'Ajajni manneen murtii kabajamuu dhabuun gufuu ol-aantummaa seeraa mirkaneessuu ta'aa jira'-Abukaatota

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee Oromiyaa keessaa namoonni hedduun yakkoota garagaraan shakkamuun hidhamaniiru.

Namoonni dhimmi isaanii qulqullaa'ee murtii argatanii gadhiifaman jiraatanis, ergasii hanga ammaatti kanneen dhimmi isaanii murtii hin argannes jiru.

Erga Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamee namoonni to'ataman keessumaa kanneen siyaasa keessatti hirmaannaa qaban bu'aa bahii akkamii keessa akka darban Abukaatoon seeraa Obbo Tuulii Baay'isaa waliin turtii taasifneerra.

Akka Obbo Tuuliin jedhanitti ji'ootni torban darban namoota sababoota adda addaatiin hidhamanii fi adeemsa olaantummaa seeraa kabachiisuu akkasumas raawwii ajajoota manneen murtii irratti rakkoolee hedduun kan itti mul'atedha jedhan.

Dhimma kanarratti gama mootummaatin deebiin argachuuf yaalle ammatti nu milkaa'uu dhabus, amma dura Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD) qaamoleen raawwachiiftuu murteewwan manneen murtiitiin darban kamiyyuu kabajuu akka qaban akeekkachiisan.

MM kana kan jedhan Onkololeessa bara dabre keessa walga'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irratti ture.

Gaafas akkas jedhan: "Manni murtii nuti hin kabjneefi hin ajajamneef bilisaafi walaba ta'eera jechuun akkasumaan.''

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaas gama isaatiin Fulbaana bara dabre keessa dhimma kanarratti ibsa baaseen ''Ajajni manneen murtii kabajamuu dhabuun kabaja mirga namoomaaf balaadha,'' jedhee ture.

''Hidhaa hin barbaachifne hambisuun, mirga wabii kabajuun barbaachisaadha,'' jedhe komishinichi.

Akka Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa jedhutti, Oromiyaatti keessumaa ajajni mana murtii kabajamuu dhabuun yeroo gara garaa mullatu yaaddessaadha.

Rakkoon jiru maali?

Manneen murtii Federaalaa fi naannootti kanneen himataman, keessumaa kanneen siyaasa keessatti hirmaannaa qaban mirgi wabiis ta'ee dhimmi isaanii kan hin himachiifne ta'ee; yeroo manni murtii bilisaan akka gadhiifaman ajajutti poolisiin raawwachuu dhiisuun baay'inaan mul'ateera jedhu Obbo Tuulii Baay'isaa.

"Namni tokko shakkamee erga qabamee manni murtii mirga wabiidhaan akka gadhiifamu yeroo murteessu waajjirri poolisii ajaja sana fudhatee gadi lakkisuu qaba.

Garuu wanti nu muudate abbaan alangaa fi poolisiin waliigalanii namoota kana qabatanii ol iyyannoo itti gaafatu," jedhan.

Namni manni murtii mirga wabii eegeef erga dirqama wabii manni murtii ajaje sana guuteen booda gadhiifamee yoo abbaan alangaa ol iyyannoo itti gaafates namni suni erga gadhiifameen booda ta'uu malas jedhu obbo Tuuliin.

"Poolisii fi abbaan alangaa nama wabiin eegameef sana qabatanii fakkeenyaa murtiin suni mana murtii sadarkaa jalqabaatti yoo ta'e gara mana murtii olaanaatti iyyatu.

Manni murtii olaanaas yoo irratti cimse namicha sana qabataniituma mana murtii waliigalaa Federaalaa deemu, hamma kana hunda namni suni manuma hidhaa taa'a," jedhan.

Ol iyyannoon kuni hanga dhumaatti yoo cimee argame ammoo nama hidhame sana gadhiisuurra qabanii koomishinii poolisii Oromiyaatiif dabarsuun akka mul'atus himan.

"Namni suni erga komishinii Poolisii Oromiyaatti darbeemmoo poolisiin Oromiyaas akka haaraatti nan qoradha, yeroo qorannoo naaf haa kennamu jedhee gaafata. Yeroo sana nuti deemnee nama kanaaf manni murtii federaalaa wabii eegeraaf gadhiisaa jennee iyyanna. Yeroo tokko tokko nigadhiisu yeroo kaanis hin gadhiisan" jedhan.

Obbo Tuuliin himatamtoota adeemsa kana keessatti rakkoo walfakkaataa keessa darban muraasa kaasuunis ibsu.

Caaltuu Taakkalaa

Caaltuu Taakkalaa manni murtii federaalaa dhaddachi Araadaa mirga wabii eegeefii ture. Ol iyyannoo irratti deemnaanis murtiin suni ni cime.

Yeroo kana gara komishinii Poolisii Oromiyaatti dabarsani jedhan. Komishiniin poolisii Oromiyaa erga hidhaa tursiiseen booda Sulultaatti akka haaraatti yeroo beellamaa itti gaafatee jennaan murtii duraa qabannee iyyanneeti booda kan gadhiisan jedhan obbo Tuuliin.

Mishaa Cirrii

Mishaa Cirrii namoota ajjeechaa weellisaa Haacaaluu Hundeessaatiin booda Obbo Jawaar Mohaammad fa'a waliin too'ataman keessaayi.

"Mishaa Cirrii manni murtii sadarkaa jalqabaa mirga wabii eegeefii jennaan osoo isa hin gadhiisiin mana murtii olaanaa irratti himata itti banan akka qodaatti kaa'atanii jechuudha.

Manni murtii olaanaanis mirga wabii eegeefi. Mana murtii federaalaas mirga wabii sana cimseefi. Sana booda akkuma baratame komishinii poolisii Oromiyaatiif kennan,'' jedhan Obbo Tuuliin.

