Yaman: Hakimaa tokkitti qofaa hospitaala Covid-19 weerarame keessa turte

Yeroo biyyi waranaan diigamte Yaman weerara Covid-19 marsaa lammaaffaaf qophoooftutti oggeettiin fayyaa tokko erga waayilooti ishee hospitaalaa baqatanii booda akkamiin akka qofaatti weeraricha lolaa turtee himti.

Hakiimni ganna 29 Zohaa Adaroos al-Zubaayidi guyyaa sarara diimaa akka namni hin ceene hospitaalaa keessatti qophaa’ee fuldura dhaabbattee, dhukkubsataan ammoo sarara gamasiin haafura baafachuuf rakkatu yaaddachuun himti.

Torban hedduuf sararri sun barbaachisaa hin turre. Weerarri biyyootii biraa jeeqaa jiru Yaman ga’uu danda’a akeekkachisa jedhu qofaatu ture.

Yeroos garuu magaalaa Adeen, hospitaala al-Amal keessatti namni koronaavayirasiin qabame jalqaba seenee ture.

Sarara sana dura Zoha fi hojjattoonni fayyaa hospitaalichaa biroon sodaatanii dhabbataniiru. Maaltu ta’aa jira jettee yeroo gaaffattuun, namichaaf oksijiinii kennanis kana caalaa itti siquu akka hin feene itti himan.

Takka turanii waayilootni ishee guutummaatti hospitaalicha dhiisanii bahan. “Namni deebii na keennu hin turre. Iyyee wamaan ture… eenyuyyu hin turre,” jetti.

Hoggansi hospitaalichaa garuu, haakimootni hospitaala dhiisanii hin deemne jedha.

Torban itti aanan lamaaf Zohaa fi naarsii tokko qoofatu dhukkubsattoota hedduu waliin hafe.

Waayoloota ishee hin kommanne. Al-Amal mootummaatiin hospitaalaa Covid jedhamuus, hojii sanaaf garuuf ga’umsa hin qabu ture.

Meeshalee ittisa dhukkubaa ga’aa hin qabu, meeshaa oksijiini muraasa fi ventileetara torba qofa qaba ture. Torban lamaan jalqabaa irratti lubbuu dhukkubsataa tokkoyyuu olchuu hin dandeenye ture.

Waraanni Yamaan wagga ja’aaf ture biyyatti irratti dhiibbaa guddaa uumeera. Wiirtuuleen fayyaa biyyatti harki caalaan barbada’anii harki caalaan uummata biyyatti ammoo tajaajila gargaarsa barbaadu.

Ta’us garuu aangaa’onnis ta’e miidiyaan biyyatti waa’ee Covid irratti homaa hin dubbanne.

“Yoo wa’ee weerarichaa haasa’aa hin jiran ta’e, tarii to’ataniiru jechuudha,” jechuun Zohaan yaadaan of tasgabbeessaa turte.

Utuu hin turiin weerarri Covid magaalaa Adeen keessa tatamsa’uu eegale. Yeroo hospitaalotni magaalatti hedduun hojii kana hojjachuu dadhabanitti, oggeessooti fayyaa hedduun weerara Covid-19 jedhamee shakkamuun lubbuu isaani yemmuu dhaban hospitaalotni kuun cufamuu eegalan.

Balbalarratti hiriiruu

Konkolaatotni fi ambulaansiiwwan maatiiwwan dhukkubsattoota hospiitala al-Amaalitti walitti qabamuun siireen yoo argameef eeguu jalqaban.

Kutaa Covid’f qophaa’ee keessa siree sagal qofatu ture. Tokkoon tokkoo isaanii oksijiinii kan qaban ta’us yemmuu oksijiinin keessaa dhumu deebisanii guutuuf namni gargaarsa kennu hin turre. Kun hojii Zohaa fi narsii sanaa ta’e.

Garuu yeroo hedduu, weeraara kana keessatti hojii isaanii hojjachuu waan hin dandeenyeef dhukkubsattoonni afuurri isaani cituu eegale.

Yeroo tokko Zoohaan yemmuu isheen oksijiinii isaa geddaruuf yaaltuu dhukkubsataan tokko callisee ishee ilaalaa akka ture yaadachuun himti.

“Akkan na’e argaa ture. Harkakoo qabee ‘hin yaadda’iin, yeroon koo akka ga’e beeka, wanta dandeesse hunda akka goote beeka balleessakee miti’ naan jedhe,” jetti.

Namni kun sa’aatii muraasa booda lubbuun isaa darbe.

Zohaan mootummaa irraa gargaarsa argachuuf kallattiinis ta’ee Feesbuukii gubbaatti barreessitus deebii hin arganne.

Caamsaa keessa gabaasi miidiyaalee addunyaa wa’ee dhibbaa koronaavayorasiin Yaman irratti qabaatu irratti hojjatan dhumaratti mootummaan waa’ee dhimmichaa akka dubbattuuf dirqamsiise.

Dhabbati gargaarsaa 'Medicine Sans Frontiers' (MSF) jedhamu akka isa gargaaruuf gaafate.

Guyyaata muraasa keessatti, MSF Adeen seenuun hospitaala al-Amaal to’achuun gargaarsa meeshaa fi namaa barbaachisuu fidani.

Dabalataanis galma cidha hospitaalicha cina jiru keessatti kutaa wal’aansaa Covid yeroof ta’u hundeessan.

