Poolisonni US daa’ima ganna shanii yoo harka hidhanii dorsiisan viidiyoon argame

Qondaaloonni poolisii US daa’imni ganna shanii mana baruumsaatii ba’ee deemuutti yemmuu iyyuufi harka isaa hidhu viidiyoon kaameeraa uffata poolisiirra jiruun waraabame mul’iseera.

Viidyoon Jimaata darbe poolisii Meeriilaandiin gadhiifame kun, yeroo polisoonni lama haadha daa’ima kanaan “isa reebuu qabda” jedhaniin ni mul’isa.

Gocha Amajjii 2020 rawwate kana irratti harmeen daa’ima kanaa himata banteetti.

Abukattoonni ishees sababii taatee kanaatiin daa’ima kanaarra miidhaan xiinsammuu ga’eera jedhu.

Poolisoonni Waajjira Poolisii Kawuuntii Mangaamarii kunneen daa’ima kana mana baruumsaa irraa xiqqoo fagaatee utuu deemuu kan arganiin yoo ta’u, viidiyoon kun yeroo achitti isa deebisanitti konkolaataa poolisii keessa ta’ee boo’aa akka ture ni mul’isa.

Poolisoonni kunneen daa’ima kanaafi hojjaattu mana baruumsichaa waliin mana baruumsicha seenani. Poolisiin ishee tokko wayita “kaanifidha namoonni ijoolleee isaanii reebu kan qaban” jettu ni dhaga’ama.

Wajjira gargaartu barsiisaa keessatti, daa’imni kun sagalee ol kaasee yoo boo’utti poolisiin inni tokko fuula daa’imichaatti siqee yemmuu itti iyyuu viiidiyoon kun ni mul’isa.

Achinis “Iyyakee dhaabii!” jedha poolisichi. “Utuu harmeenkee akkan si reebuuf naa eyyamte natti tola.”

Boodarra yoo harmeen daa’ima kanaa mana barumsichaa geessuutti poolisoonni kunneenis ilmashee akka reebduuf yeroo gorsan vidiyoon kun ni mul’isa.

“Akka ati reebduun barbaanna,” jedhaan poolisiin inni tokko. Isheen ammoo yoo daa’imashee reebde mana hiidhaan seene jettee akka sodaattu yoo itti himtutti, poolisichi garuu “daa’imakee waan reebdeef mana hidhaa hin seentu,” jechuun deebii kenneeraafi.

Sana booda poolisiin inni tokko harmee isaa fulduratti harka daa’ima kanaa hidhuun: “Kun maaliif akka barbaachisu beektaa? Kun namoota nama dhaga’uu fi seeraa qabaachuu hin beekneefidha,” jedheen.

Poolisiin kunis erga gara daqiiqaa tokko harka daa'imichaa hidheen booda hiidhaasaa irraa hiikeera.

Miseensii Kawuunsilii Kaawuntii Mangaamarii Wiil Jawaandoon, kan viidiyoon kun akka gadhiifamuuf gaafate – wanti viidiyicha irratti arge akka isa “dhukkubse” dubbachuu Waashiingitan Poost gabaaaseera.

“Yeroo daa’imni kun itti lolamu, salphifamu fi konkolaataa poolisii keessa kaa’amu, poolisiin ga’eessa ta’e fuula isaatti siqee itti iyyu hundi keenya agarreerra. Kun sarbama mirgaati,” jedheera.

Anga’oonni mana baruumsa Kaawuntii Mogaamarii ibsa kennaniin viidiyoochaa ilaaluun “hedduu cimaa” akka ta’e himaniiru.

“Ga’eessotnni akkanaan daa’imatti iyyuu ykn dorsisuu hin qaban,” jedha ibsi kun.

Wajjirri Poolisii Kaawuntii Mangaamarii ibsa kenneen poolisoota lamaan irratti qorannoo “bal’aan” gaggeefamuu ibseera. Bu’aan qorannichaa garuu ammatti ifa hin taane. Lamaan isaanii hojii poolisummaan akka itti fuufanis ibsaniiru.

Haatii daa’ima kanaa himata kan bante Kawuuntii Mangaamarii, poolisoota lamaanii fi boordii barnoota kaawuntichaa irrattidha.