'Bara 2020 keessa gaazexessitootni 30 ajjeefamaniiru'-CPJ

Dhaabbatni walabummaa Pireesiifi gaazexessitootaaf dhaabatu 'Committee to Protect Journalists' jedhamu (CPJ) bara 2020 keessa gaazexessitootni 30 ajjafamuu bu'aa qoranno har'a baaseen ibse.

Sababa hojii isaaniin gaazexessitootni fo'amanii ajjeefaman kan bara 2019 ture irraa dachaa oliin dabaluu dhaabbatichi ibseera.

Qorannoo CPJ'n gaggeesseen walumagaalatti addunyaarratti bara faranjootaa goolabamaa jiru kana keessa gaazexessitootni hojiisaanirra osoo jiranii ajjeefaman 30 ta'an kana keessaa 21 sababa hojii isaaniif adda baafamanii ajjeefaman.

Lakkoofsi gaazexessitoota bakka lolaa deemanii osoo gabaasanii ajjeefamanii waggaa 20 keessatti isa xiqqaa ta'uunillee gabaasa kana keessatti eerameera.

Hoji gaggeessaan CPJ Jo'eel Siimoon ajjeechaan gaazexessitoota sababa hojii isaaniin adda baafamanii ajjeefamanii dabaluun kufaatii hawaasni idila addunyaa gocha diinummaa dhaabsisuuf qabu agarsiisa jedhaniiru.

Biyyoota ajjeechaan gaazexessitootaa itti hammaate keessaa Meeksikoofi Afgaanistaan jalqabarratti eeramu.

Meksikoon biyyoota Hemisfeeraa Lixaa keessaa biyya gaazexessitootatti hammaattu ta'uun beekamti.

Bara kana qofa gaaxessitootni shan kan ajjeefaman yoo ta'u, afur kan ajjeefaman haaloon itti bahameeti.

Gaazexessitootni Meeksikoo gabaasota akka malaammaltumma kan gabaasan doorsisa daddabarsitoota qorciha sammuu namaa akkaa ol mirqaansuun bibir'achaa akka ta'e gabaasni CPJ ni hima.

Mootummaan pirezidant Andirees Maanu'eel Lopeez gaazexessitoota miidhamarraa oolchuuf fedhiin siyaasaa agarsiise hin jirus jedhameera.

Addunyaa guutuutti gareen yakkitootaa yeroo hedduu gaazexessitoota ajjeesuun kan shakkam ta'uu gareen kun ibsee jira.

Iraanitti ammoo gaazexessaan Roohollaah Zaam Mudde 12 mootummaan ajjeefamuu ni yaadatama.

Gazexessaan kun gabaasa dhaabbatichi gaazexessitoota bara kana keessa hidhaman jalatti maqaan isaa dhahamee baruma walfakkaatuutti kanneen ajjeefaman keessattis eeramuun ''gara jabina mootummaan Iraaniif ragaa dha'' jedha Siimoon.

Addunyaa maratti bara kana bakka lolli ykn waranni jirutti argamanii osoo gabaasaa jiranii gaazexessitni sadii ajjeefamuu fi erga bara 2000 isa xiqqaa ta'uu dhaabbatichi ibseera.

Sadeen isaaniiyyuu Siiriyaa keessatti haleellaa humni qilleensaa Raashiyaa raawwateera jedhamee shakkamuun ajjeefaman jedha CPJ'n.

Gaazexessitootni hafan jaha ammoo gaafatama hojii dhumni isaa lola yookan hokkoratti jijjirame gabaasuu dhaqanii du'an.

Biyyoota gaazexessitootni haala kanaan keessatti du'an keessa Iraaqiifi Naayijeeriyaan ni argamu.

''Ajjeechaan gaaxessitootaa dabaluufi kanneen hidhamaniis riikardii qabachuun wayita addunyaan weerara dhibee keessa jirtuufi odeeffannoon barbaachisaa ta'ettillee bilisummaan pireesii dhiibbaa kana dura mul'atee hin beekne jala jiraachuu isaaf agarsiiftuudha'' jedha Siimoon.

Kana jijjiiruuf walitti dhufuu ni feesisas jedheera.

Dhaabbatichi ammallee duutii gaazexessitoota biroo 15 hojii isaaniin kan walqabatu ta'uufi dhiisuu qorachaa akka jiru ibseera.