Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barataan hanga umurii ganna 13tti dubbisuufi barreessuu hin dandeenye amma PhD barachuu eegale
Barataan hanga umurii ganna 13tti homaa dubbisuufi barreessuu hin dandeenye yunivarsitii irraa digiriin erga eebbifamee booda amma PhD isaa barachuu eegale.
Yeroo ammaa umuriin isaa ganna 22 kan ta'e Wiiliyaam Kaarter, barataa sadarkaa tokkoffaa yeroo ture dhibee dandeetti dubbisuufi qubeewwan adda baasuu dhabuu fidu diisleksiyaa (dyslexia) fi diispiraaksiyaa (dyspraxia) jedhaman waan qabuuf hedduu itti ga'isamaa ture.
Erga dhibee dyslexia qabaachuun isaa barame boodaa garuu qaabxiin barumsa isaa fooyya'aa dhufe.
Dyslexia dhibee dubbisuu dadhabuu qaqqabsiisu yommuu ta'u, ijoolleen sagalee dubbii dhaga'anii adda baasuu dadhabuun dubbisuullee akka hin dandeenye isaan godha.
Daa'imman dhibee kanaan miidhamanis barnoota fedhii addaatiin yoo gargaaraman barnootarratti milkaa'uu akka danda'an beektonni ni dubbatu.
Dyslexia ammoo rakkoo guddina qaamaa yommuu ta'au dhukkuba akka daa'imman qaama isaanii sirriitti hin abboomne isaan taasisa.
Kaarter barnoota Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaan digirii jalqabaan Yunivarsitii Biristool, UK irraa erga eebbifamee booda amma US keessatti barumsa itti fuufeera.
"Dubbisuufi barreessuu baruunkoo addunyaa kana ifa biraan akkan arguufi anis dandeettii dabalataan addunyaatti akkan ba'u na taasise," jedha.
"Inni guddaan dhibeen dyslexia naman akkanaa akkan ta'uuf na gargaarera."
Landan kibbaa, Sawuuzwook irraa kan ta'e Kaarter, barataa cimaa ta'uun badhaasa argateera.
Gara fulduraatti piroofeesara Tiyoorii Siyaasaafi Joograafii warra gurrachaa ta'uu kan barbaadu yoo ta'u, ammoo boodarra "sirna rakkoo keessa jiru" jijjiiruuf gara hojii siyaasaatti seenuuf fedhii qaba.
"Rakkoon hawaasaafi diinagdee jiraatus ani, carraafi gargaarsa namootaa argadhee as ga'eera," jedha Kaarter.
"Waan hunda caalaa hawaasaa bakka bu'ummaa hin argannee keessaa ta'uunkoo waan tokko na barsiiseera."
Amma Kaarteer Yunivarsitii Kaaliforniyaa Berkilee keessatti iskoolaarshiippii Fulbiraayit argatee PhD isaaf joograafii siyaasaa barachaa jira.
Landan kibbaa, Sawuuzwook irraa kan ta’e Kaarter dhaabbata ga’uumsaa London Schools and the Black Child irraa badhaasa argateera.
Gara fulduraatti piroofeesara tiyoorii siyaasaa fi joograafii gurrachaa ta’uu kan barbaadu yoo ta’u ammoo boodarra “sirna rakkoo keessa jiru” jijjiiruuf gara hojii siyaasaatti seenuuf fedhii qaba.
“Daanqaan hawaasaa fi diinagdee jiraatus ani, carraa fi gargaarsa namootaa argadhee ‘as ga’uunkoo” sirnaa fi hawaasa keenya kan jajjabeessu ta’uu hin qabu,” jedha Kaarter.
“Waan hunda caalaa hawaasaa bakka bu’ummaa hin argannee keessaa ta’uunkoo waan tokko na barsiiseera.”
“Yeroo hedduu rakkattuu ati akka rakkootti ilaalamta, yoo milkoofte garuu akka nama fakkeenya ta’uutti ilaalamta.”
Amma Kaarteer Yunivarsitii Kaaliforniyaa Berkilee keessatti iskoolaarshiippi Fulbiraayit argatee PhD isaaf joograafii siyaasaa barachaa jira.