Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbooy Sibihaat Naggaa eenyu?
Torbee darbe waraana mootummaan kan to'ataman Obbo Sibihaat Naggaa waggoota 46 dura bara 1967'tti qabsoo hidhannoo TPLF kanneen wixineessan keessaa tokko.
Lola naannoo Tigraay Sadaasa 3 humnootni TPLF buufata ajaja waraana Itoophiyaa Kaaba biyyattii jirurratti raawwate hordofee aanga'oota dhaabichaa to'ataman keessaa maanguddoon ganna 85 Obbo Sibihaat Naggaa tokko.
''Tarsimoo badii TPLF baasuu fi ajjeechaan sukaneessaan waraanaa Itoophiyaarratti akka raawwatuuf hoggansa kennaa turan'' jechuun Raayyaan Ittisa biyyaa Obbo Sibihaatiin himateera.
Obbo Sibihaat Naggaa eenyu?
Waggoota 46 dura, Guraandhala 1967 qabsoo hidhannoo TPLF eegaluuf warreen yaadicha wixineessan keessaa Obbo Sibihaat Naggaa isaan tokkodha.
Maqaa masoo 'Abbooy Sibihaat ykn Abbooy' jedhamuunis beekamu.
Hundeessitootni TPLF hedduun isaanii bara sanitti barattoota Yunivarsiitii Finfinnee turan.
Dhalattootni Tigraay Yunivarsiiticha turan waldaa ofii ijaarratanii kan turan yoo ta'u, waldaa jalqbaa kana keessattis miseensa turan.
Bara sana Obbo Sibihaat Yirgaalam irraa Finfinneetti deddeebi'uun itti fufinsaan qabsoo hidhannoo godhamurratti hirmaannaa godhaniin kan beekaman ta'uu miseensa waldichaa keessaa tokko BBC'tti himaniiru.
Adawaa hanga Yirgaalam
Bara weerara Xaaliyaanii, ALI 1928, godina gidduugaleessa Tigraay keessatti magaala seena qabeettii Adawaa bakka Addii Abeetoo jedhamtu keessatti maatii abbaa lafaa(fiiwidaalaa) keessaa dhalatan.
Abbaan isaanii bulchaa aanaa kan turan yoo ta'u, Sibihaat abbaa isaanii waliin deemuun hojiiwwan barreeffamuun gargaaraa akka turan ALI bara 1989 barruu 'Iffooyitaa' jedhamu waliin turtii taasisaniin himanii turan.
Obbo Sibihaat barnoota isaanii kan jalqaban achuma magaala Adawaatti ture.
Jalqaba barnoota qeesii baratanii achumaan mana barnootaa ammayyaa mana amantaa jala turetti itti fufan.
Abbaan isaanii hojiin bakka Zaanaa jedhamutti yeroo jijjiiraman isaanis waliin imalaniiru.
Abbaan isaanii ''situ na dhaala'' isaaniin jechaa akka turaniifi hojii qonnaas hojjetanii akka turanis himaniiru.
Ta'uus obboloonni isaanii cimanii waan gaafataniif mana barnootaatti deebi'anii hanga kutaa saddeetiitti Adawaatti baratan.
Barnoota isaanii sadarkaa lammaffaa ammoo magaalaa Maqalee mana barnootaa Atsee Yohaannisitti baratan.
Barnoota barfatanii galuu isaanii barruu Ripoortar jedhamuuf yoo himan, sadarkaa lammaaffaa yoo baratan obboleessi isaanii quxusuun digiriin eebbifamee ture jedhan.
Qabsaa'aan isaan waliin barataa ture tokko BBC'tti yoo dubbatu, ALI bara 1955'tti warraaqsa farra 'Fiiwidaalizimii' gaggeeffamaa ture irratti ilma fiiwidaalaa ta'anii mana barnootaa keessatti sochii kana keessatti hirmaannaa guddaa gochaa turan.
