Lammii Itoophiyaa Yaman jiru: 'Dhaabbileen gargaarsaa nuuf qaqqabuu baannaan abdii hinqabnu'

Waa'een lammiilee Itoophiyaa kuma hedduu lakkaa'amaniifi manneen hidhaa Saawudii keessatti argamanii erga mata duree midiyaalee idil-addunyaa ta'e bubbuleera.

Ergasiin booda Motummaan Itoophiyaa dubartootaafi daa'iman irraa eegaluun waljalaan gara biyyaatti deebiisaa jiraachuu beeksiisuun ni yaadatama.

Haa ta'u malee, ammalleen lammiileen daangaalee Saawudiifi Yamaniitti argamaniif kan gara 300 ta'an milishoota Huutiitin dararamaafi ajjeefamaa jirra jechuun namni BBC'n bakkichaa dubbise hima.

Mohaammad Abdii (kana maqaansaa maatiif jecha geeddarame) haala keessatti argaman akkasiin ibsa. ''Nuti abdii kutannee jira. Nama ykn miidiyaa sagalee nuuf ta'ullee ni arganna jennee tasa abdii hin qabnu.''

''Bakki keessa jirru gammoojjii hamaa yoo ta'u, maqaansaa addaa Algihaarii jedhama, daangaa Sa'udiifi Yaman gidduutti argama'' jedheera.

Duraanuu baayyee rakkoo keessa jiraachuu kan dubbatu baqataan kun, ''Beelli jira, dheebuufi rakkoon biroon ni jiru. Guyyoota sadan darban kana keessa garuu milishoonni Huutis Habashaa nama ta'e yeroo argan nu dararaa jiru'' jedha.

Haala darara irra gahaa jiruu wayita ibsuus, ''Yoo nama qaban waan jiru mara sakkatta'u, nama rukkutu.

''Rukuttaan isaan rukuttaa salphaa miti. Hanga dhiiga fincaa'uutti nama geessisa,'' jedha hangam haala hamaa keessatti akka argaman wayita ibsu Mohaammad.

Sibiilaan nama waan reebaniifuu, reebicharraa kan ka'e kan du'an hedduudha kan jedhu baqataan kun, ''fakkeenyaaf, guyyoota sadan darban kana keessatti qofaa namoonni sadii du'anii jaha ammoo madaa'aniiru,'' jechuun hima.

Kana malees, ammaan tana ofiin baqachuun dhokatanii waan jiraniif lammiileen hafan biroo maal keessatti akka argaman adda baafachuu kan hindandeenye hima.

Walumaagalattis bakka amma isaanii itti argaman kana keessattis lammiilee Itoophiyaa 300 ol ta'an jiraachuu dubbata Mohaammad.

Hidhattoonni Huutii kunneenis Yamanoota bakka sana jiraniin bishaaniifi midhaan isaaniif kenniitanii jirtuu jechuun isaanis ajjeessuufi hidhuuf akka dorsiisan dubbata.

''Yeroo nu argan nu tumuu qofa. Maaliif akka nu dararan gaafachuufillee carraa nuuf hin kennan.''

Kanaafuu, dhaabbileen gargaarsaa Yamaniifi naannoo sana jiran akka nuuf birmatani'' jechuu gaafata.

Sababiinsaas bakki isaan itti argaman kun baay'ee rakkisaa waan ta'eef, ''dhaabbanni gargaarsaa yoo qaqqabeeniin alatti abdii hin qabnu. Isaan qofaadha kan nu qaqabee nu baraaruu danda'u'' jedha Mohaammad.

Dhimma kanarratti Imbaasiin Itoophiyaa kan Jabuutiitti argamu quba yoo qabaatee jedhee BBC gaaffii dhiyeesseef, dhimmichi nu osoo hintaane gama Omaan irraan hordofama deebii jedhu nuuf kennaniiru.

Yaaliin bakka bu'oota Qontsilaa Itoophiyaa kan Omaanitti argamu dubbisuuf yaaliin taasifne nuuf hinmilkoofne.