Mootii Kolfaa Balaachoo Girmaa: 'Dhukkubniifi rakkinni kolfa kiyya narraa fudhachaa jiru'

Mootii Kolfaa Addunyaa jedhamuun kan beekaman Balaachoo Girmaa wayita ammaa kanatti rakkina fayyaa isaan mudateen, kolfi kiyyaa narraa fudhatamaa jira jedhan.

Master Balaachoon duraan kolfaa namoota kofalchiisuun namoota mirrii isaanii gadi bu'ee kolfaan wallaanaa, kaan ammoo bashanansiisaa turan.

Balaachoo Girmaa turtii BBC waliin taasisanii haal itti aanu kanaan haala guddinaafi kan amma keessatti argaman nuuf qoodan.

Master Balaachoon Ummattoota Kibbaa Kambaataatti dhalatanii Oromiyaa Godina Booranatti guddatan.

Abbaan isaanii ammoo nama Arsiiti yoo ta'an, mootiin Kolfaa Balaachoo Girmaa ammoo afaan Oromoo loqoda Booranaa sirriitti bareechanii haasa'u.

Osoo walirraa hin kutiin sa'aatii sadii fi daqiiqaa soddomii shanii fi sekendii soddomaaf kolfuun abbaa Rikardii Kolfaa Addunyaa kanaa ta'an.

Sadarkaa Afrikaatti ammoo Ambaasaaddara naamusa gaarii fi dansummaa "African Good Ethics and Kindness Ambassador" jedhamuun moggaafamaniiru.

Master Balaachoon, kolfi seequuf qofaa osoo hintaanee obbolummaa cimsa jedhan.

"Nuti addunyaarra kan jirru cufti waliif obboleeyyan. Gosaan gargar hin laallu. Hojiin kiyyas obbolummaa kan cimsu kolfaan wal'aanamuu 'Laughter Therapy' dha. Mana barumsaa Kolfaa Finfinneetti baneen hojjechaa ture" jedhan.

Itoophiyaatti guyyaa kolfaa jalqabsiisuunis waggoota 16 darbaniif akka kabajamuuf nama gummaachanidha.

Haala fayyinsaanii ammaa

Mootiin Kolfaa Balaachoo Girmaa yeroo ammaa kanatti dhukkubsatanii yaalii argachaa jiru. Waa'ee dhukkuba isaanii ilaalchisees akkasiin BBCtti himan:

"Amma hojiin jaaladhu Kolfa irra hin jiru. Dhukkubsadheen mana jira. Xannachi sammuu keessatti ba'ee jennaan mataa kiyya na baqaqsan. Erga yeroo sanaatii qabee amma ji'a jahaaf qoricha fudhachaan jira. dhukkubi kun akka malee namiidhe amma wayyaa'aan jira," jedhan.

Sababa dhukkuba kanaatiin ''hojjedhee maatii kiyya jiraachisuu waaniin dadhabeef, deeggarsa uummata kiyya gaafachuuf dirqameeras'' jedhan.

"Ilmaan dhiira jahaa fi dubra laman qaba. Maatii guutuu anumatu hojjatee mana kiraa kanfalee jiraachisaa ture. Erga na dhukkubee yoo gumiin nan dhaqqabne, yoo obboleeyyan naan dhaqqabne homaa abdii hin qabu na qaabadhaa" jedhan.

Qorichi dhukkuba mataa isaarratti mudate kanaaf fudhachaa jiru dhiibbaa cinaa irratti uumuun harki isaa ofiin akka hoollatu gochuun ammoo yaaddoo biraa isaaniitti umuu isaa dubbatu.

Manni Barumsa Kolfaa Finfinneetti bananii itti barsiisaa turanis sababa hanqina humnaa isaan mudateen akka cufames dubbatu Master Balaachoon.

Dhukkubnii fi rakkinni kolfan jaaladhu na jalaa fudhatanii waan jiraniif kolfa kiyya lammiitu naaf deebisas jechuun dhaammatan.

"Amma kolfi kiyya qabamee jira. Dhukkubaa fi rakootu qabe. Gumiin gama cufaan yoo na gargaare nan fayya, jechuun abdii qaban himu.

Akkasumas, ''Fayyee kolfa kiyyatti akkan deebi'u, addunyaan akka kolfitu, manni barumsaa kiyya akka deebi'ee banamun fedha. Kanaafuu naaf birmachuun kolfa kiyya naaf deebisaa" jechuun dinqisiifattootaafi lammiif waamicha dhiyeessan.