Baayidan US milishoota Sooriyaa Iraaniin deeggaraman haleeluu mirkaneessan

Waraanni Ameerikaa haleellaa qilleensaan milishaa Iraaniin deeggaramu kan Sooriyaa keessa socho’u rukute jedhe Peentaagan.

Haleellaan kuni bu’uuraalee misoomaa daangaarra jiran kan milishooti itti fayyadaman barbadeesseera.

Pireezidant Joo Baayidan gochaan kuni raawwachuu yoo mirkaneessan isa milishoonni kunneen Ameerikaafi humna waloo Iraaq irratti haleeellaa raawwataniif deebii kenname dha jedhan.

Jalqaba baatii kanaarratti namni nagaa kontiraaktara tahe Iraaq keessatti haleellaa US irratti raawwatteen ajjeefameera.

Yeroo rookeetichi iddoowwan naannoo Irbiill dhahu miseensi tajaajila Ameerikaa tokkoofi kontiraaktaroonni biroo shanis madaa’aniiru.

Rookeettiiwwan buufataalee Ameerikaa Baagidaad keessa jiranillee haleelaniiru, kunimmoo lafa jireenyaa lammiilee Ameerikaa embaasii fi dippiloomaatotaa dabalata.

Peentaagan milishoonni kuni Kitaayib Hizboollaa and Kitaayib Sayiid al-Shuhaadaa kanneen Iraaniin deeggaramaniif Kamisa kaleessaa Ameerikaadhaan haleelamani dha.

Haleellaan kuni ‘’deebii gita waraanaa tarkaanfii dippiloomaasii waliin taasifame dha,’’ jedhameera.

‘’Pireezidant Baayidan lammii Ameerikaa fi warreen humna waloo keessa jiran. eeguuf tarkaanfii ni fudhatu. Waan raawwate kan naamuusa eegeefi haalaa jiru tasgabbeessuuf kan kaayyefate dha jedhameera.