Chaayinaan yeroo jalqabaaf xiyyaara-hawaa orbiitii Maarsirra qubachiisuun milkoofte

Chaayinaan yeroo jalqabaaf ergama Taayiween-1 jedhamuun xiyyaara-hawaa (spacecraft) orbiitii Maarsirra milkaa’inaaan qubachiisuu himte.

Biyyi kun yeroo duraafi xiyyaar-hawaa kana Pilaaneetii Diimtuu irra kan qubachiifte UAEn ergama wal-fakkaataa guyyaa tokko dura erga milkeessiteen boodadha.

Taayiween-1 ykn ‘’Samiif gaaffii’’ koochoo orbiitii irra naanna’uufi meeshaa iddicha qo’atuuf gargaaru qaba.

Injineeronni xiyyaara roobootii hawaatti otoo hin bobbaasiin ni turanis garuu Caamsaa ykn Waxabajjii keessa tahuunsaa hin hafu jedhameeti eegama.

Sagantaan hawaa Chaayinaa ergama orbiitiitti taasise jijjiirama irra jiru jala muree akka agarsiisu himeera.

Baatii Muddee keessa ergama biyyoofi dhakaa addeessa lafarraa guuruu raawwachuunis kana jechisiiseera-madaala kamiiniyyuu ergama cimaa ture.

Ergamni Taayiween-1 kunillee rakkisaa tahuunsaa kan hin oolledha. Xiyyaarichi toonii shan kan ulfaatu yoo tahu, koochoofi meeshaalee birooo irraa hojjetame hanga Pilaaneetii Diimtuu qaqqabu kiloomeetira walakkaa biiliyoonaa deemera.

Ergama kana UAEn TV dhaan tamsaasa kallattiin yoo dabarsitu, Chaayinaan ergamichi erga raawwateen booda beeksiste.

Haatahu malee, namoonni dhimma hawaa kana dhiyeenyatti hordofan yeroo ergamni kun raawwatu sagalee dambalii Taayiween-1 dhagahuun isaanii hin hafu.

Chaayinaan tarsiimoo Ameerikaan 1970 keessa fayyadamaa turte tajaajilamaa jirti. Jalqabarra naannoo pilaaneetiirraa erga naannoofteen booda roobootii gamasitti erguuf.

Meeshaan itti fayyadamaa jirtus kan abuurraa kanaaf gargaaru NASAn bara 2000 keessa fayyadame fakkaata. Kiloogiraama 240 kan ulfaatudas.

Utubaan dheeraa biraan ammoo kaameeraa suuraa kaasuufi naannicha sakatta’u qabateera. Meeshaaleen dabalataa shan biroon dhakaafi bishaan cabbaa’ee yoo jiraateef barbaadu.

Hojiin inni guddaan raadaariidhaan iddoon sun baqqaana meeqa akka qabuufi hangam gad akka fagaatu baruudha.

Kuni ergamasaa keessaa isa walakkaa dha. Haatahu malee kaachoon xiyyaarichaa meeshaa fagoo waa adda baasuun pilaaneetii kana qorata.

Akkuma saatalaayitiiwwan biroo ergamni kunis atimoosfeeriifi caasaa naannichaa ni qorata. Kaameeraawwan ergamanis suuraawwan ajaa’ibaa fidanii dhufu jedhameetu eegama.

Taayinaaween-1 ergamawwan Maarsitti ergaman sadii keessaa tokkodha.

Kan UAE, Hope jedhamtu gaafa Kibxataa nagaan naannoo orbiitii geesseetti. Torbee dhufu Nasan xiyyaara abuuraa guddaa ni erga jedhamee eegama.