Haqa: Kabajamuu dhabuu ajaja manneen murtiirratti akeekkachiifni MM bu'aa qabatamaa fidinnaa?

Ministeerri Muummee Abiy Ahimad (PhD) qaamoleen raawwachiiftuu murteewwan manneen murtiitiin darban kamiyyuu kabajuu akka qaban akeekkachiisan.

MM Abiy akeekkachiisa kana kan kennan walga'ii addaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa 5ffaa kan waggaa 6ffaa bara hojii 1ffaa irratti gaaffii miseensotarraa ka'eef deebii yeroo kennanitti ture.

"Manni murtii nuti hin kabjneefi hin ajajamneef bilisaafi walaba ta'eera jechuun akkasumaan," jedhan MM Abiy.

Ministirri muummichaa bakka bu'oota ummataaf yeroo kana ibsanitti, humni jijjiiramaa sirni haqaa dhiibbaa siyaasaa irrraa bilisa ta'ee akka of danda'ee dhaabbachuun murteessu Komishiniin mirgoota namoomaafi boordiin filannnoos akka miillaan dhaabbataniif hojiiwwan abdii namatti horan hojjetamaniiru jedhan.

Haata'u malee, humni sirni haqaa walabaafi bilisa yaa ta'u jedhe kun, murteewwan haqaa kan mormu ta'uu hin qabu; atattamaan sirreeffamuu qaba jedhaniiru.

Ammallee hanqinoonni hiika hin argatiin jiran akka jiran kan kaasan MM Abiy, murteewwan manneen murtii kennan kamiyyu mamii tokko malee fudhachuun barbaachisaadha jedhan.

Abokaatoowwan Obbo Lidatuu Ayyaaloo keessaa tokko kan ta'an Obbo Gammachuu Guutamaa haasaan MM Abiy kun miira akkamii akka isaanitti uume gaafatamanii, "Biyya yaa turuutii maatiin tokkoyyu seeraan buluudhaaf sirna barbaachisaaf," jedhan.

Ibsituun ol-aantummaa seeraa biyya tokkoo bilisummaafi ajajni mana murtii yoo kabajame akka ta'e kaasu Obbo Gammachuun.

Ajajni mana murtii hojii raawwachiisuun kan hojiirra hin oolle yoo ta'e ol-aantummaan seeraa gaaffii keessa gala kan jedhan Obbo Gammachuun, biyyi qaamoleen mootummaa: seera baastuun, hiiktuufi raawwachiistuun tokko ajaja isa kaanii hin kabjne rakkoo keessa galti jechuun ibsan.

Abokaatoon biroo Obbo Henook Akililuu gama isaaniitiin, haasaa MM Abiy kana hojiirra oolmaa isaa ni shakku. Muummichi Ministiraa kanaan dura yeroo gara aangootti dhufan, "Osoo hin qulqulleeffatiin hin hiinu; bara gadaa koo keessa ari'ataafi aria'amaan hin jiraatu akka jedhan sanattin fudhadha," jechuun ibsu.

Obbo Henook itti dabaluun, "Jechoota kumarraa hojii qabatamaa tokkotu caala," jechuudhaan haasaan isaanii qaamoleen raawwachiiftuu biroo biratti ni raawwatama jedhanii akka hin amanne ibsu.

Kanas fakkeenyaan yoo hubachisan, shakkamtoota waliin walqabatees dhimma kana mana murtiitti kaasanii akka beekan ibsuun ''omaattuu hin lakkaa'an'' jedhu.

Olmaa mana murtii Obbo Lidatuu kaasuunis, ''osoo kana hojiirra olchanii nan gamada ture,'' jedhaniiru.

Heenook gama isaatiin guyyaa guyyaan ajajni mana murtii akka hin kabajamne, manni murtii kadhataa akka jiru kaasuun, MM Abiyi garuu akka hojii raawwachisaatti qaamoolee hojiiraawwachiiftootaa Magaalaa Finfinnee, Federaalaafi naannoo Oromiyaatti argaman waliin dubbachuu akka danda'an ibsa.

Obbo Gammachuun gama isaanitiin yoo qaamooleen hojii raawwachiiftuu sadan tokkoo tokkoon isaanii wal hin to'annee ykn (check and balance) hin jiraanne hojiin hojjatan gatii akka dhabu malu dubatu.

''Seera kabachiisaan yakkaan si shakke jechuun to'annaa jala oolcheera. Erga qorateen booda mana murtiitti dhiyeessa. Obbo Lidatuun yakka raawwachuufi dhiisuu kan qulqulleessu mana murtiiti.

Garuu poolisiin erga qoratee mana murtiitiin gaheen boodas kan ajaja mana murtii hin raawwachiifne yoo ta'e, qorannoon gaggeeffame sun gatii hin qabu jechuudha,'' jedhu.

Manni murtii erga qaama mootummaa ta'eetii ajajni isaa kabajamuu qabaata kan jedhan abukaatoon kun, yoo qaamni mootummaa kabajameedha olaantummaan seeraas kabajamuu kan danda'u jedhu.

MM Abiy haasaa isaanii kaleessa taasisaniin, qaama raawwachiisaa biraa gochii yakkamaa dhoksuufi hin ajajamu jechuu dafee sirrachuu akka qabus kaasanii turan.

Haasaa gaarii Ministira Mummee caalaa wanta qabatamaan hojiitti hiikametu mul'atu waan ta'eef, osoo hojiirra olfamee jechuun yaada isaanii kennan.

''Walumaagalatti sirni haqaa, keessattu hidhamtoota siyaasaatiin walqabatee booddeetti malee gara fuula duraatti adeemaa hin jiru,'' kan jedhan abookaatoon kun, yaada qaamoolee raawwachiftootaa itti gaafatamtoota ni taasisa jedhan kaasaniiru.

'"Osoo dhimma Lidatuu fudhannee, manni murtii qaama raawwachiisaa kadhachurra maaliif poolisii Oromiyaa hin hine?

Osoo hidhee jijjiramni gaarii ni dhufa ture. Dureewwan poolisii, akka kanatti qoosan adabuun ni danda'ama. Kun yoo ta'u garuu hin agarru.

Kanaafuu, hidhamaan mana sirreessaatti rakkata,'' jechuun itti-gaafatamummaa uumuuf manneen murtii aangoo seeraan kennameefiitti fayyadamuun barbaachisaa ta'uu kaasu.

Biyya kanattis aangoo olaanaa kan qaban MM waan ta'aniif, haasaan isaanii bakka olaanaa qabaata kan jedhan Obbo Gammachuu ammoo, yeroo dhiyootiin asitti ajajniifi murteewwan manneen murtii waan cabaa jiraniif, haasaan Ministira Mummee gama kanaan fala ni fida jechuun akka abdatan ibsu.

Qaamni hojii raawwachiftuu federaalaa Ministira Mummeetiin kan ogganamu waan ta'eef, ''gara fuula duraattis ajaja isaanii kana fudhachuun hojiirra ni olchu jenneeti eegana,'' jechuun abdii qaban ibsaniiru.