Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dhaabbileen alaa Itoophiyaatti hayyama telekoomiif dorgoman adda hin baane'
Dhaabbileen dhunfaa biyyoota alaa damee telekoomii Itoophiyaarratti hirmaachuuf fedha agarsiisan keessaa muraasni calalamanii adda baafamaniiru gabaasni jedhu dhara ta'uu Abbaan Taayitaa Komunikeeshinii Itoophiyaa beeksise.
Direektarri Abbaa Taayitichii injinar Baalchaa Reebaa BBC'tti akka himanitti dhaabbilee hayyama argachuuf caalbaasiin dorgomaa jiran keessaa jaha calalamanii adda baafamuu gabaafamuun dhara jedhan.
Barruun Keeniyaa 'Business Daily' jedhamu gabaasa Roobii ganama qabatee baheen Keeniyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduu keessatti kan socho'u dhaabbati telekoomii 'safaricom' jedhamu dhaabbilee calalaman jaha keessaa tokko ta'uu hime.
Qaama riifoormii diinagdee MM Abiy kan ta'e sochiin damee telekoomii Itoophiyaa dhaabbilee alaaf banuu erga eegalamee bubbuleera.
Mootummaan dhaabbilee telekoomii lamaaf hayyama guutuu kennee biyya keessatti tajaajila akka kennan karoora kan qabu yoo ta'u, Sadaasa darbe sanada caalbaasii baasee dhaabbileen dorgoman sanadicha bitachuu himu injinar Baalchaan.
"Adeemsi isaa ifaa fi dorgommii qofarratti kan hundaa'e ta'a" kan jedhan injinar Baalchaan wayita ammaa adeemsi isaa haala gaariirra akka jiru dubbatu.
Dhaabbileen dorgomtoonni sanada caalbaasii karooraa fi humna maallaqaa isaanii agarsiisu Eebla 05, bara 2021 akka galchanis himan.
Bara darbe baatii Caamsaa keessa dhaabbileen 12 dorgomuuf fedhii agarsiisuu kan himan gorsaan olaanaa ministeera maallaqaa Itoophiyaa Dr Biruuk Taayyee Sadaasa darbe dhaabbileen sanada caalbaasii bitatan jiraachuu himu.
"Sanada caalbaasii isaanii wayita galchanidha eenyu akka dorgomaa jiru kan beeknu," jechuun Dr Biruuk BBC'tti himaniiru.
Kanaaf yeroon itti dhaabbileen dorgoman calalamanii adda baafaman hin geenye jedhu aanga'aan kun.
Sababa lakkoofsa uummata biyyattiin qabduun gabaan telekoomii Itoophiyaa bu'a qabeessummaa guddaa qaba jedhamee waan yaadamuuf hayyama argachuuf dhaabbileen hedduun fedhii agarsiisaa turan.
Dhaabbileen adeemsa caalbaasiin hayyama argatan misoommawwan bu'uuraa dhuunfaa isaanii diriirsuun tajaajiloota telekoomii garagaraa guutummaa biyyattii keessatti kennu.
Mootummaan dhaabbilee lamaaf hayyama telekoomii kennuu qofa osoo hin taane wayita biyyatti keessatti morkataa tokko malee tajaajila telekoomii kennaa kan jiru Itiyoo-telekoom qooda murtaa'e dhaabbilee dhunfaatti gurguruuf sochiitti jira.