Itoophiyaan 'mana fincaanii qabaachuun sadarkaa dhumaarra jirti'

Mana fincaanii qulqullina hin qabne Itoophiyaatti kan agarsiisu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mana fincaanii qulqullina hin qabne Itoophiyaatti kan agarsiisu

Dhaabbanni gargaarsaa 'Water Aid' jedhamu walitti aansee waggoota lamaaf Itoophiyaan mana fincaanii qe'eetti qopheeffachuu irratti sadarkaa gadi aanaa irratti argamti jedhe.

Guyyaa mana fincaanii adunyaa jedhamee kaleessa akka adunyaatti kabajamee ooleera.

Akka gabaasa dhabbatichaatti lammiileen Itoophiyaa dhibbeentaa(%) 93 tahan hanqina qulqullina bu'uuraa qabu jedhe.

Naannoo keessa jiraatan qulqulluu gochuu dhabuu boolli mana finacaanii qulqulluun dhabamuu irraa kan ka'e Itoophiyaan adunyaa irraa sadarkaa gadi aanaa jedhu irra jirti akka gabaasichaatti.

Biyyoota akka Chaad, Madagaaskaar fi Sudaan Kibbaa keessattille hanqinni mana fincaanii kun dhibbeenta 90 irra jira.

Biyyoota gammoojjii Sahaaraan gadiidhaan ijoolleen miiliyoona 340 tahan hanqina mana finacaanii qulqulluu irraa kan ka'e dhukkuboota akka garaa kaasaaf akka saaxilaman dhaabbanni 'Water Aid' kun ibseera.

Akkasumas manneetiin barnootaa 60% tahan mana fincaanii hin qabani jedha. Kana irraa kan ka'e barattotni mana fincaanii qulqulluu dhabuun rakkoo fayyaaf saaxilamu jedha.

Akka saganta misoomaa itti fufinsa qabuu Dhaabbata Mootummota Gamtoomaniitti, gaggeesitootni adunyaa hanga 2030tti mirga naannoo qulqulluu keessa jiraachuu, fayyaa fi barnoota qulqullina qabu ijoollee hundaaf jedhu mirkaneessuuf walii galanii ture.

Haa tahu malee adeemsa amma irra jiruun waan galma gahu hin fakkatu jedha gabaasni dhabbatichi dhiyeesse.

Har'a dachaa uummata Ameerikaa kan tahan ijoolleen mana barumsaa keessaa miiliyoona 620 tahan mana fincaanii qulqulluu argataa hin jiran jedha.

Kanarraa kan ka'e kaan gara manaatti fiiguun, kaan ammoo gara bosona naannoo mana barumsaa deemuun fayyadamu. Gariin ammoo sababa kanarraa kan ka'e dhukkubsachuun barnoota irraa illee hafu jedhe.

Wagga waggaan dhibee garaa kaasaa fi faalama mar'ummaan irra gahu irraa kan ka'e ijoolleen umuriin isaanii barnootaaf gahe 140,000 tahan ni du'u.

Dabalataan bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuu irraa kan ka'e ammoo 290.000 kan tahan osoo umuriin isaanii barnootaaf hin gahin dhukkubootaaf saaxilamuun lubbuu dhabu.

Adunyaarraa namootni biiliyoona 2.3 tahan mana fincaanii qulqulluu qe'ee isaaniitii hin qaban jedha gabaasni 'Water Aid'.