Mirga Dubartootaa: Mana amantii Kaatoolikiitti dubartoonni akka tajaajilan Poop Firaansis eeyyaman

Madda suuraa, AFP
Dureen amantii Kaatoolikii Addunyaa Poop Firaansiis, seera mana amantii Kaatoolikii Roomaa fooyyessan keessatti dubartoonni tajaajilaa fi ga'ee biraa akka qabaatan eeyyamaniiru.
Garuu ammallee taanaan namni luba ta'u dhiira jedhann labsii seeraa haaraa keessatti.
Mana amantii kaatoolikii hedduu keessatti durumaanuu dubartoonni tajaajila kan kennaa jiran yoo ta'u, labsiin Poop Firaansis kanumaaf beekamtii kenuus of keessatti qabata.
Keessatti biyyoota lixaa keessatti dubartoonni tajaajila kennuun waan baratameedha.
Poop Firaansiis akka jedhanitti ''dubartoonni mana amantii kaatoolikiif ga'ee olaanaa gumaachaa jiru''
Labsiin seeraa haaraan kun dureewwaan manneen amantii barmaatilee duriitti cichan akka of fooyyessuun hirmaanaa dubartootaaf bakka kennan kan dirqamsiisuudha.
Poop Firaansiis manneen amantii keessatti jijjiiramoota hedduu fiduun maqaa isaanii fi amantichaa ijaaruu fedhu.
Garuu fedhiin namoota hedduu dubartoonni tajaajila kennuu osoo hin taane luba akka ta'aniidha.
Kanarratti garuu jijjiirama taasisuu akka hin feene bara darbe dubbataniiru.

Madda suuraa, EPA
Bara darbe dubartoonni tajaajiluuf daaqonii ta'uu gaaffii jedhurratti deebii kennuuf tibba Sinoodosiin qophaa'etti Poop Firaansiis seerri hin jijjiiramu jechuun ejjennoosaaniirratti cichan.
Labsii haaraa kanaan jijjiiramoota bu'uuraa kan eegaa turan hawaasi mana amantittii fi qaamoleen hawaasaa kaan murtee darbeen abdii kutataniiru.
Ammaaf Poop Firaansi seerri isaan geeddaran yoo jiraate, gaalee mana amantii keessatti baratamaa ta'e''dhiirri kamiyyuu'' kan jedhurraa gara ''namni kamiyyuu'' jedhuuttidha.
Akkaataa seera fooyya'ee ba'een dubartoonni kitaaba tajaajilaaf qophaa'e mana amantii keessatti amantootaaf ni dubbisu akkasumas yeroo kadhannaan gaggeeffamus gargaaruun ni tajaajilu.

















