Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wal’aansa baqaqsanii yaaluu jijjiirraa fuulaa fi harka lamaa isa jalqabaa milkaa'e
Ogeessoti fayyaa Niiw Yoork wal’aansa baqaqsanii yaaluu jijjirraa fuulaa fi harka lamaanii kan addunyaarraa isa jalqabaa tahe milkaa’inaan hojjataniiru.
Wal’aansi Joo DiMeyoo ganna 22, sa'aatii 23 kan fudhate yoo ta’u gartuu ogeessotaa fayyaa 140n Hagayyaa darbe gaggeeffame.
Balaa konkolaataa bara 2018tti irra ga’een DiMeyoon %80 qaama isaa gubatee ture. Quboonni harka isaas irraa cite, hidhii isaa fi gogaa ija isaas dhabeera.
Wal’aansi baqaqsanii hodhuu kun “jireenyatti carraa lammaaffaa” argadheera jedheera.
DiMeyoon hojii galgalaa isaa irraa gara manaa osoo konkolaachisuu mugee, konkolaataan isaa galagalee ibbiddi itti qabate.
Ji’a afuriif wal’aansa qaama gubatee argachaa ture.
Wal’aansa deebisanii ijaaru 20 ol kan argatee ture ta’us DiMeyoon sochii fulaa fi harka isaa murasa duwwaa qabaate.
Bara 2019tti gara mana yaalaa Niw Yoork dabarfamee Hagayya keessa wal’aansa baqaqsanii hodhuu qaama jijjiirraa argate.
Hogganaan wal’aansa baqaqsanii hodhuu jijjirraa Fuulaa Esuwaardo Rodrigeez “wal’aansaa qama isaa foyyeessu qofa osoo hin taane wal’aansa keessumaa harki isaa deebi’ee akka hojjetu taasisu keennuufi barbaadne,” jedhu.
Wal’aansa baqaqsanii hodhuu kana booda DiMeyoon guyyotii 45 kutaa wal’aansa addaa erga turee booda ji’oota lama dabalataaf ammoo akkammiin ija isaa fi harka isaa akka fayyadamu baruuf hospitaala tureera.
Kana dura wal’aansi baqaqsanii fuulaa fi harka jijjiru lama gaggeefamee kan ture ta’us lamaanuu hin milkoofne.
Dhukkuubsataan tokko rakkoo wal’aansicha irratti uumameen kan lubbuun darbe yoo ta’u, tokko ammoo harki haaraan kennameef qaama isaa waliin wal simuu dhabnaan deebifamee kaafamu hospitaalichi ni hima.
Haakimootni hospitaalicha wal’aansichi milkaa’eera jechuun dura hanga qaamni haaraa kun qaama namicha waliin wal simutti eeganiiru.
Roodrigeez akka jedhutti guyyaatti ispoortii wal’aansa sa’aatii shanii kan hojjetu DiMeyoon dhukubsattoota argee beeku keessaa “dhukkubsataa haamilee cimaa” qabudha jedha.
“Ispoortii irratti hojjachuu barbaasa, goolfii taphachuu jaallata, kanatti deebi’uu barbaada,” jedha.
DiMeyoon amma ofiin ispoortii hojjachuu fi nyaata hojjetachuu nan danda’a jedha.
“Kun kennaa jireenyaa al tokko dhufudha, maatiin nama qaama kana naaf kennee akka inni naa waliin jiraatu baranii akka tasgabbaa’aniin hawwa,” jedha.
“Carraa lammataa kana argachuukootti anaa fi maatiinkoo gammadneerra.”