Daarektarri Afrikaa Kibbaa ‘mobaayilii badeef barataa mana fincaanii keessa barbaachisan’ ari’aman

Manneen fincaanii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan Afrikaa Kibbaa manneen fincaanii akkanaa dhabamsiisuuf waggaa sadii dura waadaa seenee ture (suuraa kuusaarraa)

Daarektarri mana barumsaa Afrikaa Kibbaa himannaa barataa dhiiraa umrii 11 dirqiin mana fincaanii keessa mobaayilii duraa bade akka barbaadu taasisan hojiirraa ari'aman.

Himannaan irratti dhihaate barataa kana wadaroon harkisee boolla mana fincaaniif oolu keessa galche. Kanaanis, qarshii biyyattii raandii 200 (dolaara 14 yookiin birrii 500 ol) akka kanfaluuf waadaa seene.

Akkawoon ilma mana fincaanii seenee mobaayilii barbaade akka himanitti baratichi ammaan achi waan itti qoosaniif mana barumsaa dhaquu sodaata.

Waajjirri barnootaa naannichatti argamu dhimmicha quba qabaachuufi ''qaana'u'' TimesLive'tti hime.

Afrikaa Kibbaa keessatti manneen fincaanii 'Pit latrines' jedhamaniifi gatii salphaan qophaa'an bal'inaan argamu. Garuu, balaaf ni saaxilu.

Bara 2018 era daa'imni waggaa shanii mana fincaanii keessa dhidhime booda mootummaan Afrikaa Kibbaa manneen fincaanii manneen barnootaa keessa jiran waggaa lama keessa akka dhabamsiisu himee ture.

Qondaalli olaanaa waajjira barnootaa Baha Keeppitti argaman Fundile Gade jedhaman ripportarootatti akka himanitti wanti ta'e ''baay'ee qaanessaa'' ta'u ibsuun maatii baratichaa dhaqanii dhiifama akka gaafatan ibsan.

Daarektarri mana barumsaa sadarkaa jalqabaa Luthuthu ta'an yeroo ammaa waajjira poolisii Baha Keeppitti qoratamaa jiru.

Daarektarri kuni barattoonni biroollee bilbila kufe akka kaasuu gargaaraniif gaafataa ture. Mobaayiliin kuni mana fincaanii hojjetootaatti torban lama dura bu'e jedhame.

Dhimmi kuni kan dhagahame dhaabbati miti - mootummaa barattoonni mana barnootaa akka deeman sochii taasisu dhimmicha erga dhagahe boodadha.

Pirojektii Misoomaa Hawaasa Khulaatti kan hojjetan Pheexroos Maajolaa barbaachi bilbilaa sa'aatii tokkoof turuu ibsuun viidiyoon gadhiisan namoota hedduu bira gaheera.

Dabalataan, erga barataan mana fincaanii seenee baaldii fuudhee bobbaa haree booda ''jilbaan bobbaa keessa seenee ture'' jechuun hime.

''Hanga bobbaan dhundhuma isaa bira gahutti harka isaa keessa seensisee mobaayilii barbaadaa ture'' jechuun hime.

Akka gabaasa News24'tti, mobaayilichi argamuu dhabnaan daarektarichi barataa barbaadaa tureef qarshii Afrikaa Kibbaa raandii 50 kenneef. Kunis, kan jalqaba waadaa seeneen gadhidha.