Cheng Lei: Gaazexeessituun Awustiraaliyaa, Chaayinaa basaasuun himatamtee hidhamte

Madda suuraa, Getty Images
Gaazexeessituun Awustiraaliyaa Cheng Lei, Chaayinaatti erga ji'ootaaf to'annoo jala oolte booda, iccitii biyyaa biyya biraaf dabarsuun himatamuu, mootummaan Awustraaliyaa mirkaneesse.
To'annoo jala ooluusheen dura Aadde Cheng, miidiyaa mootummaa CGTN jedhamutti TV gubbaatti dhiyeessituu turte.
Hagayya keessa kan qabamte yogguu tahu, gaafa Jimaataa himatamuu anga'oonni Awustiraaliyaa himan.
Mootummaan Awustiraaliyaa dhimma hidhaa Aadde Cheng ilaalchisee yaaddoo qabu, mootummaa Chaayinaaf irra deddeebiin beeksisee ture.
''Haqa, adeemsarrattis waan dhugaa taheefi haala dhala namaaf maluun eegumsi akka taasifamuuf abdii qabna. Kunis adeemsa idil-addunyaatin akka tahu eegna,'' jedhan ministirri dhimma alaa Awustiraaliyaa Marise Payne.
"Yeroo cimaa tahe kana keessatti Aadde Chend fi maatiishee waliin jirra.''
Waa'ee dhimma kanaa maal beekna?
Cheng Lei lammii Awustiraaliyaa Chaayinaatti dhalattedha. Ganna dabran muraasaaf Beejingitti hojjette. Ijoolleeshee lamaan dabalatee, maatiinshee hedduun, Awustiraaliyaa jiraatu.
Hagayya dabre keessa akkuma tasaa TV gubbaa dhabamte - maatiifi hiriyoonni qunnamuu hin dandeenye.
Dhaabbanni ishee hojjechiisu, CGTN - miidiyaa biyyolessaa Afaan Ingiliziin dabarsus, marsariitii gubbaa waanishee barreeffame mara haqe.
Takka turtee Chaayinaan gaazexeessituu kana dhimma nageenyaa biyyaalessaaf jecha qabachuu beeksise - ''biyya keessa teessee hordoffii gochaa turte'' jedhe.
Maatiin ishees maaliif akka qabamte wanti beekan akka hinjirre himan.
''Nageenya biyyolessaa balaarra buusuuf tahe jettee hojjetti jedhee hin yaadu,'' jechuun firrishee Louisa Wen miidiyaaf himte.
''Tarii waan isheen hin beekne keessa galuufi dhiisuushee hin beeknu.''
Maatiin akka himanitti, yeroo garagaraatti waa akka baastuuf jecha gaafatamteetti. Kutaa tokko keessattis hidhamtee akka jirtufi fayyaan ishees miidhamaa jira jedhu,
Mootummaan Awustraaliyaas bakka bu'onnisaa ji'atti al tokko dhaqanii daawwachuu hime - kunis waliigaltee waloo Chaayinaa waliin qaban irratti hundaa'uni.
Seenduubeen inni guddaan maali?
Baroota as dhihoo kanatti walitti dhufeenyi Awustiraaliyaa fi Chaayinaa hammaachaa dhufeera. Kunis dippiloomaasii fi daldala irratti mul'ateera.
Akka xiinxaltoonni jedhanitti haalli kun, aangawoonni Awustiraaliyaa dhimma lammiileesaanii gadhisiisuuf marii taasisan daranuu cimseera.
Beejing yeroo dhiyoon asitti gaazexessitoota hedduu hiteetti yookaan biyyaa aritee jirti.
Eegii Aadde Cheng bara dabre qabamte kaasee, ripportaroonni miidiyaa Awustiraaliyaa isaan xumuraa lama, biyyattii gadhiisanii bahaniiru.
Rippoortarri ABC Bill Birtles akka jedhetti, biyyaa bahuusaatiin dura, ppolisiin Chaayinaa manasaa dhufuun waa'ee Aadde Cheng isa gaafatan. Kana malees dhimmoota hedduurrattis gaaffii gaafachuu hime.
Mudde keessas, Chaayinaan gaazexeessituu Bloomberg ka taate Haze Fan to'annoo jala oolchite. Nageenya biyyolessaa balaarra buuste jette.
Barreessaan lammii Awustiraaliyaa Chaayinaatti dhalate Yang Hengjun jedhamus, ganna lamaa oliif Chaayinaatti hidhaa keessa jira. Himata basaastummaa irratti dhiyaate haaleera.
Awustiraaliyaan akka jettutti Obbo Yaang wayita qabamee turetti qabiinsisaa haala hamaa keessa ture. Kutaasaa keessatti cancalaan hidhamuu dabalatee, yeroo dhibbaan lakka'amuuf gaaffii gaafatameera.















