Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaabbileen telekoomii 12 Itoophiyaatti heeyyama tajaajilaa argachuuf gaaffii dhiyeessan
Mootummaan Itoophiyaa seektara teeleekomunikeeshinii gartokkoon dhaabbilee dhuunfaaf gurguruu akka barbaadu ibsuu hordofee, dhaabbileen teleekoomii idil-addunyaa 12 fedhii qaban beeksisaniiru.
Dhaabni haala heeyyama kennuu mijeessuuf biyyattiitti hundaa'e, Abbaan Taayitaa Komunikeeshinii Itoophiyaa, heeyyama tajaajila teleekomunikeeshinii dhaabbilee lamaf kennuuf warri fedhii qaban akka galmaa'an ji'a dabre keessa beeksisee ture.
Abbaan taayitichaa ibsa guyyaa hardhaa (Jimaata) baaseen, waamicha dhiyaate hordofuun dhaabbilee 12 fedhiisaanii galfachuu ibseera.
Dhaabbilee teleekoomii caalbaasii kanarratti hirmaatanis fedhii isaanii odeeffannoowwan gaafataman waliin akka galfatan ji'i tokkoo kennamuufis himame.
Dhaabbileen idiladdunyaa fedhii agarsiisan kunniinis biyyoota Afrikaa fi ardiwwan birootti tajaajila telekoomii warreen kennanidha.
Qindoomina Idiladdunyaa Itoophiyaaf jedhaman (Vodafone, Vodacom, fi Safaricom), Etisalat, Axian, MTN, Orange, Saudi Telecom Company, Telkom SA, Liquid Telecom fi Snail Mobile dhaabbilee jedhamanidha.
Lamaan ammoo sektara telekoomii hin taaneen kan fedhii galfataniidha jedhameera - Kandu Global Telecommunications fi Electromecha International Projects.
Abbaan taayitaa kun filannoo dhaabbilee kanaa yoom akka gaggeessu ammatti ifa hin goone.
Abbaa taayitaa Komunikeeshinii Itoophiyaa
Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga dhaabni kun hundeeffame Obbo Baalchaa Reebaatin Daarektara Olaanaa Abbaataayitichaa gochuun muudaniiru.
''Hojiin guddaan bara kana keessatti waajjirri kuni ni raawwata jedhamee eegamu tokko oppiretaroota haaraa lamaaf hayyama kennuudha,'' jechuun Obbo Baalchaan BBC'tti himanii turan.
Dhaabbanni kuni kan dur turerraa guddatee akka haaraatti kan hundaa'e yoo ta'u itti waamamni isaas Ministira Muummeetiifi.
''Oppiretarootaaf eeyyama kenna, telekominikeeshiniis poostaa irrattis warra hirmaatan eeyyama kenna akkasumas sadarkaa tajaajila oppireetaroonni ummataaf kennan lafa kaa'a,'' jedhan.
Dhaabbanni kuni isa mootummaan gabaa telekoomii dhaabbilee biyya alaaf banaa taasise waldorgommiin akka socho'u kan hojjetu yoo ta'u kanaafis qajeelfamoota qopheesseera.
Oppireetaroonni eeyyama argatan taarifa itti tajaajila kennan erga dhiheessan booda murtii kan kennu dhaabbata kana akka ta'e Obbo Baalchaan BBC'tti himaniiru.
Dabalataanis, oppireetaroonni kaan biyya seenuun isaanii 'Invastimantii telekominikeeshinii babal'isa, qulqullina tajaajilaa ni guddisa, gatiin telekomii ni hir'isa, akkasumas tajaajila intarneetii ni fooyyessa,' jedhan.
Dhaabbileen biyya alaa diinagdeen cimaniifi muuxanoo waggaa dheeraa qaban yoo gabaa Itoophiyaa seenan dorgommii keessatti humni Itiyoo Telekoom akka cimu akkasumas hawaasnis tajaajila si'ataa ni argata jedhee yaada mootummaan.