Zohaanis qofummaa irra baraaramte.

“Hedduu natti cime, ala ba’ee bo’aan ture,” jetti Zohaan. Yeroo haakimni MSF ishee arge, wanta isheen yeroo dheeraaf mootummaa ishee irra dhaga’uu barbaadaa turte dubbate.

“Jabaadhu – si waliin jirra, waadaan siif gala haalli jiru ni geeddarama” jedheen.

Erga namni gargaarsa kennuu fi to’annoo hospitaalichaa fudhatu argame booda hojjattoonni fayyaa duraas hojiitti deebi’an.

“Kana dura dhukkubsattoonni reeffaa ta’anii ba’u ture, amma garuu ofii adeemanii ba’u. Akka si’oolirraa jannata galuudha,” jetti Zohaan.

Garuu oduun gaarii kun yeroo dheeraaf hin turre. Rakkoon uumamaa ture. Sagaleen waraabaman Adeen keessatti WhatsApp irratti qoodamuu eegale.

Sagaleen kanaratti namni dubbatu hojjattoonni MSF hospiitala al-Amaal keessa jiran dhukkubsattoota Covid’f summii keennaa ajjeessaa jiru jechuun dubbata.

“Kun jecha raga malee dubbatameedha,” jechuun oggeessi fayyaa naannichaa eenyummaa isaa ibsuu hin feene dubbateera.

“Yoo namni tokko hedduu dhukkubsate fi du’uu jala ga’e, qorichi Yuutineezhiyaa ykn kan akka du'u taasisu ni kennamaafi jedhan. Kun waan hin taanedha garuu namootni amaanaa turani.”

Erga sagaleen kun gadhiifame booda, lakkoofsi dhukkubsattoota hospitaalicha dhufanii hedduu akka hir’ise Zohaa fi MSF ni himu.

Waldhabdee hospitaalicha keessa

Dabalataanis, hamiin hin barbaachisne ka’uu eegale, jedhu hakiimotni. Yeroo tokkottii, namootni hidhattoonni humnaan hospitaala seenanii hojjattonni akka dorsiisaman himu.

Akka hojjattoonni hospitaalicha fi MSF jedhanitti hidhattonni kun gara hospitaalicha kan dhufan, hogganaa hospitaalichaan durfamaniidha.

Yemmuu MSF hospitaala al-Amaal to’achaa turetti Dr Zakaariyaa al-Ko’aatiin yeroodhaaf aangoo isaa irraa kaafamee kan ture yoo ta’u, amma ammo hojjattoonni dhabbatichaa meeshalee hospitaalaa hataa jiru jechuun himata.

MSF garuu meeshalee eergifatee dhabbataa Adeen jirutti deebisaa akka ture BBCtti himeera.

Adoolessa 25 irratti yaaddoo nageenyaan MSF al-Amaal gadhiisee deeme.

Hospitaala bira Adeen keessa jirutti darbus, rakkoo walfakkaata hoggaansa waliin uumameen, torban ja’a booda gutummaatti magaalatti gadhiisee ba’e.

Gargaasa fayyaa gaafachuu sodaa namootni kumaatamaan lakkaa’aman dhibee Covid’n mana isaanii keessatti du’aniiru jedhamee amanama.

Ministeerri fayyaa Yaman BBC waliin gaffii fi deebii taasisuu didus, hariiroon mootummaan MSF waliin qabu gaarii ta’uu fi dhabbatichi hojii lubbuu baraaruu isaa hojjachuu dubbataniiru.

Reeffa lakkaa’uu

Dhibbaan vaayirasii magaalaa Adeen irratti uumee, lafa awwaalchaa al-Radwaan irratti ni hubatama.

Namichii awwalaa soqu Gasaan haalli isaa hamaa ta’uu kan hubatee yeroo reeffii ariitiin dhufu awwaaluu yemmuu dadhabedha.

“Hiriiyootakoo akka na gargaaraniif gaaafadhus, isaanis ni dhukkubsatani. Namni du’e hedduutu ture, nyaataafille yeroo hin arganne,” jedha.

Qorannoon muraasi qofaa waan taasifameef, magaala Adeen keessatti lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin du’anii baruun ni cima. Gasaan garuu ofii isaa galmeessaa tureera.

Matiin namoota du’anii ragaa sababa du’aa isaanii itti agarsiisu ture. Maqaa namoota hospitaala al-Amaal keessatti dhibee koronaavayirasiin du’anii galmeessa ture.

Caamsaa keessa qofa magaalaatti keessatti namoota 1,500 akka awwaaleeru hima.

“Waan nama ajaa’ibudha,” jedha Gasaan. “Waan akkanaa yemmuun argu kun kan jalqabaadha. Waraanaa turerra kan hammaateedha.”

Ammaaf haalli koronaavayirasii magaalatti keessa jiru akka tasgabbaa’ee Zohaan ni himti.

“Namootni asii vaayirasichi waan bade itti fakkaata, saayintistoonni garuu kun dhugaa miti jedhu.”

Akkumaa biyyoota kaanii, Yamaan marsaa lammaffaa weerara koronaavayirasiin ni miidhamti jedhamee eegama.

“Akkuma yeroo jalqabaa qophii hin qabnu. Mootummaan homaa hin baranne,” jetti.