Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ogeessi kaameeraa Rooyitars Kumarraa Gammachuu hidhaa guyyoota 12 booda gadi dhiifame
Ogeessi kaameeraa Rooyitars Kumarraa gammachuu hidhaa guyyoota 12 booda Kibxata hidhaarraa gadi dhiifamu Rooyitars hime.
Guyyoota 12 mana hidhaa ture keessatti kophaa hidhamee kan ture gaazexeessaan kun himati irratti hin banamne.
Rooyitars abukaatoo isaa waabeffachuun akka gabaasetti Kumarraan kan shakkamee hidhame odeeffaannoo sobaa facaasuu, gareelee mootummaa waliin lolaa jiran qunnamuu fi nagaa fi tasgabbii uummataa jeequu kan jedhuuni.
Gulaalaa Olaanaa Rooyitars Isteefan J. Adilar "Kumarraan gadi dhiifamuu fi maatii isaatti makamuutti hedduu gammadne. Gadi dhiifamuun isaa balleessaa homaa akka hin qabne mul'isa," jedhan.
Kumarraan akkamiin akka gadi dhiifamuu danda'e Rooyitars wanti jedhe hin jiru.
Poolisiinis ta'e Abbaan Alangaa Itoophiyaa hidhamuu isaarratti yaada akka kennan gaafatee deebii dhabuu himeera Rooyitars.
Waggoota 10 oliif Rooyitarsiif kan hojjete Kumarraan, Kamisa Mudde 24 bara 2020 wayita to'annoo jala oolu ijoolleen isaa baay'ee rifatanii iyyaa akka turan, ergasiis sammuun isaanii jeeqamaa akka ture haati warraa isaa Hawwi Dassaalany yeroos BBC'tti himtee turte.
Rooyitars akka gabaasetti maatiin isaa gadhiifamuu isaatti hedduu gammaduu himaniiru.
"Kumarraan gadi dhiifamuu isaatiin yaaddoo obbaafanne, warra yeroo rakkisaa kanatti isa deeggaraa turtan hunda ni galateeffanna," jedhan.
"Kumarraan ogeessa kutannaa qabu badii homaa hin qabnedha. Walaba ta'ee dhimma Itoophiyaa gabaasuu qofa fedhiin isaa. Maatiin isaa guyyoota hidhame mara isa yaadaa turan, hiikamee ayyaana gannoo nu waliin dabarsuu isaatti hedduu gammadna."
''Kumarraan garee Rooyitarsi Finfinneerraa haala haqa qabu fi loogiirraa bilisa ta'een gabaasu keessaa tokko. Hojiin Kumarraa oguummaarratti kan hundaa'eefi loogii kan hin qabne waan ta'eef isa hidhuuf sababni akka hin jerre beekna'' jedhee ture Isteefan Adleer.
Dhaabbatni mirga gaazexeessitootaaf falmu fi walabummaa miidiyaalef hojjetu 'Committee to Protect Journalists' CPJ ibsa amma dura baasen sadarkaa addunyaatti hidhaan gaazexeesitootaa hammaachuu isaa himee ture.
Bara 2020 keessaa gaazexeessitootni 274 hidhamuu kan himu dhaabbatichi gaazexeessitootni dhimma Covid-19 fi hookkara siyaasaa akka hin gabaasnef mootummootni dhiibbaa gochuu isaanii hima.
CPJn gabaasa isaa kanaan Itoophiyaa fi Belaarus biyyaalee lakkoofsi gaazexeessitoota hidhamanii itti dabale ta'uu hima.
Itoophiyaatti gaazexeessitootni 7 hidhaarra akka jiran himuunis baay'eensaanii ragaan osoo irratti hin dhiyaatin qorannaadhaaf jedhamee hidhaarra tursiifamaa jiraachuu gabaasichi ibsa.
CPJ dabalatee dhaabbileen mirga namoomaaf falman Itoophiyaan gaazexeessitoota hidhuutti deebi'uun yaaddessaa ta'uu himaa jiru.