Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bara 2020 keessa gaazexeessitoonni 50 ta'an aajjeefamaniiru jedhe RSF
Bara faranjootaa xumuramaa jirutti addunyaa guutuutti gaazexessitootni 50 ta'an ajjjeefamuu waldaan Ripportaroota daangaa maleeyyii(reporters without Boarders) ibse.
Xumura bara 2020 sababeeffachuun gabaasa baaseen gaazexessitootni 46, gargaartootni hojii miidiyaa afuriifi gaazexessaan hawaasaa (citizen journalist) ajjeefamuu ibseera.
Meeksikootti gaazexessitootni saddeet, Afagaanistaaniifi siiriyaatti ammoo afur afur bara kana ajjeefamaniiru jedhe.
Iraan, Somaaliiyaa fi Naayijeeriyaan biyyoota gaazexessitootni keessatti ajjeefaman keessaati.
Dhaabbatni walabummaa Pireesiifi gaazexessitootaaf dhaabatu biroon 'Committee to Protect Journalists' jedhamu (CPJ) bara 2020 keessa gaazexessitootni 30 ajjeefamuu bu'aa qorannoo har'a baaseen ibse.
Hidhamuu gaazexessitootaa
Bara kana keessa hanga dhabbatichi gabaasa kana qindeessettii addunya guutuutti gaazexessitootni 264 hidhamuun ibsameera.
Chaayinaan gaazexessitoota 76 hidhuun addunyaarraa adda duree yoo taatu, harki hedduun isaanii gabasni qabiinsa mirgaa Musliimota Uhuggur ilaalchisee hojjetan ilaalchi addunyaan biyyattiif qabu kan fokkisiise jechuuni.
Gazexessitoota kana keessaa lammiileen biyyattii miidiyaalee idila addunyaaf hojjetan ni argamu.
Masriin 28, Saawdii Arabiyaan 20, Iraan 16, Tarkiin 13, Siiriyaan 12 hidhuun sadarkaalee itti aanan qabataniiru.
Itoophiyaa fi Eertiraa
Dhaabbatichi Itoophiyaatti ogeessa kaameraa Rooyitarsi torbee darbe hidhame Kumarraa Gammachuu osoo hin dabalatiin ogeeyyiin miidiyaa afur hidhamuu gabaaseera.
Dhaabbatni Bilisummaa pireesiifi gaazexessitootaaf dhaabatu CPJ'n ibsa torbee darbe baaseen ammoo gaazexessitootni torba sababa hojii isaaniif hidhamuu gabaasee ture.
Kanneen keessaa shan Sadaasa 4 mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti lolli eegalamuu booda qabamaniis jedheera.
Itoophiyaatti bara 2019 caalaa 2020 gaazexessitootaaf bara wayyoo qabudhaa jedhee, mootummaan mirga gaazexessitootaa kabajuu qabaa jedheera.
Eertiraa keessatti ammoo gaazexessitoota waggaa 19'f hidhaa jiran dabalatee 11 hidhaa akka jiran gabaaseera.
Ogeeyyii miidiyaa kana keessa gaazexessaa Daawwit Yisaaq kan waggaa 19'f hidhame ni argama.
Eertiraa keessatti gaazexessitootni hidhaman eessa akka jiraniifi haalli isaanii akkam akka ta'e beekuun rakkisaadha.
Bilisummaa Pireesiin Eertiraan addunyaarraa sadarkaa 178'ffaarra kaahamtee jirti. Itoophiyaan bara 2019 sadarkaa irra turte 119'ffaarraa barana 99'ffaatti ol dhufteetti.