Bulchaan mana sirreessaa Qaallittii G/Komishinaraa Girmaa Adaree mana murtiitti dhiyaatan

Madda suuraa, FSC
Bulchaan mana sirreessaa Qaallittii G/Komishinaraa Girmaa Adaree, mana murtiitti dhihaachuun sababa ajaja mana murtii raawwachuu dhabaniif ibsan.
Manni murtii olaanaa Federaalaa dhadhachi yakkaa fi farra shororkeessummaa Lidataa beellama yeroo darbeetiin ajajaan mana amala sirreessaa Qaallittii sababa akkaataa ajaja mana murtiitiin raawwachuu dhabaniif poolisii federaalaatiin too’atamanii mana murtiitti akka dhihaatan ajajee ture.
Ajaja yaala fayyaa obbo Jawaar Mohaammd fi Baqqalaa garbaa akaksumas namoota biroo galmee isaanii jalatti himataman hospitaala dhuunfaatti yaala akka argatan ajajus akkaataa manni murtii ajajeen waan hin raawwatamneefi mani murtichaa kan beellama har’aa kana qabate.
Abukaatoowwan Obbo Jawaar fa’a keessaa tokko kan tahan Obbo Kadir Bulloo BBC’tti akka himanitti bulchaan mana sirreessaa qaallittii G/Komishinaraa Girmaa Adaree dhadhacha irratti argamuun sababa ajaja mana murtii hin raawwanneef ibsaniiru jedhan.
Isaanis sababa yaaddoo nageenyaatiin ajajni waan olirraa nuuf kennameef akkaataa manni murtii ajajeen mana yaaala dhuunfaatti akka yaalaman gochuu akka hin dandeenye ibsani jedhan.
Gama biraatiin dhimma yaala hospitaala dhuunfaatti akka kennamuuf ajajame irrattis abbaan alangaa waliigala federaalaa ol iyyannoo gaafachuu isaas akka sababa hanqina raawwichaatti kaasuu ibsan.
Abukaatonni gama isaaniitiin gochi raawwatame qaama ajaja mana murtii akka hin raawwatamne gochuun seeraan ol ta’uuf yaaluuf dahoo kan kennu fi sababni mana sirreessaatiin dhihaate quubsaa akka hin taane falmuu dubbatan.
Manni murtichaas manni sirreessaa kuni yooma yaaddoon nageenyaa jiraatellee ajaja mana murtii kenname kanaaf mana murtii gaafachuu qaba malee manni sirreessichaa ajaja mana murtiirra darbee raawwachuun sirrii akka hin taane himee jedhan.
Dhumarrattis manni murtichaa namootni guyyaa sana Obbo Baqqalaa fa’a mana sirreessaatii yaalaaf qabanii bahan gaafa Gurraandhala 22 bara 2013 mana murtiitti akka dhihaatan jechuun ajajuus himan.
Obbo Baqalaa Garbaa, Jawaar Mahaammadii fi namootni isaan waliin himataman biroon erga lagannaa nyaataa eegalanii amma gara ji'a tokkoo tahuuf deema.
Fayyaan isaanii haala nama yaaddessu irra akka jiru maatii fi abukaatoon isaanii irra dedeebiin BBCtti himaniiru.
Obbo Baqalaa garbaa torban darbe keessa dhukkubsatani mana yaalaa humna waraanaa biyyattii galanii akka yaalamaniif geeffamanis mana yaalaa dhuunfaa ofii keenya filannetti malee hin yaalamnu jechuun akka didanis himameera.
Manni murtii nageenyi isaanii eegame mana yaalaa dhuunfaa filatanitti akka yaala argatan murteessus manni sirreessaa Qaallittii ajajicha hin fudhatiin tureera.
Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaan hanga gaaffiin keenya deebii argatutti lagannaa nyaataa eegalle hin dhaabnu jechuu isaaniis karaa abukaatoo fi paartii isaanii himamaa ture.














