Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Bonni dheeratee loon du'aa jiru, kan namaatiifuu yaaddoo qabna'- Jiraattota Godina Booranaa
Jiraattonni Godina Booranaa aanaalee Taltallee fi Yaa'abal'oo bonni dheeratee loon du'aa jiru, namaafuu yaaddoo qabna jedhan.
Godina Booranaa aanaa Taltallee kan jiraatan Aab Gobbuu Dhattoo, bonni dheerachuu isaarraa kan ka'e hawaasni horsiisee bulaa rakkoo jajjabduu keessa jira jedhu.
"Bonni tuni akkaan hamtuudha. Namni bishaan afaanitti dhugu dhabee dheebuudhaan dararama hamaa keessa jira. Amma beelladnis namnis waan nyaatu dhabeera. Namni kaan godaansaan bakka biraa deemaa jira," jedhan.
Maddeen dhiheenya turan sababa bona kanaatiin waan goganiif amma bishaan argachuuf hanga Kiiloomeetira 30 deemuun dirqama ta'eeras jedhu.
"Namni geejjiba akka gaalaa fi harree hin qabne guddoo rakkata. Kaan maatii isaanii qabatanii yoo godaanan ijoolleen isaaniis sababa kanaan mana barumsaarraa hafaa jirti" jedhan.
Beelladoonni sababa margii fi bishaan dhabameef du'aa jiru kan jedhan Aab Gobbuun, beelladi hafelleen garuma beelaan dhumuutti deemaa jiraachuu dubbatan.
Godinuma kana aanaa Yaa'abal'oo kan jiraatan Aab Diida Hassummaas,horsiisee bulaan sodaa jjajjabduu keessa seenee jira jedhu.
"Roobni Hagayyaa akka malee xiqqaa ture. saniif margi hin jiru. Bishaan kan motoraas ka maddaas goganiiru. karaa bishaanii beellada callaa osoo hin taane namnillee akka guddoo miidhamaa jira. kankooyyuu loon beelan du'antu jira" jedhan.
Jiraataan aanaa Taltallee biraa Aab Qurii Gaamadii, horsiisee bulaan beellada Horsiisee jiraatu amma beelaa fi dheebuutiin yaaddoo hamtuu keessa jirra jedhan.
"Ummanni yaadoo hamaa keessa jira. Horsiisee bulaan qonna hin qabu. Beelladuma kana gurguree midhaan bitata. Ammammoo beelladi du'aa jiru. Namni gabaatti namarraa bitulleen hin jiru" jedhan.
Jiraattonni kunneen rakkoo kana qaama mootummaatti iyyatanilleen deeggarsi hanga yoonaa nuuf taasifame hin jiru jechuun komatu.
Dhimma kanarratti hoggansa Godina Booranaa dubbisuuf irra deddeebiin bilbillulleen itti hin milkoofne.
Koomishinii qindeessaa misooma naannoo Horsiisee bulaa Oromiyaatti ogeessa kominikeeshinii fi qunnamtii miidiyaa kan tahan Obbo Siyyum Abbabaa, rakkoon hongee kuni jiraachuu quba qabna jedhan.
"Dhimma kana quba qabna. Amma garee rakkoo kana qoratu ergineerra. Bu'aa gabaasa isaanii mootummaaf dhiheessinee deeggarsi barbaachisu akka godhamuuf hojjechaa jirra" jedhan.
Aanaalee Booranaa bakka hanqinni bishaanii mudatetti bishaan konkolaataadhaan dhiheessuuf yaaliin taasifamaa jiraachuus eeran.