Yunivarsiitii Finfinnee galuu isaanii dura magaalota akka Salaaleefi Gohaatsiyoon, Ficheefi Dabrabirihaan keessa naanna'uun barsiisaniiru.
Yunivarsiitii erga galanii barnoota Ikonomiksiin digiriin eebbifamanii, Ministeera Ikonomiksii keessatti ogeessa dinagdee ta'uunis waggaa tokkoof tajaajilaniiru.
''Bara sana gaaffiin sabummaa ka'aa waan tureef Tigraayitti akkan jijjiiramu gaafadheen ture'' jechuunis barruu Iffooyitaa jedhamutti himanii turan.
Gaaffiin isaanii sun qabsoo godhamutti siiquuf waan tureef fudhatama dhabee jennaan hojii isaanii kana gadhiisanii gara barsiisummaatti ce'aniiru.
Magaala Adawaatti daayireektara mana barnootaa Nigisti Saabaa ta'uun tajaajiluun isaaniis ni himama
Osoo hedduu hin turiin Naannoo Kibbaa magaala Yirgaalamitti jijjiiraman.
Osoo achii barsiisummaan tajaajilaa jiranii Dargiin aangoo qabate.
Maqaa 'Abbooy' jedhu akkamiin argatan?
Abbooy jechuun uummata Tigraay biratti jecha hiika guddaa qabuudha.
Jechi kun kabaja umrii waliin deemu qofa osoo hin taane 'dursaa' akka jechuutis.
Yeroo hedduus jaarsa biyyaa fi maqaa guddaa nama qabuuf moggaasa kennamuudha.
Bara Haayilasillaasee bakka bu'aa shangoo kan turaniifi boodas sirna san ganuun dargaggoota dursanii gara gammoojjii daddabiit kan galan Obbo Gassasaa Ayyalaa(maqaa qabsoon Sihuul) waggaa 10'niin Obbo Sibihaat hangafu turan.
Sihuul bara 1968 yeroo wareegamanii qabee qabsaa'ota keessaa kan umriin guddaa Obbo Sibihaat turan.
Qonnaan bultootni qabsaa'ota kana deeggaran qabsaa'aa abbaa areedaa Sibihaatiin yoo argan 'Abbooy' jechuun waamuu eegalan.
Achumaan qabsaa'onni biroonis 'Abbooy' jechuun waamuu itti fufan.
Abbooy bara qabsaa'aa turan nama haasaa beeku turan jedhama.
Hedduun qabsaa'ota TPLF maqaa masoo qabsoorratti argataniin waamamu.
Abbooyis hanga dhiyeenya torbee darbe to'annoo jala oolanitti maqaa kanaan irra hedduu beekamu.
Gahee Abbooy qabsoo keessatti qaban
Bara qabsoo hidhannoo TPLF Abbooy gurmaa'insa magaalaarratti ramadamanii hojjechaa turan.
Yeroo tokko hogganaa olaanaan qabsoo sanii obbo Siyyuum Masfiin, Abbooy bakka itti hin ramadamne Maqaleetti arganii maal asii goota jedhanii isaanitti dheekkamuus ni yaadatu.
Bara Aragaawwii Barihee(PhD) dura taa'aa TPLF kan yeroo turanitti, aanga'oota olaanoo torba keessaa Abbooy tokko turan.
Ta'uus bara 1971 yaa'iin jalqabaa addichaa yeroo gaggeefametti dura bu'aa addichaa kan jalqabaa ta'uun filatamaniiru.
Qabsaa'aa Mallas Zeenaawwii bara 1981 dura bu'aa ta'ee hanga filatamuttis waggoota 10'f addicha dursaniiru.
Bara jalqabaa qabsoo isaaniitti Abbooy gootaa fi kutaataa akka turan jaalonni qabsoo isaanii dhugaa bahuuf.