Komishinichi mana hidhaa magaalaa Buraayyuutti nama mirgi wabii eegameef kana seeran ala hidhee akka tursiiseen booda dhumarratti akka gadhiises himan.

Lidatuu Ayyaalew

Obbo Lidatuun ALI Adoolessa bara 2012 ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee hokkora uumameen wal qabatee rakkoo magaalaa Bishooftuu keessatti uumameen shakkamuun ture to'annoo jala kan oolan.

Jalqaba hokkora magaalaa Bishooftuu keessa ture qindeessuu fi maallaqaan deeggaruun shakkamanii kan to'ataman yoo ta'u, booda himati meeshaa seeraan alaa qabachuu jedhu irratti dhiyaatee ture.

Boodarras manneen murtii sadarkaa garagaraarra jiran wabii maallaqaan akka gadhiifaman ajaja dabarsanii turan.

Isaan keessaa tokkos Obbo Lidatuun dhimma isaanii ala tahanii akka falman manni murtii Olaanaa Godina Shawaa Bahaa murtee dabarsullee, Poolisiin Bishooftuu garuu Obbo Lidatuun ''adaraan nu bira jiru'' jechuun gadhiisuu dideera.

Turtii ji'ootaan boodas Obbo Lidatuun Mudde keessa, wabii qarshii 30,000n mana hidhaatii gadhiifamaniiru.

Dr. Huseen Kadir

Dr. Huseen Kadiris ajjeechaa Haacaaluutiin booda magaalaa Finfinnee irraa qabamuun Agaarfaa geeffamuun achitti hidhaa turan.

Jeequmsa Agaarfaatti mudate keessaa harka qabuudhaan shakkamanii akka himatamanii fi dhumarrattis manni murtii mirga wabii erga eegeefiin booda poolisiin osoo hin gadhiisiin hafuus himan.

"Poolisiin Agaarfaa nama mirgi wabii eegameef kana lakkisuu didee fidee komishinii poolisii Oromiyaatiif kenne. Isaanimmoo Laga Xaafootti geessanii akka haaraatti himatan. Manni murtii Lagaxaafoos dhimmicha ilaalee mirga wabii eegee lakkisaa jedhee murteesse." jedhan.

Komishiniin poolisii Oromiyaa achii baasuudhaan nama mirgi wabii eegameef kana 'adaraadhaan' Galaanitti hidhee tursiisuus himan Obbo Tuuliin.

"Galaan deemnee nama kana gadhiisaa gaafa jennuun nama kana komishinii poolisii Oromiyaatu adaraa nutti kenne, nuti adaraa eegna waan beeknu hin qabnu nuun jedhan." jedhan.

Ol iyyannoo abukaatonni mana murtiitti godhaniin komishiniin poolisii Oromiyaa nama kana maaliif akka hin gadhiisne irra deddeebiin akka dhihaatee ibsu gaafatus kunis hin ta'in erga hafeen booda ofumaan akka gadhiisanis himan.

Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa

Qondaalonni ABO kunneen ammoo namoota manni murtii erga wabiidhan akka bahan murteessee booda hanga ammaattiis mana hidhaa jiranidha.

Abukaatoon isaanii Obbo Addisuu Baay'isaa akka jedhanitti manni murtii gaafa guyyaa 16/4/2013 ooleen namoonni kunneen yakka ittiin himataman ragaan waan irratti hin dhihaanneef bilisaan akka gadi lakkifaman murteessee turuu eeran.

"Manni murtii akkaataa murtee kanaatiin koomishiniin poolisii Oromiyaa namoota lamaan kana to'annaa jalaa akka gadhiisu ajajus ajajni mana murtii kuni garuu poolisiidhaan osoo hin raawwatamin waan hafeef hanga ammaa mana hidhaa jiru," jedhan.

Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa bilisaan akka gadhiifaman erga murtaa'ee amma ji'a lama guuteera. Manni murtii waliigala Oromiyaas komishiniin poolisii Oromiyaa namoota kana maaliif akka gadhiisuu dide dhihaatee akka ibsuuf si'a sadii ol ajajus kunis hin raawwatamne jedhan.

'Yoo seerri hin jiraanne namni bineensa hamaa ta'a'

Manneen murtii Federaalaas ta'ee naannootti namoota manni murtii wabiidhaan yookan bilisaan akka bahan ajaje poolisiin raawwachuu diduun kuni hedduu babal'achaa waan jiruuf abukaatonni qaama dhimmi ilaaluuf iyyachuus himan.

"Dhimma kana dhaddacha irratti duwwaa dubbannee hin dhiisnu. Pirezidaantii mana murtii Waliigala Oromiyaa wajjin dubbannee jirra. Pirezidaantii mana murtii Waliigalaa Federaalaattis iyyannee jirra," jedhan.

Ajajoonni mana murtii kabajamuu dhabuun kuni amantaa namoonni mana murtiirraa qaban akka hir'atu gochuun hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuutti gufuu ta'a jechuun yaaddoo qabanis ibsaniiru Obbo Tuuliin.

"Gochoonni akkanaa yoo ittifufan namni mootummaan seera naaf kabachiisa, seerri naaf jira jechuu dhiisee gara humnatu nabaasa jechuutti deema. Kuni seera uumamaati. Yoo seerri hin jiraanne namni bineensa hamaa ta'a," jedhan.

Ajajni manneen murtii poolisiidhaan kabajamuu dhabuun namoonni mirgi wabii eegameefi kanneen bilisaan akka bahan murtaa'eef hidhaa tursiifamuu, dhimma namoota 'adaraadhaan' hidhamanii fi kanneen biroo irratti gama mootummaatin - Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaafi mana hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin goone nuuf hin milkoofne.