akka dubbatanitti abiddi kun kan jalqabe man-kuusa barmeeliin zayita nyaataa keessatti kuufametti yoo ta'u gara gommaa dhiyoo jiruutti babal'ate.

"Abiddi kun kan ka'e sababa ho'aatiifi ykn sababa dogogora birootiin jechuudhaaf ammatti yeroon isaa hin geenye," jedhan.

Aanga'oonni bakka sana jiran balaan kun to'atamuun mirkanaa'eera jedhanis, jiraattonni gariin naasuu dhohinsa ji'a darbe qaqqaberraan kan ka'e soda keessa wan jiraniif magaalaa keessaa baqataniiru.

Namni haadha warraafi daa'imman isaa waliin bakka sana gadhiisee deemaa jiru Majid Hasaniin jedhamu Roohitarsitti akkas jechuun dubbate: "Abiddi ammas ulgaa galaanaa kanatti ammas deebiyee uumameef Beerut keessaa isaan baasuuf dirqameera."

Namoonni biroonis abiddi amma qaqqabe kun balaa dhohinsa ji'a darbee akka isaan yaadachiise ibsu.

"Ani rifaatuun yeroo sanaa na keessaa hin bane. Ammallee kirkirri lafaa natti dhagahamaa jira," jechuun namni Danaa Awaad jedhamu Assooshiyeetid Pireesitti himeera.

Balaan Hagayya 4 qaqqabe Amooniyeem Naayitireet toonii 2,750 ta'u dhahuu isaatiin ture.

Namoota dhibbaan lakkaa'an balaa qaqqabeen alatti kum hedduu madeessee 300,000 mana malee hambiseera.