Ta'uus hooggansa olaanaa addichaa keessatti hidhatani adda akka uumamuufi walqooduun akka jiraatu godhaniiru jedhamuunis qeeqamu.
Bara 1968 walhiruun moggaasa 'Hinfishifish' jedhamuun beekamuufi bara 1977 ammoo Dr. Aragaawwii Barihee fi Obbo Gideey Zeraatsiyoon fa'aa addicha keessaa akka bahan kan sababa ta'an Abbooyi jedhama.
Bara 1993 wal qoodinsa uumamee tureen ammoo garee MM duraanii Mallas Zeenaawii hoogganoota dhaabichaa 'Aanjaa' jedhaniin hidhanii yoo dararan Abbooy, tiki biyyaa, raayyaan ittisaafi miseensotni koree gidduugaleessaa dhaabichaa Mallas cinaa akka dhaabatan gahee guddoo bahan.
Haata'uutii bara bulchiinsa Mallas keessatti waldhibee gidduu isaaniitti uumamee tureen, dhaaba misoomaa EFFORT jedhamu barootaaf hoogganaa turan irraa kaafamuun isaanii hedduu isaan mufachiiseera.
Mallas erga Abbooyiin aangoo sanirraa kaasaniin booda jalqaba Ambaasaaddar Abbaadii Zoomaa boodas haadha warraa isaanii Azeeb Masfiniin jaarmiyaan misoomaa kun akka hoogganamu godhaniiru.
''Qabsoon nama dhuunfaa ykn garee irratti hundaa'e galma hin gahu''
Hoogganoonni TPLF akka qajeeltootti hooggansa waloon kan amananiidha. Fedha dhaabaan alatti of ta'anii dubbachuuf of qusatu.
Abbooy Sibihaat garuu qajeeltoo kana osoodhuma beekanii waan isaanitti fakkaate dubbachuurraa boodatti hin jedhan ture.
Waggaa darbe turtii BBC Tigiriffaa waliin taasisanii turan irratti ''qabsoon nama dhuunfaa ykn garee irratti hundaa'e galma hin gahu'' jedhanii ture.
''Qabsoon saba Tigraay, bifti isaa biyyaalessummaadha, qabiyyeen keessoo isaa gitaafi Itoophiyummaa ture. Qabsoo uummataati'' jedhanii turan .
Dhimma Eertiraa waliin walqabateen ammoo dubbiin isaanii ''TPLF uummata Eertiraaf, Shaabiyaa caalaa aarsaa kaffaleera'' jedhan, dubbii falmisiisaa ture.
Sababa yeroo dhiyeessanis ''Shaabiyaan yeroo qabsoon xumuraaf dhiyaatu Dargii waliin mariitti ture'' jedhu.
TPLF yeroo itti hundaa'ee eegalee hanga aangoorraa gaggeeffamutti bilisummaa Eertiraa irratti ejjennoo jabaa qaba tures jedhu.
Abbooy maalammaltummaan ''suuta foqoqaa dhufa'' jechuun dubbatu, kanarratti komii isaanirratti ka'uuf deebii akka kennan BBC gaafatee ''goota eenyu qulqulluu, eenyu maalammalaa akka ta'e adda baasutu dhibe jedhaniiru.
Ilaalcha mootummoota alaarraa qaban yoo ibsan ammoo Ameerikaan ''Finfinneetti jijjiirama mootummaa gochuun isaanii osoo hin hanqatiin naannoottis fonqolchi mootummaa akka uumamu gochaa jiru'' jedhanii turan.
''Kan nu ajajaniin olitti, ADWUI diigameera, heerris diigameera, sirni federaalaas diigameera'' jechuun bara 2018'tti dhufaatii MM Abiyyi keessa harki mootummaa Ameerikaa jira ''Ameerikaatu bulchaa nuu file jechuun ifatti dubbatanii turan.
Haalli yeros ture yoo itti fufe ''waraanni waliiniifi dhiigni lola'uu hin oolu'' jedhaniis turan.