Meegan fi Haarii: Hanga 'lubbuun jiraachuuf fedha dhabuurra gaheen ture'

Taatuun gurraattii lammii Ameerikaa ilma warra mootii Biiriteen Heeriitti heerumte Meegan Meerkil hanga 'lubbuun jiraachuuf fedha dhabuurra gahuutti' jireenyi qe'ee warra mootii itti ufaatee akka ture dubbatte.

Af-gaaffii miiraan guutame Oppiraa Wiinfireey waliin gooteen Meegan wayita deeggarsa gaafattellee nama dirmatuuf hin arganne.

Rakkoolee narra gahan jette keessaa inni jabaan sababa gurraattii taateef loogii irra gahedha.

Abbaan warraa ishee ilmi mootii Heeriin mucaan isaanii Archiin bifti isaa hagam gurraacha akka ta'e nama miseensa warra mootii ta'een gaafatamuun isaa daran akka ishee miidhe himti.

Mucaa isheef taayitaa ilma mootii ta'uu kennuuf waa'ee gurraachina isaa daran yaadda'anii turan jetti Meegan.

Abbaan warraa ishee Heeriinis hanga obboleessi isaa ilmi mootii Chaarlas bilbila jalaa kaasuu diduutti gahuu af-gaaffii kanarratti himeera.

Af-gaaffiin hawwiin eegamaa ture kun Dilbata halkan Ameerikaa keessatti agarsiifame, UK'tti ammoo Wiixata halkan qilleensarra oola jedhamee eegama.

Gaaffii fi deebii sa'aatii lama dheeratu TVn CBS jedhamu qopheesse kanarratti isaanii oduu guddaa kan ture Meegan fi Heeriin waa'ee jibba sanyummaa, fayyaa sammuu, hariiroo miidiyaa waliin qaban akkasumas waa'ee warra mootii Biriteen haasa'aniiru.

Mucaan isaanii lammataa dubaraas ganna kana akka dhalattu achumaan ifa godhan.

Jarreen lamaan Bitootessa bara 2020 dirqamaa fi faayidaa miseensa warra mootii Biriteen ta'uu argamu ifatti dhiisanii bahanii gara Kaalifoorniyaa imalan.

'Eegumsi naaf godhamu hin turre'

Meegan akka jettutti daran daangeffamtee waan turteef kophummaan itti dhagaahama ture. Ji'oota muraasaaf manaa bahuu dhorkamtee akka turtes yaadatti.

Wayita kophaa turte kana of-miidhuuf yaaddee akka beektu kan gaafatamte Meegan akka jechuun deebiste: "Eeyyee. Kuni ifa ture, baay'ee ifa ture. Baay'ee sodaachisaas ture. Eenyutti akkan himadhu hin beekun ture."

Hanga 'lubbuun jiraachuuf fedha dhabuurra gaheen ture' jette Meegan.

Waa'ee mucaan ishee taayitaa ilma mootii dhorkamu kan gaafatamte Meegan, sababa gurraachuma bifa isaatiin ta'uu dubbatti.

Ijoolleen warra mootii martuu yoo giiftiin (Queen) murteessite malee kallattumaan intala ykn ilma mootii hin jedhamani.

"Wayitan ulfa ture mucaan koo gaafa dhalatu bifti isaa hagam gurraacha ta'uu akka danda'u yaaddootu ture," jetti Meegan.

Miseensi maatii sanaa tokko abbaa warraa ishee Heerii waliin waan kana haasa'uu fi abbaan warraa ishee ammoo yaadni akkasii akka jiru dhufee akka itti hime dubbatti.

Eenyu akka akkas jedhe garuu "isaaniif miidhaa guddaa qaba" jechuun ibsuurraa of qusatteetti.

Heeriinis eenyu waliin waa'ee bifa mucaa isaa akka haasa'e himuu dide: "haasaa sana yoomiyyuu hin dubbadhu" jedhe.

"Yeroos akka malee rifadheen ture, waan jibbisiisaa ture," jedhe.

Jibba sanyummaa miidiyaalee UK irraa Meegan irra gahaa tureef masaraan warra mootii deebii hin kennine jechuunis deeggarsa dhabuu haadha warraa isaa komata.

Duraaduuba taateewwanii

  • Ganna 2016: Heerii fi Meegan hiriyaa isaanii tokkoon walitti dhufani
  • Caamsaa 2018: Cidha isaanii godhatan
  • Caamsaa 6, 2019: Ilmi isaani Archiin dhalate
  • Bitootessa 31, 2020: Dirqamaa fi faayidaa warra mootii ta'uu gatanii gara Kaanadaa imalan
  • Guraandhala 14, 2021: Daa'ima lammataa godhachuuf akka ta'e himan
  • Guraandhala 19, 2021: Masaraan Bakiingihaam faayidaa fi dirqamni warra mootii ta'uu irraa mulqamuu ibse

Heeriin akka jedhutti abbaan isaa akka isa gatetti itti dhagaahama.

Masaraa warra mootii keessaa bahuu isaanii hordofee maallaqa akka irraa kutanis hima.

Masaraan Bakiingiham yookin maatiin warra mootii himannaawwan af-gaaffii Meegan fi Heerii keessatti ka'an irratti yaada homaatuu hin kennine.