Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhimma xiyyaara 737 Max waliin walqabateen Boeing doolaara biiliyoona 2.5 kaffaluuf
Odeeffannoo dizaayinii xiyyaara 737 Max ogeessota eegumsaa nageenyaafi of eeggannoo jalaa dhorsuu isaatiif himannaa yakkaa USn irratti dhiyaateef Boeing adabbii doolaara biiliyoona 2.5 kaffaluuf jira.
Dippaartimantiin Haqaa US (DOJ) dhimmaa xiyyaara balaa gurguddaa lamaa irra ga’e hordofaa ture, dhabbatti Boing “nageenya caalaa bu’aa isaa filate,” jedheera.
Doolarri miiliyoona 500 ta’u maatilee namoota 346 balaa kanaan lubbuun isaanii darbeef kan kennamu ta’a.
Boeing waliigalteen kun dhaabattichi “itti gaafatamummaa isaa ba’uu dadhabuu,” hubachuu isaa mul’isaa jedheera.
Hogganaan Boeing Deevid Kaalhom “ Waliigaltee kanarra ga’uun keenya nuuf waanta sirridha jedheen amana. Kun murtee hagam akka nuti itti gaafatamummaa keenya ba’uu dadhabne itti hubanneedha.”
Dippaartimantiin Haqaa akka jedhetti qoondaltoonni Boeing jijjirama sirna to’annoo balalii xiyyaarichaa MCAS jedhamuu kan dhorkan yoo ta’u, qorannoon akka argatetti jijjiramni kun ammoo balaa xiyyaara Indooneshiyaa 2018f akkasumas Itoophiyaa 2019f sababa ture.
Kana jechuun, barruun leenjii balalii wa’ee sirna kanaa irratti odeeffanno hin qabu, kun ammoo ajaja balaliisaan xiyyaaraa galchuu diduun xiyyaarri erga balalii eegalee booda takka ture funyaaniin akka kufu kan godhu ture.
Boeing gara ji’a ja’aaf qorattootaa waliin hojjachuu didee akka ture DOJ ibseera.
Waliigaltee kana jalatti Boeing USn goyyoomsuu yaluun kan himatame yoo ta’u, yoo waliigaltee kana eeguu danda’e wagga sadii booda ni haqama.
Waliigaltee kana keessa harki caalaan $1.77bn, daandilee qilleensaa maamiltoota dhaabbatichaa turaniifi balaa uumame booda kan balalii dhabuuf dirqamaniif kan kaffalamu ta’a.
Dabalataniis dhaabbatichi adabbii doolara miiliyoona 243.6 kaffaluuf waliigaleera.
Ta’us garuu abukaatoonni midhaamtoota balaa Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa, waliigalteen kun himannaa seeraa siivilii Boeing irratti dhiyaateeru akka hin dhaabne ibsaaniiru.
“Himannaan waliigaltee kanarratti dhiyaate balleessa Boeing keessa isa muurasadha, kun dhaabbata yakka isaaf itti gaafatamummaa fudhachuu dhiisuuf kana mana murtii keessatti maatii lolaa jirudha,” jechuun gartuun abukaatootaa kun ibsa baasaniiru.
Dabalataanis dhaabatti to’annoo qilleensaa FAAn “hanga hanqinni xiyyaarichaa gutummaatti to’atamuttiifi hanga qorannoon qaama of danda’aan tasiifamutti xiyyarri 737 Max baliiliitti akka deebi’uuf eeyyamuu hin qabu ture,” jedhan.
Yaaddoo xiyyaarichaa, kan Mudde US keessatti balaliitti deebi’e, furuu isaa Boeing ni ibsa.