Qorattoonni mala haaraa manni fincaanii 'akka bobbaa hin qabanne gargaaru' argatan

Mana fincaanii haaraa argatame bishaan baayyee qusata jedhameera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mana fincaanii haaraa argatame bishaan baayyee qusata jedhameera

Qorattoonni US mala haaraa booliin akka baayyee mucucaatu gochuun bishaan baayyee qusata jedhame qorannoon argachuu beeksisan.

Qorattoonni kunneen akka jedhanitti argannoon kun bishaan guutummaa addunyaatti qusachuu danda'uun isaa hedduu filatamaa isa taasisa.

Saayitistoonni Yuunvarsiitii Peen Isteet boolla boolii/mana fincaanii waan mucucaataa ta'een dibuun bishaan kan kanaan dura qulqulleessuudhaaf gaafatu %90 hir'isa jedhan.

Kana malees baakteeriyaa baayyee mana fincaanii/boolii keessatti hormamuun foolii hamaa qaqqabsiisullee hir'isuu danda'eera jedhan bu'aan qorannoo isaanii kun.

Wanti qorattoonni kun argatan kan itti biifamu yoo ta'u 'Teefloon' kan jedhamu kanaan dura hojiirra jiru caalaa mucucaachisa. Wanti bifamu kunis yeroo baatii lamaa gadi ta'e keessatti irra deddeebiin fayyadamuu barbaachisa.

Bishaan akka malee sababa fayyadama mana fincaaniitiin badaa ture akka hir'suu danda'u qorattoonni kun abdii guddaa qabna jedhan.

Kanaan dure biyyaatti bishaan mana fincaanii qulqulleessuuf oolu liitira biliyoona 141 ol ta'a.

Akka qorattoonni argannoo qorannoo isaanii baruu Nacher Sestaayinabiliitii jedhamurratti baasanitti, bishaan guyyaatti addunyaan mana fincaanii ittiin qulqulleessuuf faayidaarra oolu bishaan guutummaa Afirikaarratti waan hundaaf faayidaarra oolu harka ja'aan caala.

"Gareen keenya qorannoo dansaa miidhaa hin qaqqabsiifnee, walhormaata baakteeriyaa hir'isuufi manni fincaanii ofiin of-qulqulleessuu akka danda'u godhu argateera," jedhan piroofeesarri yunvarsiitichaa.

Itti dabaluunis, "Bobbaan mana fincaaniitti qabatu fayyadamtoota jibbisiisuu qofa osoo hin taane rakkoo fayyaa hamaataallee kan qaqqabsiisudha. Galmi keenya ammoo argannoo bu'a qabeessaafi barbaachisaa gabaaf dhiyeessuun kana furuudha," jechuun dubbatan qorattoonni argannoo kana argatan.