Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaan marii biyyoota sadeenii irraa hafuun komii dhageessifte
Marii dhimma hidha Abbayyaa baatii tokkoof addaan citee turee Dilbata walgahii gama masriitiin taasifameen jalqabe. Guyyaa lammataa irratti garuu Sudaan hin argamne jechuun Itoophiyaan yoo beeksistu Sudaan immoo komii dhiyeessiteetti.
Ministeerri Bishaanii, jallisii fi Aannisaa Wiixata kaleessaa baaseen marii ministeerota bishaanii biyyoota sadeen gidduu adeemsifamuuf ture irratti Sudaan hafuusheen hin milkoofne jechuun himeera.
Marii ogeessota Gamtaan Afrikaa filateefi taajjabdoonni irratti argaman kana Itoophiyaatu walitti qabe.
Gama biraan Sudaan akkaataa hidhi Abayyaa bishaan guutamuufi hojii itti aanurratti wal-gahii Wiixata kaleessaa (Amajjii 5) komii akka qabdu Tajaajilli Oduu Sudaan Suunaan Ministeera jallisiifi Bishaanii biyyattii eeruun gabaaseera.
Walgahii gaafa Dilbataa adeemsifame bu’uura gochuun ibsi ministeerichi baasee akka jedhutti, Sudaan gaafuma sana ogeessota Gamtaa Afrikaa waliin lamaan marii gochuuf gaafattus deebii otoo hin argatiin marii biyyoota sadiin gidduutti taasifamu irratti akka hirmaattu gaafatamteetti jedha.
Kunis Sudaan hirmaannaashee irratti komii qabdu ifa akka gootu taasisuu ibsichi himeera. ‘’Sudaan ogeessotni Gamtaa Afrikaa marii kana qindeessuun gaheen guddaa akka kennamuufi ejjennoo qabdu mirkaneessiti,’’ jechuus Suunaan gabaaseera.
Ministeerri Bishaanii, jallisii fi Annisaa Sudaan marii kanarraa hafuushee ilaalchisuun ibsa baaseen,’’ Itoophiyaan ogeessota Gamtaa Afrikaan sanada qophaa’e irratti garaagarummaa yaadaa qabdu mana mare hojii raawwachiiftuu gamtichaaf beeksisteetti,’’ sanadicha maree biyyoota sadeeniif akka galteetti akka fayyadamtus himeera.
Kana malees mariin inni Wiixataa garaagarummaa fi tokkummaa biyyoota kunneen gidduu jiru jabeessuuf kan yaadame akka ture eeruun, Sudaan hirmaachuu dhabuun hafeera jedha.
Gaaffii Sudaan dhiyeessiteen mariin ji’a tokkoof addaan citee ture gaafa Dilbataa yeroo adeemsifame ogeessonni Gamtaa Afrikaa sanada wiixinee dhiyeessan, Sudaaniifi Itoophiyaan yoo deeggaran Masriin mormuun mariin akka itti fufu himamee ture.
Hojiin ijaarsaa isaa harka 78 akka xumuramee kan himamuufi dhiyootti gariin aannisaa maddisiisa jedhamee kan eegamu Hidhi Guddichi Abbayyaa bishaan guutuun otoo hin jalqabiin waliigalteerra gahamuu qaba jechuun Sudaaniifi Masriin dhiibbaa taasisanillee Itoophiyaan waqtii gannaa keessa bishaan guutuu sadarkaa duraa raawwatteetti.
Masriin hamma bishaanii laga Abbayyaa irraa argadhu ni hir’ata jechuun gaaffii kaasturratti Finfinnee, Kaartuum, Kaayiroofi Waashingitanitti biyyooti kunneen marii walitti fufaa taasisanillee hanga yoonaa walii hin galle.
Keesumaa jaarsummaa Ameerikaatiin mariin taasifamu dubbii kana ni goolaba jedhamee eegamus Itoophiyaan faayidaa koo hin eegsisu jechuun maricha keessaa of baastetti.
Haaluma kanaan mariin Gamtaan Afrikaa haala mijeessuun adeemsifamaa kan jiru yoo tahu sababii garaagaraan addaan citaa deebisee jalqabamaa as gaheera.