Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaan abidda jiddugala gabaa Kemeeroovoo nama 64 ajjeese, ijoolleen baay'een badaniiru
Bakka gabaa magaalaa Kemeeroovoo Seerbiyaa keessa bakka albuudni kasalaa baasamuutti abidda ka'een yoo xiqqaate namoonni 64 du'uun isaanii beekameera.
Ijoollee 41 dabalatee yoo xiqqaate namoonni 64 wayita dhabaman, gar tokkeen gamoo kanaas balaa jala akka jira.
Abiddi kun kan ka'e mataa Gamoo guddicha Wiinteer Cheerii jedhamu irra keessaa wayita ta'u, baay'inni namoota balaan kun irra gahee ammoo kanneen mana siniimaa keessa turan ta'uun beekameera.
Abidda kana jalaa bahuuf namoonni wayita karaa foddaa utaalan vidiyoon midiyaalee hawaasaa irratti maxxanfame ni mul'isa.
Hoojjettoonni yeroo balaa hanga 660 ta'an bakka balaa kanaatti argamuun lubbu baraaruuf tattaaffii godhurratti argamu.
Sababni abidda kanaas hanga yoonaatti kan hin baramin ta'us angaawonni garuu qorannoo jalqabaniiru.
Kemeeroovoon bakka albuudni kasalaa guddichi itti argamu wayita taatu, Mooskoorraa gara baha KM 3,600 fagaatte argamti.
Chaansilaara Awustraaliyaa kan ta'an Sebaastiyaan Kuurz fi Ministirri Dantaa Alaa Laatiivaan Edigaars Riinkeeviks maatii, firootaa fi hiriyoota namoonni balaan kun irra gaheef gadda isaanitti dhagahame ibsaniitu.
Abidii kun kan ka'e akka lakkoofsa biyya keenyaatti guyyaa keessa sa'aatii torbatti wayita ta'u naannoo agarsiisi addaa addaa keessatti taasifamutti ture, jechuun midiyaan biyyattii tokko gabaaseera.
''Akka odeeffannoo argameettis, baaxii gamoo kanaatu mannen sinimaa lama irratti kufe,'' jechuuniis Koreen Qorannoo Raashiyaa ibsa isaanii keessatti dubbataniiru.